Qillensi torbee kanaa bitaa malee mirga bubbisuun akka gaaraatti waan itti ulfaate fakkaata. Oduu ijoon torbee kanaas waan gaarii liqimsee isa gadhee hafarsee ummata biyyattii mogolee buusee qalbii cabse.
Waggoottan shanan darbanitti qabsoon gaggeeffamaa ture kan sirna siyaasaa ummata biyyattii boochisaa garee muraasa gammachiisaa ture fonqolchuufi jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ture. Har’a immoo lubbuun dargaggootaafi hayyoota hedduu erga darbeen booda mootummaan aangorra ture geeddaramuu baatus sirnicha dhiiga ummataa irratti qoosaa ture jijjiiruun garuu danda’ameera.
Qabsoo fincila diddaa gabrummaa naannoo Oromiyaatti dhoo’ee dhawata dhawataan immoo gara naannolee birootti babal’ate keessattuu naannoo Amaaraatti hundee gadi fageeffateen aarsaan kanfalamaa ture kan dargaggootaa qofa osoo hintaane, qamotni caasaa mootummaa keessa jiranis sochichaaf dhoksaanis ta’u tumsa guddaa kennaa turan.
Fincilli diddaa gabrummaa sirnicha geeddaree erga sirna siyaasaa haaraa murna muraasaaf osoo hintaane ummata biyyattii hunda giddu gala godhatee ummataaf tajaajilu erga dhufee immoo waggaan tokko darbeera.
Gaaffiiwwan ummataa yeroo gabaabaa kana keessatti ni deebi’a jedhanii yaaduun namatti ulfaatu hedduunis wagguma takkittii kana keessatti deebitee nama heddutti raajii taateeti.
Wanti nama ajaa’ibu garuu ummanni dur sirna cunqursaa irratti waliin qabsaa’aa ture erga sirnicha jijjiireen booda ofiisaatii wal gaarreeffachuu eegaluusaa yemmuu ta’u, haala dur hin baratamneenis wal buqqisuufi wal ari’uudhaan ummatni hedduu biyyasaa keessatti baqataa ta’uuf dirqameera.
Bu’aan bilisummaa silaa ta’uun kan isarra jiraatu waliin gammachuufi waliin jiraachuu malee walitti deebi’anii wal cinquun isaaniif salphina guddaadha.
Torbee kana immoo waan gurra namaatti ulfaatu, kan ijji ilaaltee amanuuf rakkattu, kan firaaf aaliin itti gaddee hidhii xuxe, waan fokkisaan dhaga’aamee hunduu rifate.
Warra waliin sirna siyaasaa biyyattii keessa ture waliin fonqolchetu eboosaa walitti gara galfate, saree abbaan guddusetu abbaa ciniine, ummata dur waliif boo’aa turetu walitti boo’e, tobee gadadoo ta’e.
Jagni umriisaa guutuu waraana keessa turee gaafa tokkos rasaasni diinaa isa hintuqiin nama harkasaa irraa nyaatuun rukutamuun biyya kanaaf seenaa haaraadha. Haaraa ta’uu qofa osoo hintaane immoo safuu biyyaa kan cabseedhas.
Jabana wanti hundu jijjiirame namni harkaan nyaachisan nama nyaachuu yoo eegale, eenyuun amananii eenyuun baqaturee? Hoggantoota gurguddoon jijjiirama kana dhugoomsuuf aarsaa heddu kanfalaa turan eegduusaaniitiin ajjeefamuun kunoo warra hafeef ergaa maalii qaba? Quba isa ittaanutti hidhaniin immoo gaaffilee kana hundaaf deebii qaba.
Kana jechuun immoo eegduun hundi rakkoo qabaa osoo hintaane mallattoon torbee kanaa namni ergama badii fudhatu eessaallee akka hindhabamne kan agarsiisu waan ta’eefi.
Walumaa galatti, gootni adda waraanaatti addasaa kennee injifannoo malee injifatamee hinbeekne nama mana eeguufi harkasaatii nyaatuun wareegamuu caalaa wanti nama gaabbisiisu hin jiru waan ta’eefis of eeggannoon diina fagoo qofarraa osoo hintaane fira fakkaattota dhihoo irraayyis ta’uu qaba.
Bayyanaa Ibraahimiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011
6 Comments to “Namni biyya eegu nama isa eeguun wareegame; WARRA HAFEEF MAAL DHAAME?”