Naamusni dirree ispoortii biyyattii xiyyeeffannaa barbaada

Finfinnee: Mataduree, ”Ispoortiin nageenyaafi waliigalte biyyaalessaati” jedhun yaa’iin idlee Mana Maree Ispoortii Federaalaa Mudde 4 bara 2011 Giddugala Aadaa Itoophiyaatti gaggeeffateera.

Yaa’icharratti Ministirri Nageenyaa, Aadde Mofaariyaat Kamiiliifi Ministirri Aadaafi Turizimi Doktar Hirut Kaasaa kan argaman yoo ta’u, bakka bu’oota Komishinii Ispoortii Federaalaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirre Dawaa dabalatee naannolee, waldaaleen ispoortii, federeeshinoonni adda addaa argamaniiru.

Komishinariin Komishinii Ispoortii Federaalaa, Obbo Iristuu Yirdaa gabaasa raawwii hojiisaanii dhiheesuun baldhinaan mariin irratti taasifameera. Gabaasa dhihaate kanarraa ka’uun hirmaattonni adeemsa ture addaan baasuudhaan xinxalaniiru.

Rakkoolee giddugaleessaa hanga gandootaatti turanis sadarkaa biyyaalessaafi biyyoolessaa, keessumaa shaampiyoonaawwan Itoophiyaarratti qabxiiwwan olaanaa argamaniifi dadhabinoota calaqqisan irratti baldhinaan marii taasisaniiru. Qaamni cimaan akka gabbatu, dadhabaan ammoo akka cimus hubachiisaniiru.

Gabaasa dhihaate keessatti rakkowwan ka’ans mootummoota maannoleetti manni marii ispoortii jiraatus iddoowwan oolmaa ispoortii baldhinaan hinjiran. Kanumarraa kan ka’e dargaggoonni iddoowwan oolamaa ispoortiiraa fagaachuun bakka hintaanetti yeroosaanii dabarsu.

Kanaan dura iddoowwan oolmaa ispoortii, keessumaa kanneen kubbaa miilaaf jedhamuun mootummaadhaan beekamanii dargaggootaaf kennamanii turan bulchiinsonni magaalotaa dhimmoota birootiif oolchuun dargaggoonni rakkinnoota adda addaatiif saaxilamaniiru jedhu hirmaattonni yaa’ichaa.

Dirreen kubbaa miilaa dirree nageenyaa, kan obbolummaa, tokkummaafi jaalalaa ta’uun beekamus ammaan tana biyya teenyatti obbolummaan hafee direewwan reebiichaa ta’uu maddiitti lubnuun namaa darbuudhaan, qabeenyi mootummaafi dhunfaas barbadaa’aa jiraachuusaati kan addeessame.

Kanaan dura wayita shaampiyoonaawwan adda addaa magaalota naannoleetti gaggeeffaman ummanni magaalota shaampiyoonicha keessummeessanii gammachuudhaan bahee keessummoota simataa ture.

Bu’uura garee biyyaaleessaatiif kilaboonni biyya keessaa adda dureedhaan ka’an. Kilabootaaf burqaa kan ta’an manneen barnootaati. Manneen barnnootaa ammoo dirree jeequmsaa ta’uun sochiin ispoortii isaanii eddii dhaabatee oolee buleera.

Mootumaanis rakkina kana furuuf tattaaffii taasisus qaamni isa dhagahu waan hinjirreef ispoortiin biyyaa keenyaa guddachuurra quucaraa akka jiru hirmaattonni kunneen muldhisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Naamusni dirree ispoortii biyyattii xiyyeeffannaa barbaada”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *