Finxaaleyyiin bu’aa qabsoo qeerroo gufachiisuuf yaalan of qusachuu qabu jedhame

  • Maqaa Baaladaraatiin mootummaa lammaaffaa ijaaruuf yaaluun yakka

Adaamaa: Finxaaleyyiin bu’aa qabsoo qeerroof uummataa gufachiisuuf yaalan of qusachuu akka qaban Waajjirri  Giddugaleessaa ODP beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Addisuu Araggaa konfiraansii dargaggoota Oromiyaa 12ffaa tibbana Adaamaatti gaggeeffamerratti argamuun haasa’a taasisaniin, finxaaleyyiin tokko tokko bu’aa qabsoo qeerroof uummataa gufachiisuuf kaatan jiraachuu dubbataniiru.

Finxaaleyyiin kunneen kaleessa ofiiyyuu hidhaa keessaa turuu kaasanii, injifannoo cululuqaa qeerroof hawaasni wareegama qaalii galmeessisuun argamsiiseen bilisummaansaanii labsamuu danda’uusaa addeessu.

Kun ta’us dirree siyaasaa hoggantootni haaromsaa bal’isan kana sababa godhachuun bu’aa qabsoof imala jijjiiramaa kana gufachiisuuf ganamaaf galgala shira kan xaxan jiraachuu eeranii,  dirreen dimokiraasii Itoophiyaa keessatti babal’achaa jiru kun akka feeteen kan dhufe waan hin taaneef kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Kuni ta’us finxaaleyyiin ilaalcha doofummaa kaleessaa baatanii deeman yaada mo’ataan hogganamuurra ilaalchaaf yaada dhuunfaasaanii ummata Oromootti fe’uun Oromoof saboota biraa lafa kaleessaatti deebisuuf carraaqaa jiraachuu Obbo Addisuun dubbataniiru.

Biyya mootummaa qabdu keessatti ilaalcha dimokiraatawaafi yaada caalmaan caalanii argamuun osoo mijataa ta’ee jiruu gochi maal nadhibdeen mootummaa lammaaffaa hundeessuuf yaaliin taasifamuu callisaan kan bira darbamu akka hintaanee ni ibsu..

Dirreen dimokiraasii bal’ate jechuun olaantummaan seeraa kabajamuu dhaba jechuu akka hintaanee kaasanii,  finxaaleeyyiin maqaa Mana Marii Baaladaraa jechuun of muudanii imala jijjiiramaaf haaromsichaa gufachiisaa jiran itti gaafatamummaa seeraa jalaa bahuu akka hindandeenye hubachiisaniiru.

Oromoofis ta’e sabaafi sablammoota Itoophiyaaf qabsoon kana booda barbaachisu warraaqsa dinagdee ta’uu kan himani ittigaafatamichi seermaleeyyiin fayyadamummaa  lammiilee ugguruun karaa qaxxaamuraan aangoo dhuunfachuuf yaalan of qusachuun akka isaanirra jiraatu dubbataniiru.

Yeroo ammaattis ilaalcha anatu siif beeka jedhuun dargaggoota kakaasuun boo’ichaaf wawwaannaan kaleessaa akkasumas gabrummaa jaarraa tokkoof walakkaa ummata Oromootti fe’uuf kanneen hojjetan jiraachuus eeranii,  ta’us ilaalchi mo’amaa harcaatootaa kun bu’aa qabsoo Oromoo duubatti deebisuu akka hindandeenyeefi  qeerroofi qarreen Oromoo b’aa injifannoosaaniif waardiyyaa dhaabachuu akka qaban dhaamaniiru.

Ammaan boodas harcaatota mootummaa lammaffaa ta’anii of muudaa akkasumas nageenya lammiilee booressaa jiranarratti tarkaanfiin sirreessaa kan fudhatamu ta’uu eeraniiru. Oromoon kana booda kan isaaf hojjetu malee bosona keessa taa’e kan isa ajjeesu waan hinbarbaanneef warreen ilaalcha akkanaan lammii miidhaa jiran deebihuu akka qabanillee yaadachiisaniiru.

Akka ibsa Obbo Addisuutti humnoonni qabsoo Oromoo gufachiisuuf yaalan jaalleewwan hedduu Oromoof hojjechuuf kufanii ka’aa turan ajjeesuuniifi madeessuun harqoota gabrummaa Oromootatti deebisuuf hawwii kan qaban yoo ta’u kana booda umrii akka hindheeranne tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru.

Keessumattuu ajjeechaan dararamni jaalleewwan Lixa Oromiyaa irratti fuulleffatee jiru oolee bulee komii hawaasa ba’laa kaasaa waan jiruuf hawaasa waliin ta’uun tarkaanfiin sirreessaafi barsiisaa akka fudhatamuuf hojiitti seenamuus ibsaniiru.

Waasihuun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

4 Comments to “Finxaaleyyiin bu’aa qabsoo qeerroo gufachiisuuf yaalan of qusachuu qabu jedhame”

  1. Pingback: แผ่น HPMC
  2. Pingback: Buy Rifle Ammo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *