Seetarri qonnaa biyyoota ardii Afrikaatiif utubaa jireenyaafi dinagdeeti. Biyyoonni hedduun qonnarratti hirkatanii kan jiraatan ta’us sadarkaa barbaadamuun ammayyeessanii fayyadamaa jiru jechuun rakkisaadha. Malli qonnaa biyyoota Afrikaa harki caalu mala aadaafi omisha harkaa gara afaanii ta’uu qorannoowwan damichaa ni mul’isu.
Itoophiyaanis biyyoota qonna Afrikaa utubaan dinagdeesaanii qonnarratti bu’uureeffate keessaa tokko yoo taatu, wayita ammaa qonna biyyattii ammayyeessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. Rakkoo Itoophiyaa darbees kan Afrikaa ta’e kana hiikuuf waltajjin marii tokko dheengaddaa eegalee hanga har’aatti Finfinneetti taa’aamaa jira.
Waltajjicharrattis Afrikaatti gama seektara qonnaan guddina fiduun yoo barbaaddame ogeessooni walitti dhufanii hojjechuu akka qaban beektoonni dhaamaniiru. Itoophiyaa dabalatee beektoonnii biyyaa Afrikaa yunivarsiitii 11 irraa walitti dhufan marii taasisaa kan jiran yoo ta’u, seektarri qonnaa Afrikaa akka fooyya’uuf hayyoonni walitti dhufanii gumaachuu akka qabanis kaasaniiru.
Hirmaattota kanneen keessaa Itoophiyaatti Daareektara Saasaakawaa Giloobaal kuma lamaa kan ta’an Obbo Faantahuun Mangiistuu akka jedhanitti, sagantaa Ekisteenshinii qonnaan jijjiramnii galmaa’eera. Kanaanis bara 1987/88 kessatti oomisha boqqolloo hedduu oomishuu danda’ameera. Yeroo amma kanas yunivarsitoota lakkoofsaan sagal ta’an waliin dhimma qonnaa ammayyeessuu irratti hojjetama jiraachuus eeraniiru.
Ministir deetaan Ministeera Qonnaa Doktar Gabraa Igzaabiheer Gabraa Yoohannis gama isaanitiin, seektara qonnaa ammayyeessuuf ogeessota gama kanaan beekumsa qaban waliin hojjechuun barbaachisaadha jedhaniru. Marii kanarraas beekumsi hedduun akka argamu eeranii, beektoota gama qonnaa jiran waliin hojjechuufis carraa gaarii ta’usaa himu.
Sagantaan Ekisteenshinii qonnaa Saasaakawaa biyyaa Gaanaa yunivarsiitii Keep Koosti kessaatti ALA bara 1993 hundaa’ee biyyoota Afrikaa hedduutti babal’achuun isaa ni yaadatama.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Caamsaa 23/2011
I visit everyday some websites and information sites to read content, except this weblog gives quality based content.