Ummata Sidaamaaf, ‘Ayidee Cambalaalaa’

Ayyaanni kabaja bara haaraa ummanni Sidaamaa walga’ii 10fa ‘UNESCO’ Naamiibiyaatti Sadaasa bara 2008 taa’ameen duudhaalee aadaa 35 dhiyaatan keessaa filatamuun galmaa’uunsaa ni yaadatama.

Ayyaanichi sadarkaa biyyaattis hambaalee duudhaalee aadaa dhala namaa hinqaqqabatamne (kiliyaa) ta’uun galmaa’eera. Abbaa duudhaa kanaa kan ta’e ummanni Sidaamaa, Naannoo Ummatoota Kibbaatti Godina Sidaamaatti keessa  kan jiraatu yoo ta’u, gosoota 14 qaba. Gosoonni kunniinis gosoota xixiqqoofi dursaa jedhamuun beekamu.

Ayyaanni Canbalaalaa ummata Sidaamaa biratti haala ho’aadhaan torban lamaaf qophiilee adda addaatiin kabajama.  Guyyaan ayyaanichi itti kabajamu ayyaantuudhaan kan murtaa’u yoo ta’u, kunis kallattii baatiifi urjiiwwanii ilaaluun akka murtaa’uudha kan himamu.

Guyyaan murtaa’e kunis karaa caasaalee Mootiifi Cimeessaa (angafoota) jedhamaniin iddoowwan ummanni walitti qabaman  kanneen akka gabaa fa’itti labsama. Hangafoonni iddoowwan adda addaatti argaman sooma guyyoota 15 geggeessu.

Gaafa soomicha fixanis ragada aadaa ‘sofotee qexalaa’ jedhamu eegalu. Ragadni kunis eebbaa maangudotaatiin jalqabama. Ittaansuuniis ragada dargagootaa ‘Adihaa qexalaa’ (qeexalaa dhugaa)tu ittifufa. Kunis guyyoota gabaa hunda keessatti hanga ‘Ficheen’ gahutti kan ittifufuu ta’a. Qeexalaan sirba gamtaan sirbamu yoo ta’u, biyyaafi bara, jaarsolii, aanga’ootaafi namoota bebbeekamoo faarsuun kan raawwatamuudha.

Guyyaan ‘Fichee’tti aanuu ‘Cambalaalaa’ jedhama. Guyyaa kanas abbootiin warraa uffata aadaatiin midhaganii loonsaanii tiksuufi nyaata aadaa soorachuun dabarsu. Sana booda daa’imman manaa manarra deemuun ‘Ayidee cambalaalaa’ ykn ‘Baga bara haaraa geessan’  jechuun hawwiisaanii ibsu.

Yeroo kana abbaan warraas nyaata aadaa ‘Bursummee’ jedhamu nyaachisee dhadhaa isaan muuda. Guyyaa cambalaalaan booda ‘Gudumaaleetti’ hawaasni hedduun walitti qabamuun waliin ragaduufi waleebbiisuun dabarsu.

Guyyaa ‘Fichee’ galgalasaa sirna Hulluuqqaatu kabajama. Sirni kunis abbotiin warraa manasaanii fuuldura muka jiidhaa akka kofoo dhaabuun maatii, loonsaaniifi ofiisaanii keessa hulluuquun kan kabajaniidha. Kunis kan ta’u abbootii warraa hunda biratti.

Guyyaa kana kara galgalaa mana maanguddootaa deemuun, nyaata aadaa ‘Bursummee’ sooratu. Nyaanni kunis warqee, dhadhaafi anannirraa qophaa’a. Aayyaanichi kan namaa qofa osoo hintaane kan uumama maraati waan jedhamuuf guyyaa kana  foon soorachuu mitii akka mana keessatti argamuullee hineeyyamamu. “Bineensotaafi naannawaaf xiyyeeffannaa guddaatu kennama. muktis hinmuramu.

Akkuma oliitti eeruuf yaalle guyyaa ayyaana kanaa kan murteessu ayyaantota. Isaanis guyyicha kan murteessan addeessaafi urjii ilaalaniiti. Hanga ayyaantonni murteessanitti namni biraa yoom akka ta’e hinbeeku jedhu dhalattoonni sabichaa.

Ayyaanichi yeroo dheeraaf itti qophaa’amaa erga turee booda jala bultii guyyaa ayyaantonni beeksisan irraa kaasee kabajama. Guyyaa jala bultii ollaafi firri waal waamee akkuma ayyaanota biroo waliin kabaja.

Ayyaanichi ayyaana jaalalaafi Araaraa waan ta’eef kan wal lolle ni ararama. Dubartiin abbaa warraan wal loltee mana gadhiiftee baatellee yoo jiraatte galgala kana manatti deebiti.

Dubartoonnis shamarranis uffata aadaa ayyaana kanarratti uffatamuun faayamanii ardaatti bahu. “Dubartoonni heeruman haala miidhagfannaa dabbasaa (rifeensaa) adda ta’e qabu.

Keessumaa barana ayyaana kana ilaalchisuun Sanbata darbe Finfinnee, Jiddugala Aadaa Oromootti bakka kantiibaa ittaanaan Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa argamanitti mariin kan geggeeffame yoo ta’u, ittaansuunis jala bultiirraa eegalee ummatoota naannolee ollaa dabalatee aanaalee Godina Sidaamaa 23tti hanga har’aatti kabajamaa jira. Ayyaana gaarii!

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

6 Comments to “Ummata Sidaamaaf, ‘Ayidee Cambalaalaa’”

  1. Pingback: BIPOC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *