Monoppolootaafi kaappitaalistoota farra hariiroo hawaasummaa

Waggoota sadan darban keessa Baha, Lixaafi Kibba Lixa biyyattiitti lammiileen Itoophiyaa miliyoona 1.4 ta’an qe’eefi qabeenya qabanirraa sababa walitti bu’iinsaan buqqaafamuusaanii Kaawunsiliin Naannawaa Gaanfa Afrikaa Noorwayi argannoo qorannoosaa ji’a Ebla keessa baranaa Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessuusaa kan yaadatamuudha.

Ergasii as garuu jijjiiramoota siyaasaa biyyattii keessatti mul’ataniifi kutannoo hoggantoota jijjiiramaatiin irra caalaan lammiilee buqqa’anii gara qe’eefi qabeenyasaanii duraatti  kan deebi’an yoo ta’u, gariin ammoo tumsa ummataafi mootummaatiin, akkasumas deggarsa diyaaspooraan taasisaniin naannawaa magaalota addaddaatti qubachiifamuun jireenyasaanii akka gaggeeffatan ta’eera. Hanguma har’aattillee lammiileen asiin dura buqqaafaman gara jireenyasaanii duraatti deebi’aa akka jiran kan hubatamuudha.

Haa ta’u malee lammiileen miliyoona caalan kunneen seenaa Itoophiyaa jaarraa tokkoofi walakkaa keessatti si’a jalqabaaf maaliif qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqaafaman? Dhuguma walitti bu’iinsi sabarratti xiyyeeffatee uumameeraa? Qooda fudhattootni (actors) eenyu fa’i? Gaaffilee kanneen  deebisuuf hayyootni Yunivarsiitii Wallaggaa Oromiyaa Lixaafi Beenishaangul Gumuzirratti xiyyeeffachuun qorannoo saayinsawaa adeemsisaa turaniiru; argannoo qorannoosaaniis yeroo yerootti mootummaaf dhiyeessuurratti argamu.

Mistar Darajjee Hinnawuu barsiisaa seenaa yunivarsiitichaa yoo ta’an, ji’oota shanan darban keessa mata dureewwan qorannoo, “Sababoota walitti bu’iinsa ummata Oromoofi Beenishaangul Gumuz daangaarra jiraataniifi laafina duudhaalee waliin jireenya ummattootaa Itoophiyaa Lixaa” jedhanirratti adeemsisaniiru.

Akka argannoo qorannoosaaniitti, qaamoleen Oromiyaa Lixaatti lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa akka  buqqa’an gochuun balaa geessisaa turan invastarootaafi namoota dhuunfaa qabeenya uumamaa naannichaa saamuufi saamsisuu mi’eeffataniidha. Isaan kunneen ammoo ‘monoppolootaafi kaappitaalistoota’ ta’uusaanii qorannoo adeemsisaa turaniin irra gahaniiru. (Monoppoloota jechuun namoota dhuunfaa ykn gareelee qabeenya uumamaa ykn sirna bittaafi gurgurtaa/daldalaa ofumaan qabatanii itti fayyadamaniidha. Kaappitaalistootni ammoo dureessota omishaafi omishtummaa naannawaa ykn biyya tokkoo guutummaatti to’achuun hojjetanii fayyadamaniidha.)

“Abbootiin qabeenyaa guguddoofi hoggantootni caasaalee mootummaa sadarkaa garagaraarra jiran tokko tokko, akkasumas gareen daldaltoota siyaasaa muraasni ummata Oromoofi Beenishaangul Gumuz daangaarra jaarraa hedduuf nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan gidduutti abidda qabsiisuun walitti bu’iinsa uumaniru. Qaamoleen kunneen ammoo karaa seeraan ala walitti hidhachuun qabeenya uumamaafi dinagdee Itoophiyaa Lixaa kanneen akka warqee, albuudotaafi lafa qonnaa gabbataa qabachuun saamaa turaniiru; namoota dhuunfaa gurmeessuunis akka saamamu godhaniiru” jechuun hojiileefi tooftaa seeraan alaa qaamoleen kunneen raawwachaa turan addeessu.

Fayyadamummaa ykn bu’aa qabeessummaasaanii caalaatti mirkaneeffachuuf ammoo hariiroo hawaasummaa sabootaafi sablammootaa diigaa turuusaaniis ni dubbatu. Kanaanis walitti bu’iinsi sabootarratti xiyyeeffatee akka ka’uuf tooftaalee garagaraa fayyadamaa turaniirus jedhu. Fakkeenyaaf, ummata Oromoo buqqisuuf  “Dacheen gabbataafi albuudotni Gumuzotaa Oromoon saamameera, horiin gaanfaa keessan isinirraa fudhatameera, ABO’n isin balleessuuf isinitti dhufe ”  jechuun sodaa uumanii kakaasaa akka turan ibsu.

Kaayyoon qaamolee kanneenii gadi fageenyaan wayita qoratamu qabeenya uumamaafi faayidaa siyaasaa fedhan harkatti galfachuun siyaas-dinagdee biyyattii gara barbaadaniitti naannessuudha jedhu. Tooftaan kunimmoo albuudaafi warqee haala barbaadaniin itti fayyadamuun bu’aa qabeessummaasaanii akka mirkaneeffatan kan isaan dandeessisu ta’uusaati jechuudha. Adeemsa keessa ammoo qaamoleen kunneen kaappitaalistoota waan ta’aniif dinagdee Itoophiyaa salphumatti harkasaaniitti galfachuuf warra halkaniifi guyyaa seeraan ala hojjetan ta’uusaanii hubachuun gaariidha jedhu.

Ummatni Oromoofi Beenishaangul Gumuz daangaarra waliin jiraatan seenaan, aadaafi afaaniin walkeessa galaniiru. Waggoota sadan darban keessa walitti bu’iinsa sabaa kan fakkaatuun garuu lubbuun lammiilee hedduu badeera; qabeenyis barbadaa’eera. Isaanis madda walitti bu’insichaa yoo ibsan, “Dhuguma walitti bu’iinsonni turan  goddaannisa salphaatti baduu hindandeenye uumeera. Qaamoleen qabeenyaa uumamaafi siyaasa Itoophiyaa ‘monoppoliidhaan’ dhuunfachuu fedhan sabootaafi sablammoota, akkasumas ummattoota gidduutti walitti bu’iinsi sabarratti xiyyeeffate akka uumamuuf ciminaan hojjechaa turan. Badii guddaas dhaqqabsiisaniiru” jedhu.

Kanarraa kan ka’e ummatootni jaarraa hedduuf karaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan walwaraanuu keessatti qooda akka fudhatan dirqamaniiru. Wanti hubatamuu qabu garuu monoppolootniifi kaappitaalistootni kunneen caasaalee bulchiinsa mootummaa sadarkaa gaaraa hanga gadiitti jiran muraasa waliin hidhata guddaa kan qaban ta’uusaati. Kunimmoo duudhaaleen waliin jireenyaa hawaasummaa salphumatti akka laafan ykn diigaman taasiseeraa jedhu. Kana bakka duraatti deebisuuf ammoo yeroo kan fudhatu ta’uyyuu hariiroo obbolummaafi ollummaa ummata Oromoofi kanneen biroo cimsuuf sochii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gochaa jiru dinqisiifataniiru; caalaatti hundee hinsochoonerra dhaabuuf ammoo misooma dinagdeetiin walitti hidhuun murtessaa ta’uusaas ni gorsu.

Kutaaleen hawaasaa sadarkaa gadiirra jiranis walsafeeffatanii walitti dhufeenya obbolummaafi ollummaatiin jiraachuu abbootan darbanirraa barachuu akka qaban yaadachiisu. Kanaafis hunduu qoodasaa bahachuu qabas jedhu.

Mistar Galataa Gammachuu ammoo barsiisaa saayinsii siyaasaafi qunnamtii biyyoolessaati. Akka isaan jedhanitti, waggoota darban keessa hariiroon hawaasummaa ummata Oromoofi Beenishaangul Gumuz gidduu ture laafaa hinturre. Gaaffii, “Hariiroon hawaasummaa Oro-Beenii  sadarkaa gaariirra erga turee yeroo yerootti maaliif jeeqama?” jedhuufis qorannoon mirkaneessuusaanii dubbatu.

“Bulchiinsi naannoo Beenishaangul Gumuz naannolee biyyattiin qabdu saglan keessaa tokko yaa ta’u malee ofumaan ofbulchaa hinturre. Qaamoleen qabeenya biyyattii akkuma margaa qorqanii dheedaa turan siyaas-dinagdee biyyattii harkatti galfachuuf seeraan ala haalaafi gara barbaadanitti socho’aa turaniiru; seeraan alas fayyadamummaa isaanii mirkaneeffataniiru. Isaan kunneen ammoo jijjiiramni siyaasaas ta’e dinagdee biyyattii keessatti akka dhufu hinfedhan. Warraaqsi qarreefi qeerroo, akkasumas sosochiin ummataa hoggansa ADWUI duraanii mormu uumamnaan ummattoota gidduuti walitti bu’iinsi akka uumamu taasisaniiru” jechuun dubbatu.

Kanarraa kan ka’e ummattootni lameen oduu sobaafi ragaalee qindeeffamaniin hariiroon hawaasummaasaanii akka laaffatu godhameera jedhu. Kunimmoo keessumaa kutaaleen hawaasaa gandoota daangaa naannolee lameenii keessa jiraatan waliiwalii isaanii akka miidhan taasifameera. Balaansaa ammoo caalaatti daa’imman, dubartootaafi abbeeran kan miidhe yoo ta’u, siyaas-dinagdee biyyattii daran kan hube ta’uusaas dhugaa ifatti mul’atuudhaa jedhu.

Akka ibsasaaniitti, hariiroo hawaasummaa ummattoota lameen gidduutti uumamee ture deebisuuf ummatniifi mootummaan hojii boonsaa hojjechaa jiru. Keessumaa ammoo ji’a darbeerraa kaasee Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa hariiroo obbolummaa ummata Oromoofi Beenishaangul Gumuz, Gaambellaa, Affaar, Sumaaleefi Amaaraa cimsuuf tattaaffii olaanaa taasisuunsaa akka ciminaatti kan fudhatamu ta’uu dubbatu. Garuu hariiroo obbolummaa afaanumaan uummachuun gahaa miti jedhu.

Kanaaf duudhaalee hawaasummaa sabootaafi sablammoota waliin jiraatan gidduutti laaffatan deebisanii ijaaruun murteessaa ta’uusaa yaadachiisu. Ummattoota lameen misooma dinagdeetiin walitti hidhuuf ammoo bulchiinsi motummoota naannolee lameenii karoora qopheeffatan sirnaan hojiitti hiikuu akka qabanis ni gorsu. Lammata walitti bu’iinsonni kamiyyuu akka hinuumamneefis mootummaan hordoffiifi to’annoo walirraa hincitne taasisuu akka qabus yaadachiisan.

Hayyuun siyaasaa ‘A.P.J. Abduk Kalam’ jedhamu “Walitti bu’iinsi hawaasaa kan uumamu wayita duudhaaleen waliin jireenya hawaasummaa laafaniidha” jechuun waraabbiisaa keessatti ibseera. Kanaaf hawaasa gidduutti walamantaafi jaallalli akka uumamuuf kutannoon hojjechuu barbaachisa. Monoppolootniifi kaappitaalistoonnis qaawwuma kanatti fayyadamu waan ta’eef.

Takkaalliny Gabayyootiin

   (Suurri Gabaaboo Gabreetiin)

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

7 Comments to “Monoppolootaafi kaappitaalistoota farra hariiroo hawaasummaa”

  1. Pingback: slot88
  2. Pingback: omg
  3. Pingback: altogel
  4. Pingback: live cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *