Maal balleessinaan ajjeefaman?

Finfinnee: “Yakka suukaneessaadha, jeneraalichi dheebuu taayitaallee hinqabu, lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisuuf oliifi gadi fiiguun qondaaltota mootummaa waliin hojjechaa turan.

Hangan beekutti yakka isaan ajjeessisu tokkollee hinqaban; hinhojjennes. Ijoollummaarraa kaasee nama biyyasaaf hojjechaa har’a gaheedha, keessumaa ammoo rifoormiiwwan raayyaa ittisa biyyaa keessatti gaggeeffamaa jiran milkeessuuf onneetiin hojjechaa jiru. Kanaaf maal balleessinaan ajjeeffame?, kaawwanis badiinsaanii maali?” jechuun sirna gaggeessaa reeffa Jeneraal Sa’aree Mokonniniifi Mejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraa Kibxata darbe taasifamerratti kan ragaa bahan Shuumii Itamaazyoorii Ittaanaa Humna Waraanaa Jeneraal Birhaanuu Juulaati.

Akka ragaa bahumsasaaniitti, jeneraalotni lameen ajjeeffaman umrii ijoollummaa isaaniirraa kaasee qabsoo siyaasaa keessa waan turaniif, ummataafi biyyasaanii jaalataniif halkaniifi guyyaa hojjechaa turaniiru. Keessumaa ammoo Jeneraal Sa’aree Mokonnin waggoota kurnan lamaan darban keessa humna waraanaa mootummaa Itoophiyaa bocuuf akka moodelaatti tajaajilaa turuusaanii ibsaniiru.

Jeneraal Sa’areen misooma loltootaatiin, qophiifi hoggansa waraanaatiin, gootummaatiin, rakkoolee hunda cabsee darbuutiin, kutannoofi ejjennoo ummataafi mootummaa qabatee darbuutiin jeneraala seenaa hojjechaa ture ta’uusaas ibsaniiru. Kunimmoo bara jireenyaasaanii guutuu dhaloota bocaa kan turan ta’uusaanii kan mul’isu ta’uusaati.

Hojiilee Jeneraal Sa’areen hojjechaa turan ammoo akkumasaanii gootota waraanaa biyyasaaniif amanamummaan dhaabbatanii hojjetan akka bocnuuf ka’umsa nuuf ta’eeraa jedhan. Hundarra ammoo wayita waraanaafi rakkinni addaddaa raayyaa ittisa biyyaa mudatutti abdii guutuutiin nama biyyasaanii tajaajilaa turaniidha jedhan. Humni raayyaa ittisa biyyaa wayita ammaa jirus akkuma Jeneraal Sa’aree gootota waan ta’aniif, yoomillee kaayyoon qaamolee badiisaa fiixa hinbahu; ciminaan ni qabsoofnas jedhan.

Jeneraalotni lameen ajjeeffaman kufaatii sirna dargiirraa kaasee yeroo addaddaatti rakkinoota biyyattii mudachaa turan furuuf gahee olaanaa taphachuusaanii eeranii, kaayyoofi mul’atasaanii dhugoomsuuf kutannootiin halkaniifi guyyaa kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.

Kaayyoon hattootaafi saamtotaas akka hinmilkoofneef loltoota gahaa qabna kan jedhan Jeneraal Birhaanuun,  humni waraanaa biyyattii akkuma kaleessa dheengaddaa tokkummaatiin ummataafi biyyasaaniif waardiyyaa dhaabbachuu akka qaban gaafataniiru.

Ajjeechaan jeneraalotaafi hoggantoota olaanaa naannoo Amaaraarratti raawwates Itoophiyaa diiguuf kan karoorfameedha jedhanii, turtii sa’aatii tokko hinguunne keessatti to’achuun danda’amuusaas dubbataniiru. Wayita ammaas haalli nageenya biyyattii gadda guddaan kan haguugame ta’uyyuu carraattii jijjiiruuf Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa waliin hojjechaa jirraa jedhaniiru.

Hoggantoota olaanaa urjii ta’an qaamolee badiisaan ofbiraa dhabnuyyuu warreen Jeneraal Sa’aree Mokonnin, Mejar Jeneraal Gazaa’ii Abarraa, Doktar Ambaachoo Mokonnon, Izaz Waaseefi Migbaaruu Kabbadaa jalatti guddatan hedduun jiraachuusaanii leellistootni sirna fewudaalizimii hubachuu qabuu jedhan. Dhalootni har’aas dammaqinaan leellistoota kanneenirratti qabsaa’uu akka qaban dhaamaniiru.

Ministirri muummee ittaanaa RFDI Obbo Dammaqaa Mokonnon sirna awwaalcha hoggantoota olaanaa naannoo Amaaraa Roobii darbe Baahir Daarirratti adeemsifamerratti argamuun haasaa kan taasisan yoo ta’u, Doktar Ambaachoo Mokonnon (Pirezidaantii BMN Amaaraa)fi waayilootnisaanii lamaan ajjeeffaman sadarkaa naannoofi federaalaatti ummataafi biyyasaanii amanamummaan tajaajilaa turan ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa ammoo jijjiiramoota siyaasaa biyyattii keessatti mul’achaa jiran dhugoomsuuf hoggantoota aarsaa guddaa kaffaluun bilisummaa dhugoomsan keessaa adda durummaan kan waamaman ta’uus eeraniiru. Gootota ummataafi qabsaa’uun hojjechaa jiran kanneen rasaasaan ajjeesuun garuu sammuu namaaf ulftaataadha; yeellaasisaadhas jedhan. Kaayyoo gootota shiraan ajjeefaman kanneenii dhugoomsuufis kutannoon kan hojjetan ta’uus dubbataniiru. Ummattootni Itoophiyaafi naannichaa marti nageenyasaa eeggachuutiin hojiilee misoomaa eegalaman itti fufsiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Gaaffiin, gaabbiifi aariin ummattoota Itoophiyaas, “Maal balleessinaan ajjeeffaman?” kan jedhudha. Akkuma Oromoon, “Gadheetu goota galaafata!” jedhee mammaakutti goototni kunneen badiisaanii malee qaamolee badiitiin lubbuusaanii dhaban. Dheebuufi kaayyoo leellistoota sirna durii hunkuteessuuf ammoo lammiileen hundi mootummaa cinaa hiriiruu akka qaban gaafatameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22 bara 2011

Recommended For You

2 Comments to “Maal balleessinaan ajjeefaman?”

  1. Pingback: safe eft hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *