Tibbana ogeeyyiin fayyaa kutaa biyyattii jiran hoggantoota waliin marii taasisaa turaniiru. Keessumaa mariin kun bal’ate kan itti adeemame lagannaa hojiifi hiriira ogeeyyiin fayyaa magaalaa Finfinnee Hospitaala Xiqur Anbassaa taasisan irraa ka’uunii. Kunis ogeeyyiin fayyaa gaaffii dhiheessuuf mirga qabaatanis hojii lagachuu akka hindandeenyeefi akka sirrii hintaane hubannoo uumuuf, akkasumas, rakkoolee jiran ifaan mari’atanii furmaata waliinii itti kennuufi.
Haala kanaan ogeeyyiin fayyaa Oromiyaa keessaa Mootummaan Naannoo Oromiyaafi fedeeraala waliin marii taasisaniiru. Hirmaattoonnis gaaffilee dabalata miindaa, carraa barnootaa, lafa mana jireenyaa dhabuu, rakkoo qulqullina ijaarsaa, hanqina bajataafi meeshaalee wal’aansaa seektara fayyaafi kkfn walqabatan kaasaniiru.
Pirezdaantii itaanaan Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas deebii waltajicharratti kennaniin akka jedhanitti, bakka sabni kun deemu qabu geessuuf dhaloonni kun dirqama qaba. Ta’uu baannaan seenaa keessatti dhaloota gaafatamaa ta’a. Kanaaf ammoo walhubannee waldhageenyee tasgabbiin waliintaanee ariitiin ummata keenya bakka ga’uu qabuun geesisuu qabna.
Rakkooleen isaan kaasan caasaa hojii hunda keessa jiraachuu eeranii, hawaasni immoo rakkoo kana caalu qabachuu himu. Oromiyaa keessatti ummanni seeftneetiin jiraatu miliyoonaan lakka’ama; ammas ummanni tajaajila dhabee du’u lakkoofsisaa guddaadha jedhu. Akkasumas, Oromoon beekaafi hayyuu hedduu utuu qabuu ummanni rakkatee hiyyummaan boquusaa gadi qabee jiraatu lakkoofsa akka hinqabne kaasu.
“Rakkoo ummataa furuuf ariitiin akka sabaatti ijaaramee hinhojjetamu taanaan hiyyummaan kun hundeesaa gadi fageeffachaa deema. Kanaaf gaggeessitoonni, hayyoonniifi beektoonni bakka jiran beekuu barbaachiisa. Maaliif rakkoon keenya hundee fageeffachaa akka deemuu deebisuu danda’uu gaafata. Kanammoo qaamni tokko qofti kan deebisuu osoo hintaane hunduu karoorfatee mudhii hidhatee itti seenuu qaba” jedhu.
“Hundi keenya rakkanne miti dhumnee illee ummata keenya bilisa baasuuf hojjechuu qabna. Kanaaf sa’atiin ala hojjechuu, rakkoo keessatti hojjechuu, deggarsa dhabuufi kkf dandamatee dhaloonni kun hojjechuufi saba ceesisuu qaba.” Jechuunis hubachiisu.
Gaaffii kallattiidhaan ka’aniifis deebii yommuu kennan, rakkoo lafaa hiikuuf ulaagaa waldaa guutanii akka gurmaa’an, carraa barnootaan walqabatees bajata fedeeraalaan haalli itti baratan mijachuusaa ibsaniiruuf. Gama hanqinoota meeshaalee wal’aansaafi qulqullina ijaarsaatiin karooraan maallaqa barbaachisu ramadamuun kan hojjetamu ta’uu ibsu.
Ministirri Ministeera Eegumsa Fayyaa Federaalaa Doktar Amir Amaan gamasaaniitiin gaaffiin tajaajila gara garaa argachuu kanaan duras gaafatamaa turuufi fuuldurattis fedhiin akka itti fufu kaasanii, amma humni mootumaa danda’e walduraa duubaan deebisaa deemuun barbaachisaadha jedhu.
Rakkoo dhiyeessii qorichaatiin walqabatee iddoo hedduutti mul’atu furuuf qoricha harka 82 dhaabbileen gara garaa akka dhiyeessaniif waliigalteerra ga’aamuusaafi bara ittaanuu akka furamus ni dubbatu.
Meeshaaleen tajaajila fayyaatiif oolan biroos yeroodhaan galanii akka tajaajilaniif mootummaan dhimma fayyatiif dursa kennee hojjachaa jiraachuu kaasanii imaammani fayyaa biyyatti haaraan qophaa’a waan jiruuf ogeeyyiin fayyaa yaada dhiyeessuun qoodasaanii ba’achuu akka qabaniis Dr Amiir ni dhaamu.
Walumaagalatti, gaaffilee ogeeyyiin fayyaa kaasan hammam dhugummaa qabaatuuf waadaa ishee gaafa eebbifaman seenan sana utuu hindagatiin hojiisaanii hojjechaa gaaffii dhiheessuun aadeeffachuu qabu.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Caamsaa 16/2011
5 Comments to ““Rakkannee mitii dhumnee illee ummata keenyaaf hojjechuu qabna” -Obbo Shimallis Abdiisaa”