Hawwanii Margaa Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Ada’aa Bargaatti dhalatte. Maatiisheetiif ijoollee 10fadha. Hanga waggaa 13tti bakkuma itti dhalattetti guddatte.
Isa booda abbaan ishee waan irraa du’aniif gara Finfinnee dhuftee adaadaa ishee bira teessee barachuuf yaadus, mijachuufii waan dideef ji’atti qarshii 150n mindeeffamtee hojii keessummeessummaa hojjechaa turte. Kana malees guyyaa guyyaatti biddeen 300 bakkaa bakkatti geessuun galii dabalataa argachaa akka turte dubbatti, gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasifteen.
Hawwaniin ganama sa’aatii 12:00n kaatee boqonnaa tokko malee hanga halkan keessaa sa’aatii 8:00tti hojjechaa ture. ‘Tiippii’ namoonni kennaniif dabalatee qarshii argattu hunda utuu hinballeessin qusachaa turte. Akka shamarran biroo faashinii hordofuu kan hinbarbaadne ta’uufi kophee tokkittii qabdu galgala galgala miiccitee guyyaa guyyaa itti fayyadamaa akka turte dubbatti.
Hawwaniin waggooa sagaliif ji’a 10 hojii keessummeessummaa erga hojjettee booda qarshii qusatteen hojii dhuunfaashee jalqabuuf murteessite. Waggaa afur duramana waliin jireenyaa ‘Baashaa Waldee’(naannawaa Araat kiiloo) jiru keessaa mana kutaa tokko qarshii kuma 12n kireeffattee mana nyaataa banattee hojii dhuunfaa ishee jalqabde. Yeroo ammaa ammoo naannawuma sanatti mana nyaataa lakkoofsa 2fa banattee hojjechaa jirti.
Umriifi dubartummaa kootiin walqabatees qormaata hedduu keessa darbeen sadarkaan amma irra jirurra gahe kan jettu Hawwaniin, haati kiyya qarshii dhabdus yaadaan na jajjabeessaa turte. Yeroo ammaas na waliin hojjechaa jirti. Haati kiyya mana nyaataa koo lakkoofsa 1fa keessa hojjetti; ani ammoo mana nyaataa koo lakkoofsa 2fa keessan hojjechaa jira. Yeroo koo guutuu hoji irrattin dabarsa jetti Hawwaniin.
Hawwinaan mana nyaataa ishee lakkoofsa 1fafi 2fa keessatti namoota 20f carraa hojii bantee waliin hojjechaa jirti. Hojjettoonni ishees qarshii argatanirraa akka qusatan kan gorsituufi jajjabeessitu ta’uu dubbatti. Muuxannoo horatte, sadarkaa kamirraa kaatee akka as geesseefi qormaata keessa dabarsite hundumaas hojjettoota isheetiif ni qooddi.
Yeroo shamarrummaa faashinii, uffannaafi araadawwan adda addaa waan namatti bareeduuf kanaan akka hingowwomne gorsiti. Umriidhaan hojjettoota ishee caaluu baadhus muuxannoo hojiifi rakkoon keessa darbarterraa ka’uun akka haadhaa, hiriyaafi obboleettiittan isaan gorsa. Jabaatanii hojjennaan rakkoon keessa hindarbamne hinjiru jetti Hawwaniin.
Qusannaan namarraa hafee utuu hintaane akka aadaafi hojii tokkootti fudhannee waan arganne irraa hir’isnee qusachuu qabna. Qusatan malee guddinni hinjiru. Baasiin keenyas hunda sagantaadhaan adeemsisuun biyya keenyatti baay’ee baratamuu baatus keessumaa dargaggoonni baasii seeraan (sagantaan) alaa irraa of eeggachuu akka qaban gorsiti.
“Waantota bor hojiif na barbaachisan durseen qopheeffadha. Baasiifi galii koo boriis adda baaseen bu’aa koo irraa qusachaa wantoota birootiif itti fayyadama. Bu’aa koorraas nan qusadha” jetti. Gara fuulduraatti mana nyaataa lakkoofsa 3fa banuuf karoorfattee hojjechaa akka jirtus ni dubbatti.
Kiraan mana nyaataa ishee lakkoofsa tokkoffaa waggaa afur dura qarshii kuma 12 ture yeroo ammaa qarshii kuma 18 ta’eera kan jettu shamarri umrii 24 tun , mana nyaataa ishee lakkoofsa 2fa qarshii kuma 30n, mana jireenyaa qarshii kuma shaniifi 500n kireeffattee hojjechaa jireenyashii geggeessaa jirti. Waliigalaan ji’atti kiraa manaatiif qofa qarshii kuma 53fi 500 kaffalaa jirti.
Nyaata qulqullina qabu dhiyeessuufi namoota fuula ifaadhaan keessummeessuudhaan yeroo ammaa maamiltoota hedduu horachaa jiraachuu kan eertu Hawwaniin, waan maamiltoonni ishee barbaadanis qulqullinaan kan dhiyeessitu ta’uu dubbatti. Maamiltootni ishee al tokkotti gareedhaan (baay’atanii) yoo dhufan gatii nyaataafi dhuggaatii irraa hir’isuufiin keessummeessaa jiraachuu dubbatti.
“Hojii tuffachuun tasumaa sirrii miti. Ani duraan utuun hojii keessummeessummaa hojjedhuu guyyaatti biddeen 300 baadheen bakkaa bakkatti geessuun mindaa dabalataa argachaan ture. Hiriyoonni koo garuu ati maaliif ba’aa baatta jedhanii natti kolfaa turan. Ani kaayyoo waanan qabuuf waanti hiriyootni koo naan jedhan homaa natti hinfakaatu ture” jetti.
“Kophee qulqulleessuullee haata’u hojii dhuunfaa ofii uummatanii hojjechuun gammachuu nama nama gonfachiisa. Shamarraniifi dargaggootni yeroosaanii hojiidhaan dabarsuu qabu. Araada adda addaafi hiriyoota gara araadawwan adda addaatti isaan oofan irraas fagaachuu qabu. Hiriyaan koo hojii kooti. Araada kamirraayyuu bilisa ta’uun koo ammoo hojii koo jaalalaan akkan hojjedhu nataasiseera” jetti.
“Ani ganama sa’aatii 11:00n ka’ee gabaa deemee wantoota na barbaachisan hunda bitadheen deebi’a. Isa booda hojjettoota koo gargaareen ciree maamiltootaaf qopheessa. Cireedhaan booda laaqana hojjechuuttin darba. Laaqana booda ammoo sagantaa qulqullinaatu geggeeffama. Galgala ammoo hojjettoota koo wajjin dhugaatiiwwan alkoolii gurgurra” jechuun guyyaa guyyaan yeroo ishee utuu hingubin sirriittin itti fayyadamaa jirachuu himti.
Akka Hawwaniin jettutti, ofitti amanamummaafi karoora gara fuulduraa dhabuun, qormaatatawwan nama quunnaman hunda dandammatanii keessa darbuu dadhabuun, araadawwan adda addaatiin qabamuun akkasumas qarshii sagantaa malee baasuufi Waaqayyoon kadhachuu dhiisuun rakkoolee guguddoo gara kufaatiitti nama geessaniidha.
“Gara fuulduraatti yoon carraa argadhe dargaggoota barsiisuun barbaada. Muuxannoo koo isaaniif qooduun barbaada. Ani hojjettoonni koo muraasni hojii ogummaa akka baratan taasiseera. Ani kutaa 8fa ol hinbaranne garuu hojjetoonni koo illee akka barataniif najajjabeessa. Obbolaawwan koo lama barsiisee eebbisiiseera; kaan ammoo barsiisaan jira jetti Hawwaniin.
Qarshii kuma 150 qusachuun hojii dhuunfaa ishee kan eegalte Hawwaniin, yeroo ammaa sadarkaa gaariirra ga’uushee dubbatti. Mana jireenyaas ta’e mana nyaataa kireeffattee waan hojjettuuf bu’aa isheen argatu harki caalaan kiraa manaatiif bahaa jiraachuu dubbatti. Gara fuulduraatti kanaa ol hojjettee dargaggoota biroos fayyadamoo taasisuu akka barbaaddu eerti.
Hojjettoonniifi hiriyoonni ishee yaada nuu kennaniin akka jedhanitti, Hawwaniin shamarree ofitti amanamummaan hojjettu, rakkoolee ishee mudataniif harka hinkennine, gara fuulduraatti kaayyoo guddaa qabdu, kan gad of qabdee hojjettuufi kan nama gorsitu ta’uu ishee dubbatu. Hawwaniin umuriidhaan xiqqoo taatus akka nama guddaatti kan nama gorsituufi muuxannoo ishee kan namaaf qooddu ta’uu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011
5 Comments to ““Qusannaa ‘tiippii’irraa ka’een manneen nyaataa banadhe” — Shamarree Hawwanii Margaa”