Artisti Iteenash Girmaa bara 1959 hanga 2011tti

Keessumaa sirbashii barii birraa bara 1996 “Inquxaaxaash Shinooyyee (Qaammee)” jedhamuun ummata biyyattii biratti daran kan beekamtu Artisti Irreessaa Iteenash Girmaa  Waxabajjii 4 bara 2011 naannawa sa’aatii 10:00tti addunyaa kanarraa du’aan boqottee sirni awwaalchashiis Waxabajjii 5 bara 2011 Finfinnee, Bataskaan Gabri’eelii Labuutti raawwatameera.

Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas gadda boqochuu artistii beekamtuu kanaatiin itti dhagahame ibsaa, seenaa  jireenyaashii kan yeroo sirni awwaalchaashii raawwatamu odeeffate akka gadiitti qindeesee dubbistootasaatiif dhiyeesseera.

Artisti Iteenash akka waamicha duriitti Kutaa Biyya Shawaa, (Godina Shawaa Kibba lixaatti) ammaa Aanaa Qarsaa Maallimmaa, Ganda Iidaa jedhamutti bara 1959 abbaashii Obbo Girmaa Boggaalaafi Aadde Muluu Roobaarraa dhalatte.

Barumsashii sadarkaa duraa Mana Barumsaa Baqqalaa Wayyaatti, kan jiddugaleessaa Tasfaa Goohitti, hordoftee sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barumsaa Manneen Barnootaatti xumurte.

Artisti Iteenash bara 1977 biyyaafi lammishii loltummaan tajaajiluuf leenjiif Wiirtuu Leenjii Poolisii Sirreessaa Alaltuu seentee turte. Ta’us kennaanshii ganamaa aartiidhaan ummataafi biyyashii tajaajiluu waan ta’eef Mana Barumsaa Muuziqaa Poolisii Kolfee bara 1977 ji’a Amajjii keessa seente.

Iteenash leenjicha baruma eerame kana keessa xumurtee waraqaa ragaatiin eebbifamte. Bara 1981 abbaa warraashii Artisti Dammaraa Laggasaa wajjin gaa’ela dhaabbachuun waggoota 31 darbaniif bultii milkaa’aa geggeessaa turaniiru.

Jireenyashii keessaa waggoota 25 oliif ogummaa artii keessatti dabarsiteen albamiiwwan sirbaa Afaan Oromoo lama, kan Amaariffaa tokko akkasumas weellisitoota biroo wajjin ta’uun  albamii tokko, walumaagalatti albamiiwwan sirbaa afur ummata Itoophiyaatiif dhiyeesiiteetti.

Wayita walitti bu’iinsa Itiyoo-Ertiraas adda waraanaatti argamuun raayyaa ittisa biyyaa onnachiisteetti. Gootummaa raawwatte kanaanis sadarkaa Irreessummaa gonfatteetti. Tajaajilashii waggoota dheeraafis waraqaa raga sadarkaa jalqabaa badhaafamteetti.

Artisti Iteenash abbaa warraashii Artisti Dammaraa Laggasa wajjin ta’uun sirna gaa’elaa lammiilee Itoophiyaa heddurratti argamuun sagaleeshii kiilooleedhaan bashannansiisteetti, gorsiteetti, yeroo gaa’elaa gaarii akka ta’u hawwiteetti.

Irreessaa Iteenash Afaan Oromoofi Amaariffa dabalatee Guraagiffaafi Somaaliffaan hojiishii dhiyeessuun ummata biyyattii biratti beekamummaa guddaa gonfatteetti. Keessumaa sirboota aadaa Oromoo bara haaraarratti xiyyeeffate bara 1996 mataduree “Inqixaaxaash Sinooyyee (Qaammee) jedhamuun baasteen ummata Itoophiyaa biratti jaalalaafi dinqisiifannaa olaanaa argamsiiseeraaf.

Artistittiin bara jireenyashiitti gara laafetti, gara bal’eettiifi amala gaarii dhalootaaf darbu kan qabdu turte. Iteenash haadha ijoollee dhiiraa lamaafi dubara tokkoo turte.

Miiltoowwan ogummaashii sirna awwaalchaashiirratti argannee dubbisne keessaa Artisti Humneechaa Asaffaa, Hawwii Tazarraa, Masarat Ballaxaa (Gummigum), Caalaa Bultumeefi Taaddalaa Gammachuu Artisti Iteenash ogummaa artii keessatti hojii seenaan hindaganne keessee darbuushii eeranii, dhalloonni gama ogummichaatiin duuba dhufus fakkeenyummaashii hordofee guddina aartiitiif of kennee hojjechuu qaba jedhaniiru. Maatiifi dinqisiifattootashiifis jajjabina hawwaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

4 Comments to “Artisti Iteenash Girmaa bara 1959 hanga 2011tti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *