Bariisaaf bari’uu eegale

Gaazexaan Bariisaa bu’aalee maxxansaa Dhaabbbata Pireesii Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta’u afaan, aadaafi duudhaa ummata Oromoo beeksisuufi dagaagsuu keessatti gahee guddaa taphateera, taphataas jira.

Bariisaan bara 1967 yeroo Afaan Oromoo barreessuu mitii dubbachuunuu yakka turetti namoota dhuunfaa quuqama eenyummaa qabaniin dhoksaatti qophaa’uu kan eegale yoo ta’u, Fulbaana 2 bara 1968 ifatti maxxanfamuu jalqabe.

Gaazexaan dukkana, cunqursaafi hacuuccaa eenyummaa Oromoo, aadaa, seenaafi Afaan Oromoorra ture ifatti baasuudhaan odeeffannoowwan faayidaa qabeessaa ta’an ummataaf dhiyeessuudhaan dammaqina Oromoo daran olkaasuu keessatti shoora olaanaa qabaachaa tureera.

Gaazexichi hundeeffamee yeroo gabaabaa keessattis guutummaa Oromiyaa sadarkaa jedhamuun beekamtii guddaa gonfate. Hanga ji’a Muddee bara 1985tti qubee Saabaatiin barreeffamaa kan ture yoo ta’u, fedhiin gaazexaa kanarratti  jiru olaanaa ta’us dhiyeessiin jiru garuu gadaanaa ture.

Dhiibbaawwaniifi bu’aa ba’iiwwan baay’ee keessa hulluuquun eddii harka mootummaa galee waggoota 43 kan lakkoofsise Gaazexaan Bariisaa, yeroo booda qabiyyeensaa imaammata, qajeelfamaafi danbiiwwan mootummaafi ummata Oromoo biraan ga’uu bira darbee waan Oromoo Oromoo urgaa’u of keessaa dhabaa dhufe. Humna namoota gaazeexicha qopheessaniis wajjumaan gadibu’e.

Bariisaan Gaazexaa baroota lakkoofsise ta’us yeroo Afaan Oromoo hojiifi barnootaa ta’eefi qubee afaanichaaf mijataa ta’e argatetti otoo haala baay’ina ummata Oromoofi dubbattoota afaanichaatiin gituun osoo guddachuu maluu akka quucaru taasifame.

Raabsisaa torbanitti habbaan (koppiin) kuma 35 tures bara 2006tti kuma tokkoo gadi ta’e. Har’as taanaan akkuma bu’aalee maxxansaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa birootti habbaansaa daran gadaanaadha.

Dhimma kana kan hubate Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa marii paanaalii baatii Bitootessaa darbe keessa dhimmamtoota Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiserratti hundaa’uun jijjiirama qabiyyeerratti xiyyeeffannaan hojjetaa jira.

Kanaanis dhaabbatichi Gaazexaa Bariisaa torbanitti al sadii maxxansiisuuf kan karoorfate yoo ta’u, kan duraan Jimaata maxxanfamee dubbistoota bira gahaa ture gara Sanbataa fiduun baay’ina fuulasaas 12 irraa gara 20tti guddisee imala jijjiiramaa tokko jedhee eegaleera.

Bariisaan Sanbata kana booda barreeffamoota bashannansiisaa hubannoo gabbisan kanneen gaazexeessitootasaafi hayyoota gahumsa guddaa qabaniin qophaa’an fuulawwansaa yaada bilisaa, (Abbaa Sa’aa), qaroomina sammuutiif oolan (Qoraasuma), Mijuu Bariisaafi kkf jedhamaniin bifa haaraafi bilchina qabaniin waan isin bira gahuuf isinis  gaazexaa keessanirratti hirmaadhaa, dhaabbata keessan irratti beeksifadhaa, bakka hojii banaa irratti baafadhaan dhaamsa keenya.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

6 Comments to “Bariisaaf bari’uu eegale”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *