“Injifannoo siyaasaa aarsaa dhiigaan argame maseensuuf kan kaatu diina Oromooti” -Dargaggoota

Ummanni Oromoo ummata bal’aa jiraachuu Itoophiyaaf bu’uura ta’e yoo ta’u jaarraa tokkoofi walakkaa oliif hacuucamaa mirga abbaa biyyummaafi eenyumaasaa dhabee akka jiraatu taasifamaa tureera.

Sabni kun harqoota gabrummaa isarratti fe’ame ofirraa cabsuuf qabsoo diddaa taasisaa tureen wareegama qaalii kaffalaa turuu ragaaleen seenaa wabiidha.

Itoophiyaa keessatti mootiif mootummaan dabareen wal jijjiiranis hundumtuu Oromoorratti kan hojjetan, Oromoo kan saamaniifi mirga abbaa biyyummaasaa ukkaamsuuf deemuun alatti fayyadamummaa Oromoof hojjetanii hinbeekan.

Kun ta’us hacucccaa sirnoonni kun Oromoorratti qaqqabsiisaa turan hadhaahaa ta’uusaan Oromoon hadheeffatee akka qabsaahu isa taasiseera. Imala hedduun boodas biiftuun bilisummaa bahuusheen dirreen dimokiraasii akka bal’attuuf haalli mijataa uumameera.

Biiftuu bilisummaa kana fiduuf kan dhiige, kan lafeedhaa cabe, kan ajjeefame, harki caalu dargaggeessa Oromoo abdii boruu yoo ta’u injifannoon kan kooti jedhee kan awwaara kaasummoo kumaatamaa ta’uunsaa qeerroo biraa komii kaasaa jira.

Tibbuma kana konfiraansii dargaggoota Oromiyaa 12ffaa Adaamaatti gaggeeffamaa turerratti humnoonni bu’aa cululuqaa qeerroof hawaasa bal’atti abbaa ta’uu barbaadan daangaa seeraa akka qabaatan gaafatameera.

Dargaggoo Ahimed Huseen jiraataa Godina Gujii Aanaa Adoolaa Waayyuuti. Akka inni jedhutti bilisummaa guyyaa har’aa kana arguuf wareegamni qaalii kan kaffalame yoo ta’u, injifannoon argame kun akka maseenuuf shirri diinotaan xaxamaa jiru komii hawaasa bal’aa kaasaa jira. Shira diinota kanaan xaxamaa jiruun rakkoon nageenyaa mudachaas jira.  

Guyyaa guyyaatti jeequmsi akka ka’uuf warreen sababa ta’anirratti tarkaanfiin mootummaa cimuu akka qabuufi kana booda dargaggoon Oromoo dhimma itti dhiigu akka hinqabaanne kaasee, humnoonni karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf bo’ichaafi gadadoo lammiileerratti labsaa jiran of ilaaluu akka qaban kaasa.

Injifannoo siyaasaa wareegama dhiigaafi lafeen aragame kana maseensuuf warreen kaatan daangaa seeraa akka qabaataniif mootummaan kallattii kaa’uu akka qabu eeree, biyya mootummaan jiru keessatti humni hidhatee nageenya lammiilee booressu kun to’atamuu dhabuun jiruufi jireenya hawaasaarratti yaaddoo inni uumu tokko lama miti jedha.

Akka ibsa Dargaggoo kanaatti Itoophiyaa haaraa ijaaruufis ta’e hiyyummaa xiqqeessuuf hanga yaadameetti kaan yeroo ijaaru inni biroommoo kan diigu yoo ta’e jijjiiramichi hiika dhabeessa akka ta’uu ibsa.  Kanaafuu kabajamuu olaantummaa seeraaf hunduu tumsuu akka qabuufi sochii gama kanaan mootummaan taasisaa jiru quubsaa ta’ee waan hinmul’anneef xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaa ta’uu dargaggoo Ahimad ni dubbata.

Yunivarsiitii Dabra Birihaan irraa kan dhufeefi maqaansaa akka dhahamu hinfeene tokko gamasaan dhaabbileen siyaasaa Oromiyaa keessatti jeequmsa uumaa jiran daangaa seeraa qabaachuu malu yaada jedhu kaaseera.

Gujii Lixaa keessatti hidhattoonni seermaleeyyii jiruufi jireenya hawaasaa yaaddoo keessa galchaa akka jiran himee, qaama mootummaatti iyyuuf barnootasaa addaan kutee Konfiraansii dargaggootaa kanarratti argamuusaa ibsa.

Guyyaa bilisummaa har’aa kana arguuf aarsaan qaalii kaffalamaa turuu yaadatee, dhangala’uun dhiigaa ammaan booda akka dhaabatuuf tumsa mootummaa gaafateera. Yeroon kun yeroo itti injifannoo galmaa’e kunuunsan ta’uufi ilaalchi diigumsifi jeequmsi Oromoon lafa kaleessaatti akka deebi’u kan godhu waan ta’eef of ilaaluun barbaachisaa ta’uu dhaama.

Hirmaattoni konfiransichaa tokko tokkos dhaabni biyya bulchu olaantummaa seeraa kabachiisuuf kutannoo inni qabu laafuunsaa wareegama qaalii kaleessa aarsaa ta’e dagachuu waan ta’eef fooyya’uu akka malu kaasu. Dhaabbileen siyaasaa seermaleeyyii bal’achuu dirree siyaasaa kana dahoo godhachuun sirna balaafamaafi dulloomaa dur Oromotarratti balaa ta’aa ture deebisuuf kan yaalaa jiranis dhaabsifamuu akka qaban gaafatu.

Komii dargaggoonni kaasaa jiran kun sirrii akka ta’eefi toora xiyyeeffannoo mootummaafi hawaasaa barbaadu ta’uusaan dhimmichi laayyootti kan bira hindarbamneefi yeroo hinfudhanne ta’uu kan himan ammoo  Pirezdaantiin Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa waltajjicharratti taasisaniin qabsaa’uun Oromoo, Oromiyaa saamaatotarraa bilisa baasuu, mirgi abbaa biyyummaasaa akka kabajamuufi dirreen dimokiraasii akka bal’atuuf ta’uu kaasanii, qabsoo taasifameenis Oromoon siyaasaafi yaadaan caalee argamuusaan siyaasa biyyittii of harka galchee hogganaa kan jiraachuu kaasu. Kanaafuu abbaan fedhe imalicha dadhabsiisuuf abjootus warraaqsichi duubatti deebiha jedhanii yaaduun gowwummaadha jedhu.

Bakka dirreen dimokiraasii bal’atee jirutti yaadaan caalanii argamuun osoo jiruu jeequmsa uumuun karaa qaxxaamuraan yaaliin aangoo dhuunfachuuf taasifamu osoo isaanitti bareeduu akka hafuufi bu’aa qabsoosaa kana fuulduratti tarkaanfachiisuuf yoomuu caalaa dammaquu akka qabu kaasu.

Dheebuun Oromootaa inni kana boodaa misooma itti fufiinsa qabuufi hunda walqixa hirmaachisaa ta’e babal’isuu ta’uu eeranii, humnoonni shira xaxuun Oromoo laaqii hiyyummaa kaleessaatti deebisuuf wixxifatan of qusachuun isaanirra akka jiraatudha kan kaasan.

Akka ibsa Obbo Shimallisitti barri amma keessa jirru Oromoof bara inifannoo, bara tokkummaa, bara tarkaanfachiisaa, bara bu’aan qabsoo Oromootaa ija itti godhatuufi bara gara warraaqsa dinagdeetti ce’amudha. Keessumattuu faayidaa Oromoo argachuu malu qabatamaan mirkaneessuu keessatti ODPn ummatasaa waliin ta’uun  dirqama itti laatame akka ba’atuufi ummatni abbaa bu’aa qabsoo kanaa ta’e isaan waliin hiriiruu akka qabu gaafatu.

Sabboonummaaf ilaalchi tarkaanfachiisaa Oromoon Oromiyaaf qabu uffataaniifi afaaniin  osoo hintaane qabatamaan lafarratti mul’achuun kan irra jiraatu ta’uu ibsanii kana milkeessuuf sochiin taasifamu olola harcaatotaaf warreen jaalala aangoof maraataniin kan gufatu hinta’u jedhu.

Dargaggoonnis sochii mootummaan dhimma Oromoof taasisaa jiru cimsuu keessatti aantummaan hojjechuu akka qabuufi duudhaaf aadaa Oromummaasaa ganamaa dagachuu akka hinqabne kaasu.

Bal’achuun dirree dimokiraasii seerri akka faalla’u kan godhu osoo hintaane dimokiraasummaan akka aadeffatamuufi ta’uun kan eeran Obbo Shimallis, ta’us kanneen injifannoo lafaa wareebame fakkeessuun nageenya hawaasaa booressanirratti tarkaanfiin fudhatamu kan cimu ta’uu ibsu.

Walumaagalatti qabsaa’uun Oromoo mirga abbaa biyyummaafi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf yoo ta’u, humnoota ilaalcha dulloomaa baatanii deemaniin bu’aan warraqsa kana akka hin gufanneefi ce’umsi gara warraaqsa dinagdeetti taasifamu akka milkaa’uuf sochiin taasifamu marti olaantummaa seeraan hogganamuunsaa dirqama yeroonifi jijjiiramichi barbaadu waan ta’eef irartti hojjetamu qaba.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

5 Comments to ““Injifannoo siyaasaa aarsaa dhiigaan argame maseensuuf kan kaatu diina Oromooti” -Dargaggoota”

  1. Pingback: phb ethical beauty
  2. Pingback: live chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *