Walmorkiin ‘Sanyummaan haadhaabatu’ kaleessa jalqabame

Finfinnee: Qopheessummaa Federeeshinii Buunyaa Komishinii Ispoortii Bulchinsa Magaalaa Finfinneetiin shaampiyoonaan buunyaa ‘’Sanyummaan hadhaabatu’’  jedhu kaleessarraa kaasee Istaadiyoomii Xiqqoo Finfinneetti adeemsifamaa jira

Rakkoon sanyummaan walqabatee yeroo dhihoo as biyyattii keessatti mul’ataa jiru akka hafuufi ummata gidduutti walitti dhufeenya hawaas-dinagdee cimsuun dhaloota naamusa ispoortii gaariidhaan kunuunfamee guddatte uumuudhaaf ta’uun ibsameera.

Federeeshinii Buunyaa Finfinneetti miseensi raawwachiftuu hojii Obbo Ari’aayaa Birhaan ibsa kibxata darbe gaazeexeessitootaaf kennaniin, shaampiyoonaa kanarratti kilabonni magaalaa Finfinnee shaniifi kan bulchinsa magaalaa Dirree Dawaa tokkoo  hirmaachaa akka jiran addeessaniiru.

Bulchinsa magaalaa Finfinneerraa kilaboonni Poolisii Magaalaa Finfinnee, Manneen Sirreessaa Federaalaa, Poolisiin Federaalaa, Akkaadaamiin Ispoortii Itoophiyaa, Kilabni Buunyaa Maaraatooniifi Kutaan magaalaa Gullallee, Dirree Dawaarraa ammoo Kilabni Buunyaa Bulchiinsa Magaalaa qooda fudhachaa akka  jiran beekameera.

Yeroo dorgommiin kun itti adeemsifamu ummanni magaalaa Finfinneefi naannooshee  kuma 50 ol ta’an kallattiidhaan argamanii akka daawwatanis miseensi korichaa ibsaniiru.

Banninsi isaa Istaadiyoomii Xiqqoo Finfinneetti ta’uu kan eeran Obbo Ari’aayaan sagantaa bashannansiisaa addaddaatti guyyaa Dilbataa haala miidhagaan akka cufamus mul’isaniiru.

Ittigaafatamaan Federeeshinii Buunyaa Magaalaa Finfinnee Obbo Dassaalanyi Admaasuu gamasaaniitiin akka ibsanitti, guyyaa baniinsaafi cufiinsaatti namoonni beekamoon akka Atileet Koloneel Daraartuu Tulluu ni argamu jedhaniiru. Dorgommii kanarratti walmorkitoonni buunyaa ulfaatina kiiloogiraama 49 hanga 81 lakkofsaan 63 ta’an hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, mo’attootaaf badhaasni qarshiifi waraqaa ragaa adda addaa akka qophaa’es himaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

4 Comments to “Walmorkiin ‘Sanyummaan haadhaabatu’ kaleessa jalqabame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *