“Marii Ministirri Muummee qaamota haqaa waliin taasise kutannoo olaantummaa seeraatiif qaban agarsiisa” – geessoota seeraa

Finfinnee: Caamsaa 29 marii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad abbootii alangaafi abukaatota biyyattii waliin taasisan  kutannoo ijaarsa sirna dimokraasiifi olaantummaa seeraatiif qaban kan agarsiisu ta’uu  Ogeeyyiin seeraa ibsaniiru.

Yunvarsiitii Saayinsiifi Teknoolojii Adaamaatti Barsiisaan Seeraa Obbo Umar Kadiiroo Bariisaaf ibsa kennaniin, qaamni kamiyyuu hojii raawwatuuf itti gaafatamummaa qabaachuu malee dhiibbaa qaama birootiin raawwachuun olaantummaa seeraa gaaffii keessa kan galchu ta’uu dubbatu.

Waan ta’eefis qaamoleen haqaa seeraafi heera qofaaf bitamanii hojjachuu akka danda’aniif waadaan ministira muummichaa maricharratti galan qaamoleen kunniin bilisaan hojiisaanii akka raawwatan hamilee kan kennu qofaa osoo hintaane, ijaarsi sirna dimokraasii dhugaan akka jiraatuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf shoora olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan adeemsa seeraa keessa gidduu hingalu jechuun garuu qaamota seera dawoo godhatanii seera cabsan seeratti hin dhiheessu jechuu akka hintaanes hubatamuu akka qabus ni eeru.

Mootummaa kan hundeessan qaamolee sadeen; seera tumtuu, raawwachiiftuufi murtii seeraa ta’uusaatiin wal utubuufi waliin hojjachuun dirqama ta’uu kan himan immoo Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Daarikterri Dhimmoota Kominikeeshiinii Obbo Gonfaa Atoomaa, kun hunduu ta’uu kan qabu garuu daangaa seeraan kaa’ame osoo hindabarre ta’uu akka qabu ibsu.

Ministeri Muummichaas akka hogganaa qaama raawwachiiftuutti  hojii haqaa irratti dhiibbaan akka hinuumamne waadaa galuunsaanii  olaantummaan seeraa biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf  bu’ura kan buusu ta’uusaas ibsaniiru.

Dr Abiy Ahmad marii  Kamisa darbe qaamota waliin taasisaniin bulchiinsisaanii hojii haqaa keessa giddu akka hin galle mirkaneessuunsaanii ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Suurri Daanyee Abarraa

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Marii Ministirri Muummee qaamota haqaa waliin taasise kutannoo olaantummaa seeraatiif qaban agarsiisa” – geessoota seeraa”

  1. Pingback: this
  2. Pingback: กงล้อ888
  3. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *