Raabsi Gaazexaa Bariisaa ammayyuu xiyyeeffannaa barbaada

Finfinnee: Gaazexaan Bariisaa bara 1969 kan hundaa’e yoo ta’u, aadaa, afaaniifi seenaa Oromoo beeksisuufi barsiisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa tureera; taasisaas jira. Gaazexaan seena qabeessi kun ji’a tokkoo as qabiyyeewwaniifi fuula isaa dabaluudhaan halluu hawwataadhaan fooyya’ee dubbistootaaf dhiyaachaa jira.

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas raabsa gaazexichaa godinaalee, aanaaleefi magaalota Oromiyaa hunda keessatti babal’isuudhaafi dubbistoonni haala salphaan argatanii akka dubbisan taasisuuf mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun hojjechaa jira. Hawaasnis yeroo gara garaa gaazexicha karaa ittiin argatu yeroo gara garaa gaaffii dhiyeessaa jira. Raabsi gaazexichaa isaan bira ga’aa kan hinjirre ta’uufi kan gaazexicha argachaa jiranis yeroodhaan argachaa kan hinjirre ta’uu dubbatu.

Barattoonni Yunivarsitii Bulee Horaa, Muumee Afaan Oromoofi Ogbarruu waggaa sadaffaa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dhufanii kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa daawwataniiru.  Barataa Buunoo Dullachaa akka  jedhutti, kanaan dura gaazexicha maqaa isaa dhagahuu irraa kan hafe argatee dubbisee hinbeeku. Daawwanaa kanaan garuu gaazexichi aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru ta’uusaa hubachuu dubbata. Gaazexichi bara Afaan Oromootiin dubbachuu, barreessuu, barsiisuufi ittiin hojjechuun dhorkaa turetti qubee Saabaatiin ta’us Afaan Oromootiin bareeffamaa turuun isaatiin gaazexaa seena qabeessa isa taasisa. Ammaan booda gaazexicha Weebsaayitiifi Fees Buukii isaa hordofuudhaan kan dubbisu ta’uu eereera.

Gaazexaaxichi yeroo ammaa qabiyyeewwaniifi fuulawwan isaa fooyyessee dubbistootaaf dhiyaachaa jiraachuun isaa fooyya’iinsa gaariidha kan jedhu barataan kun, kana malees raabsa isaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabus hima.

Daawwannichaan adeemsa gaazexichi keessa darbee maxxanfamu hubadheera kan jettu Barattuu Buzunash Kumaa, wayita daawwannaattis Afaan Oromootiin  ibsi nuuf kennamuufi Afaan Oromootiin gaafannee deebii ga’aa argachuun keenya baay’ee nu gammachiiseera jetti.

Barsiisaa Bulchaa Nagaraa yunivarsitichatti, damee barnoota gaazexeessummaafi Kominikeeshinii barsiisu. Akka isaan jedhanitti, daawwannichi barattoonni waan kutaati baratan hojii qabatamaan arganii akka hubataniif isaan gargaara. Gaazexaan tokko adeemsa akkamii keessa darbee akka maxxanfamuufi boodas yeroo hojiitti bobba’an haaraa akka itti isaanitti hintaaneef kan isaan gargaaru ta’uu himaniiru.

“Ani Yuunivarsitii irraa eebbifamee akkan baheen Gaazexaa Bariisaa irra waggaa lamaaf hojjecheera” kan jedhan barsiisaa Bulchaan, yeroon barattoota barsiisanillee gaazexicha fakkeenya fudhatanii barsiisaa jiraachuu himu. Gaazexichi yeroo ammaa sadarkaa guddachuu qaburra gahuu baatus yeroo dhiyoo as qabiyyeewwan, fuulliifi halluu isaa fooyyessuun bifa dubbisaa hawwatuun maxxanfamee dhiyaachaa jiraachuun jijjiirama gaarii ta’uu himu.

Waggaa tokko dura yeroo gaazexicharraa hojjechaa ture fuulli gaazexichaa 12 turuu yaadatanii,  yeroo ammaa fuulli gaazexichaa 24tti guddachuun isaa jijjiirama guddaadha jedhu. Raabsi gaazexichaa bifa dubbisaan hundi barbaaduun dhiyaachuu dhabuufi rakkoo guddaa gaazexicha mudatee jiru ta’uu himaniiru.

Raabsi gaazexichaa yeroo baayee biiroleefi kutaa hoggantootaatti raabsama malee haala hawaasni argatee dubbisuu danda’uun dhiyaachaa hinjiru kan jedhan barsiisaa Bulchaan, kan bitatee dubbisuu barbaaduufis haalli mijaa’aan uumamuu akka qabuufi raabsa gaazexichaa mirkaneessuun ammayyuu hojii xiyyeeffannaa guddaa barbaadu ta’uu himaniiru.

Natsaanat Taaddasaatiin

Suurri Daanyee Abarraa

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

One Comment to “Raabsi Gaazexaa Bariisaa ammayyuu xiyyeeffannaa barbaada”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *