Qeerroofi Ejjeettoo: Tiksitoota heeraa

Dargaggoonni humna omishaa biyya tokkoo ta’uu hundatu beeka. Humna omishaa yoo jedhamus humna haaraa hojiilee  bu’aa qabeessa ta’an hojjechuun ofiifi maatii, akkasumas biyyasaanii jijjiiruu danda’an jechuudha.

Dargaggoonni naannolee Itoophiyaa hunda keessatti maqaa addaddaa kan qabaniidha. Fakkeenyaaf, ummata Oromoo biratti dargaggootni bultii hindhaabbanne ykn sirna gaa’elaa hinraawwanne dhiira yoo ta’e ‘Qeerroo’, shamarri ammoo ‘Qarree’  jedhamuun yaamamu. Qeerroofi Qarreen Oromoo  umriifi saalaan kan daangeffaman miti.

Ummata Sidaamaa birattis akkasuma dargaggoonni sirna gaa’elaa hinraawwanne dhiirri ‘Ejjetticha’ yoo ta’u, shamarri ammoo ‘Ejjettittii’ jedhamuun beekamu. Ummatichi garuu lamaanuu bakkuma tokkotti ‘Ejjettoo’ jechuun yaama. Dargaggoonni kunneen naannoo Amaaraatti ‘Faannoo’, Tigiraayitti ‘Tagaaruu’ jedhamu. Akka Qeerroofi Ejjettoo garuu tiksitoota heera biyyattii ta’uun amanamummaa ummataafi mootummaaf qaban agarsiisaa waan hinturreef maqaa gaariin waamamaa hinturre; hinjiranis.

Seenaa qabsoo ummata Oromoofi Sidaamaa keessattis Qeerroo/Qarreefi Ejjettoon gaheensaanii baay’ee guddaa yoo ta’u, keessumaa waggoota kurnan darban asitti sadarkaa olaanaan finiinuun jijjiiramoota siyaasaa har’a mul’achaa jiraniif bu’uura ta’eera; bu’aa barbaadamus galmeessuun danda’ameera.

Qeerroofi Qarreen ummata Oromoo bakka bu’uun sirna kabaja ayyaana jijjiirraa baraa ummata Sidaamaa, Fiichee Cambalaalaa baranaarratti argaman keessaa Birruu Birhaanuun tokkodha. Innis Finfinnee kutaa Bulchiinsa Magaalaa Qaallittii kan jiraatu yoo ta’u, erga hojii mukaafi sibiilaarratti bobba’uun hojjechuu eegalee reefu waggaa tokko guuta.

Qeerroowwan Oromoo walqixxummaafi bilisummaa ummata Oromoof, akkasumas sabaafi sablammoota Itoophiyaaf abukaattoo ta’uun falmaa turan waliin qindoominaan hojjechaa akka ture dubbata. Beekumsaafi dandeettii qabuun dararamuu ummata Oromoo mormaa waan tureef, waggaa tokkoofi ji’a jahaaf mana sirreessaa keessattii dararfamaa akka ture yaadata. Qabsoo hadhaawaa Qeerroofi Qarreen Oromoo taasisaniin jijjiiramoonni siyaasa biyyattii daandii sirrii qabachaa akka jirus ni ibsa.

“Waggoota kurnan sadan darbaniif sirni siyaasaa Itoophiyaan hordofaa turte maqaaf dimokraatawaa jedhamuun waamamaa turuyyuu keessumaa dargaggootaaf baay’ee mijataa hinturre. Kanarraa kan ka’e mirgi sabootaafi sablammootaa dhiitamaa tureera. Walqixxummaafi fayyadamummaan lammiilees haala barbaadamuun hojiirra oolaa hinturre. Kunimmoo komiin hawaasaa yeroodhaa yerootti baay’achuun ummataafi mootummaa gidduutti waldhabdee uumuu danda’eera. Kanaanis lubbuun qeerroofi qarree hedduu darbeera; qabeenyis manca’eera” jechuun ibsa.

Ta’us, qeerroofi qarreen lubbuusaanii itti yaa wareegan malee Itoophiyaa keessatti jijjiiramootni siyaasaa ammaan tana mul’achaa jiran  bu’aa qabsoo dhiigaafi lafee ummata Oromoon argame ta’uusaa dagatamuu hinqabuu jedha. Keessumaa ammoo heera biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirtu osoo hinqoqonxoramiin hojiirra akka ooluuf qabsoo gaggeessaa akka turaniifi ammas xiyyeeffannoon qaamolee mootummaa waliin hojjechaa akka jiran eera.

Dargaggoo Tashoomaa Hirphoo(ejjettoodha) ammoo jiraataa magaalaa Hawaasaa yoo ta’u, bilisummaafi walqixxummaa ummata Sidaamaaf ejjettoo waliin ta’uun qabsoo hadhaawaa taasisaa turuusaa dubbata.

“Qeerroofi ejjettoon walabummaa saboota keessaa bahaniif qofa osoo hintaane bilisummaa ummata Itoophiyaa maraaf qabsoo gaggeessaa turan;jirus. Ijaarsi sirna dimokraasiis guutummaa biyyattiitti lafa akka qabatuuf hojjechaa jiru. Keessumaa ammoo heerri biyyattii akka hincabneef walta’insaan kan hojjetan waan ta’eef, jijjiiramoonni hawaas-dinagdeefi siyaasaa yeroo gabaabaa keessatti fooyya’uu danda’eera” jechuun addeessa.

Akka dargaggoo Tashoomaan dabalataan ibsutti, qaamoleen tokko tokko faayidaafi fedhii siyaasaa qaban galmaan gahachuuf jecha akka waan qeerroofi ejjettoon faallaa ummataa dhaabbataniitti afarsaa jiru.   

Kaayyoofi galmi qaamolee kanneenii ammoo waliigalaan yoo ilaalamu sirna fiwudaalizimii duraan ture deebisuun seenaa, aadaafi duudhaa saba tokko kaawwanirratti dirqamaan fe’uudha jedha.  Kunimmoo sirna federaalizimii ammaan tana hordofamaa jiru kan diigu waan ta’eef, qeerroofi qarree Oromoo waliin waltumsuun ofirraa qolachuun  barbaachisaadha.

Sirni ayyaana Fiichee Cambalaalaa barana kabajames tokkummaa qeerroowwan Oromoofi ejjettoon Sidaamaa qaban  hangam cimaa akka ta’e qaamolee diigumsa biyyattii barbaadaniif ifatti ergaa dabarsuusaa ibsa. Fuldurattis heera biyyattiin qabdu tiksuuf dirqama qabna kan jedhu dargaggoo Tashoomaan, tumsi hawaasaas nu barbaachisa jedha.

Showaayyee Mangashaas qarreewwan Oromoo sirna ayyaana Fiichee Cambalaalaa kabajuuf Hawaasaatti argaman keessaa tokko yoo taatu, horteen ummata Oromoofi Sidaamaa tokko akka ta’e dubbatti.

Waggoota darban keessa tokkummaan ummattoota lamaanii daran laafaa waan tureef, salphumatti walitti bu’iinsaaf saaxilamaa akka turan ibsiti. Wayita ammaa garuu haalli siyaasa biyyattiis daandii qajeelaa qabachaa waan jiruuf qeerroofi ejjettoon walitti dhufeenya gaarii akka uummataniif karaa saaqeera jetti.

Hundarra ammoo biyyattii keessatti saboonniifi sablammoonni jaalalaafi nageenyaan akka waliin jiraataniif qoodni qarreefi ejjettittii guddaadha kan jettu Showaayyeen, heerri Itoophiyaan itti bulaa jirtu guutummaatti hojiirra akka ooluuf walta’insaan hojjechuun murteessaadha. Tokkummaan qarreefi ejjettittii Fiichee Cambalaalaarratti mul’ates kanuma mirkaneessaa jetti.

Danchummaa Dal’aabaa ammoo ejjettittii ummata Sidaamaa yoo taatu, yeroowwan darban keessa mirgi dimokiraasii ummata Sidaamaafi kanneen biroo molqamaa turuusaa dubbatti. Kanarraa kan ka’e walqixxummaan, bilisummaafi fayyadamummaan ummattoota Itoophiyaa heera biyyattiin qabdu bu’uureffatee dhugoomuu hindandeenye.

Kunimmoo saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa gidduutti shakkiin akka uumamu gochuu danda’eera jetti. Wayita ammaa garuu haalonni marti daandii sirrii qabachaa waan jiraniif, hariiroofi firummaan Oromoofi Sidaamaa yeroo kamirrayyuu caalaa sadarkaa hinsochoonerra gahaa jiraachuus dubbatti.

“Ummanni Sidaamaafi Oromoo seenaafi aadaa tokko qabu. Waliin jiraachuufis ummata rakkatan miti. Hawaasni bal’aa jaalalaafi nageenyaan akka waliin jiraataniif tattaaffii olaanaa taasisaa turreera; ittis milkoofneerra. Heeraafi seerri biyyattiin qabdu lammiilee hundaan akka kabajamuuf qarreewwan Oromoo waliin hojjechuuf murteessineerra; jalqabbiin jirus boonsaadha” jechuun ibsiteetti.

Nageenya magaalaa Hawaasaafi naannawashee haala fulla’aa ta’een eegsisuufis qaamolee nageenyaa hunda waliin tumsaan hojjechaa akka jiran kan eerte yoo ta’u, biyyoota Afrikaa Bahaaf fakkeenya ta’uuf garuu tumsi ummataafi mootummaa barbaachisaadha jetti.

Dimshaashumatti, dargagoonni Itoophiyaa naannolee hunda keessatti maqaa garagaraa yaa qabaatan malee misoomni siyaas-dinagdee hirmaannaa isaaniin ala dhugoomuu akka hindandeenye waggoota muraasa darban keessa hubachuun danda’ameera. Kanaan boodas hiree ummattoota biyyattii kan murteessuu danda’u dargaggoota humna haaraa, keessumaa ammoo qarreefi qeerroo, ejjettichaafi ejjettittii ta’uusaa gamanumaan kan hubatameedha.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Tsahaayi Nuguseetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

7 Comments to “Qeerroofi Ejjeettoo: Tiksitoota heeraa”

  1. Pingback: published here
  2. Pingback: pk789
  3. Pingback: 55five
  4. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *