Aadaa fuudhaafi heeruma saba Anyuwaa

Anyuwaa, Nuweer, Majaang, Oppoofi  Koomoon Sabootaafi Sablammoota  shanan naannoo Gaambeellaa  keessa jiraniidha.  Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa biroonis naannicha keessa jiraachaa jiru. Barreeffama kanaan aadaan fuudhaafi heeruma saba Anyuwaa maal akka fakkaatu akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineerra.

Obbo Uriyaad Opiyoo saba Anyuwaafi walittiqabaa jaarsoliiti. Afaan Anyuwaatti dabalanii Afaan Oromoofi Amaariffa sirriitti dubbachuu danda’u. Obbo Uriyaad maqaa kiristinaa Haaylamaariyam Takilamaariyamiin beekamu. Aadaa fuudhaafi heeruma saba Anyuwaa ilaachisuun gaaf deebii dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin, Obbo Uriyaad waliin taasifneeen akka, Aadaan fuudhaafi heerumni saba Anyuwaa Chood, Nyuum, Nyiik, Biil, Ku’aal jedhamuun bakka bakka shanitti qoodama jedhu.

Chood: sirni fuudhaafi heerumaa kun waliigaltee (fedha) warra wal fuudhanii irratti hundaa’uudhaan raawwatama. Haati intalaa callee kanaan dura fayyadamaa turte  ni kenniti. Intalli kun callee kana kaadhimaa isheetiif kenniti. Haati intalaa callee intala isheerraa yeroo dhabdu calleen ani siif kenne eessa jira jedhanii gaafatu. Intallis callicha kaadhimaa isheetiif akka kennite itti himti. Maatiin ilmaas calleen mucaa keessanii  nu bira jira jedhanii warra intalaatti himu. Yeroo kana qara eeboo irratti callee adii hidhuudhaan maatii intalaa ykn abbaa intalaatiif kennu.

“Mucaan keessan mucaa keenya” jechuudhaan qarshii hanga ta’e warra intalaatiif kennu. Qarshiin kennamus humna namichaa irratti hundaa’a. Qarshiin kennamu gatii callee ‘Dimuunyii’ lama ykn sadii ta’uu danda’a. Ilmi fuudhu obboleettii yoo qabaate callee  isaaf kenname sana obboleettiisaaf kennuu ni danda’a. Gatiin callee tokkoo bara mootummaa Hayilasillaasee qarshii 60, bara mootummaa Dargii ammoo qarshii 120 ture.

Yeroo ammaa garuu gatiin callee tokkoo qarshii kuma torbaafi 800 ta’eera.  Calleen kun yeroo ammaa baay’inaan  waan hin argamneef qarshiitti jijjiiramee kaffalamaa jira.  Sirni fuudhaafi heerumaa kun fedhiifi waliigaltee warra walfuudhuu irratti waan hundaa’uuf sabicha biratti guddaa filatamaadha.

Nyuum: Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti warri wal fuudhan lamaan utuu wal hinbeekin waliigaltee maatiiwwan lamaaniitiin kan raawwatamuudha. Maatiin ilmaa maatii warra intalaa bira dhaqanii ilmi keenya intala keessan akka fuudhuuf nuuf kennaa jedhanii gaafatu. Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti warri wal fuudhan lamaan utuu wal hinbeekin waliigaltee maatiiwwan lamaaniitiin fuudhaafi heeruma raawwatu.

Nyiiik: Sirni fuudhaafi heerumaa kun jaalala, fedhiifi waliigaltee warra walfuudhanii irratti utuu hintaane qabeenya irratti xiyyeeffata.Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti ilmi warra sooressaa ta’e tokko intala jaallatee fuudhuuf ka’e; intalli kun kan kiyya nan fuudha jedhee namoota hedduu gidduutti dubbata. Sirna fuudhaafi heerumaa kun nama qabeenya qabu gidduutti raawwatama.

Biil: Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti namni intala qabu intala isaa qabsiisee nama qarshii qaburraa qarshii liqeeffata. Namni qarshii liqeesse sun intalattii yoo jaallate fuudhee haadha manaa taasifata.  Yoo ilma qabaate ammoo ilma isaa fuusisa. Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti intala qabsiisanii qarshii liqeeffatu.

Ku’aal: Sirna fuudhaafi heerumaa kana keessatti warri wal fuudhan lamaan waljaallatanii garuu yoo inni qarshii hinqabu ta’e, maatiin intalaa namni qarshii qabu intala isaanii akka fuudhu taasisu. Gurbaan intala jaallatee qarshii dhabe sun qarshii walitti qabatee dhaqee intala jaallatee ture sana abbaa manaa ishee jalaa butee fuudha. Isa booda qarshii abbaan manaa ishee duraan kenne akka deebisu ni taasifama.

Wiich: jechuun Dhaala. Kun kan raawwatamu  yerooabbaan ykn obboleessi haadha warraa isaarraa du’u, maatiin akka hindiigamneef firri dhiyeenyaa akka ishee fuudhu ni taasifama. Sirni fuudhaafi heerumaa kun dhaala jedhama.

Sirnawwan fuudhaafi heeruma saba Anyuwaa kana keessaa inni filatamaafi fudhatamummaa qabu sirna fuudhaafi heerumaa ‘Chood’ jedhamuudha. Sirni fuudhaafi heerumaa kun fedhii, jaalalaafi waliigaltee warra walfuudhan lamaanii irratti waan hundaa’uuf hawaasicha biratti filatamaadha. Sirnawwan fuudhaafi heerumaa kanneen biroon qabeenyaafi qarshii waliin walqabatu.  Intala qarshiidhaan akka jijjiiramtu ykn bitamtu waan taasisuuf harka qalleessaafi sooressa gidduutti garaa garummaa uuma.

Aadaan fuudhaafi heeruma Anyuwaa yeroo ammaa badaa jira. Warri intalaa qarshii kuma 30 hanga 40tti waan gaafataniif dargaggoonni Anyuwaa hedduun sabootaafi sablammoota biroo keessaa fuudhaa jiru. Intalloonni Anyuwaa heerumaaf ga’anis sababa kanaan utuu hin heerumni kan turan hedduudha. Rakkoo gama kanaan jiru furuufi aadaa fuudhaafi heeruma jaalala, fedhaafi waliigaltee warra wal fuudhan lamaan irratti xiyyeeffatu deebisuuf jaarsoliin biyyaa marii  taasisuu jalqabaniiru. Marichi hanga maatiitti akka gad bu’uufis hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Kanaan dura sabni Anyuwaa saba biraatti heerumuufi fuudhuun bal’inaan hinmul’atu ture. Yeoo ammaa garuu sabni Anyuwaa saboota birootti heerumaafi saboota biroo keessaa fuudhaa jiru. Kun ammoo hariiroo sabni Anyuwaa sabootaafi sablammootaa biroo waliin qabu cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu Obbo Haaylamaariyam.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

4 Comments to “Aadaa fuudhaafi heeruma saba Anyuwaa”

  1. Pingback: w69
  2. что едят девушка козерог самая маленькая планета марс
    меркурий уран овен мужчина обереги
    как зашифровать я тебя люблю
    смайликами, я тебя люблю из смайликов в инстаграме к чему снится рыбка маленькая живая

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *