Maqaafoo oolaa (Asoosama gabaabaa)

Sammiifi lafni dukkanaan walqabate walhiikuu jalqabeera. Haata’umalee halluu adii malee halluu biraa gurrachumatti jijjiiree mul’isa. Aniis bakkan ciisuu ka’ee moraa keessa deemee dawoo wayii ilaaladhe anaa… jedhuu sareen duttee na wareersite.” Muu! sii yaa balleessu!” jedheen isan hiikkadhee deefadhee; isa keessaan qabadheen manatti ariitiin ol seeene.

Goggorriin ijashii akka tirikaatti ifu olbabaastee teessi. Isa waa alanfatee fakkaatti. “Kaatee…?’’ anaa jedhuu; “Eessaa dhuftaan na muddite.” Gaaffiishi moggaatti qabeen osoo aduu nutti hin bahiin osoo subii kanaan baanee deemne.” Jedheen. Isheenis tottolfachaa, haxaawwachaa, warra nu bulchan galateeffattee, akka cireef turuu hindandeenye hubachiistee. Achii walfudhannee qajeelle. Qe’ee Raayyaatti.

Dubartii magaala qalloo rifeensishee dhadhaan miidhagee qolleeshii buufata godhate. Ija akka isa kulamee na hawwatu, funyaan nyaara gidduu ol ka’ee akka seenxii dhaabatu, hidhii akka daa’ima harma hootuu muxatee, maddii dhiita’ee maangoo Arjoo fakkaatu…..as natti deemti. Onneenkoo itti na dhiibame. Dugdarraa mucaa qabdi. Mucaashii ‘Anqalbaa  calleen faayameen baatteetti. Amma ofqabeen duubatti…..” Kan isheen baattu kun ba’aa bor irraa bu’ee  guddatee ishee gargaarumoo kan irra taa’ee qolleeshii laaffisee cabsuu laata? Nagaa gaafannee. Keessummaa ta’uu keenya barte fakkaata nooraadhaan nu muddite. Nuyiis deemsi waan nu butuucheef itti gorree.

Manni nuyi keessaa boqonne Kan ijoollee Kifla Iyyasuusii qe’ee warra mootii,warraa nyaata dhadhaa kan dhugaan aannaniiti. Nu muudani nu siimatan.

Dadhabbii keenyarraa akka jabaannuuf kutaan aara muka garagaraan ho’ee dhadhaa dibannee bulluukkoo aguugannee ittii seenne. Yeroo gabaabaaf akka ho’ifataa turruu waan nutti himaniif achiirraa turre. Ega as teenyee  seenaa kaasnee haasa’uu jalqabne. Maqaan ilmaan maatii kanaa qaban diinqisiisaadha. Tokkoo Ahmad, tokko Abajje kaan immoo Dawaadha. Kun waan na diinqeef suuta jedheen “maqaansaanii….” anaa jedhuu” Asitti  maqaan akkanaa  mana tokkoo keessatti ajaa’iba hinqabu.” Jedhee na rifachiise Dawaan.

“Mootiin Raayyaa jaarra 17ffaa keessaa Kifla Iyyasuus maqaa kiristaanaa isaati. jedhuu. Ammas taanaan Dawaan gara Ahmaditti ykn Gabreetti jijjiiramuu danda’a jedheen yaade. Dawaan itti fufee  “yoo as keessaa baatan dadhabbii qofa osoo hintaane bareedina gogaas ni goonfattu. Akkam jaalatanii?” nuun jedhe. Gogorriin “Eeyye, amma itti baraa jirra; jaalanees.” jette.

Dawaan waan unannuu harkatti osoo nu qabachiisuu, Gogorriin “Dawaa jechuun maal jechuu akka ta’ee beektaa?’’ jetteen.”Akaakayyu kiyyatu naa moggaase  Dawaa jechuun kan nama fayyisu /qoricha/’’jedhe. Akkuma maqaasaa Dawaan dawaa Raayyaa fayyisuu ta’aa moo; dawaa Raayyaa laamshessuu ta’a laata?Dawaa akaakuu lamatu jira.Kanaafan jedhe. Yoo bahuu barbaannee bahuu akka dandeenyu nu hubachiisee deeme.

Dhuguma aarrii aadaa kun waan hedduu jijjiire. Dhadhaan dibannee seennee baqee, dhumee qaamni keenya hedduu bareedee dadhabbiin nurraa badee baane.

Qilleensa fudhachuuf gara bosona Anebaa deemne. Dawaan dargaggeessa waan ta’eef  akka nu daawwachiisuuf maatiin nuuf ramadameera. Bosonnii  Anebaa nannawwaa magaalaa Dagan jira. Birbirsaafi mukeen hedduu gurguddoon qilleeessaan raafamaa huursu. Waan waliin haasa’an fakkaata. Qilleensa dhiiba; qilleensaan dhiibama. Waldhiibuu ni huursu. Takka turanii ni dadhabu fakkaata. Ni calliisu ykn sagaleesaanii gadi xiqqeessuu.

Gaaddisa Birbirsaa jala boqotaa osoo jirruu; intalli xiqqoon takka dhuftee “‘zigbaan’ kun isinitti toleera.’’jette. Dawaan akka kolfuu ta’ee “sadachaa nanaa zigbaan kun Birbirsa yoo qarooma sitti fakaates maqaan saayinsaawaa isaa ‘Afrokarpas girasiilor’ jedhama. Akkuma zigbaa jechuu barte Birbirsa jechuus  dhageesseeta bari.. Oromoon kan akka kee of wallaaleen sadacha jedha.” jedhee aariin.

Waan tokkoon sitti hima. Jaarraa 17ffa keessa Kifla Iyyasuus fa’a mootumaa cimaa ijaaranii turan. Ilmaan Raayyaa, Daawwee, Baatee, Jillee, Arxummaa, Qorii, Dugugguruun fa’a waliin ta’aniii akkuma ilmaan wasiila isaanii Waajiraat irraaa kaasee hanga Hinxaallootti tokkoomanii cimanii turan. Ammaan tanallee hanga galaana diimaatti ilmaan Rayyaa kan akka Bahiree Nagaash Doorii, kan akka Yisihaaq Doorii fa’a. Warri Garaad Jiloo jiru. Hunduu jiru. Haroon Ashangeellee safuuf seenaa eeggattee jirti. Dachiin kuush seenaaf safuu hingatu” jedhee mataan ol jedhe.

Akaakayyuun Dawaa waa malee maqaa kana hinmoggaasnef. Qorichummaa Dawaa irra dawoo seenaa ta’uu Dawaatu nattu argamaa jira. Seenaa hawaasa san keessaa cuunfamee badaa jiruuf Dawaan dawoo ta’ee waan eegaa jiruun se’a. Maqaasaan, ilaalchaafi seenaa tiksaa jira.

Ahmadiifi Gabreenis maqaa jijjiratan malee fooniif dhiiga Dawaati. Ilmaan abbaa tokkoofi haadha takkaati. Gaafa rorroofi rakkoo kan waliin kufanii ka’anii. Dhiigaafi foon maaltu adda baasa? Maqaadhumaaf kun ‘dhiiga’ kun immoo ‘foon’ jedhuu malee. Gochaan adda baasuuf yaallan eessa lubbuu horatee? Kufaatii, du’aaf badduu taati malee.

Anaafi Dawaan yeroo walfudhannee galluu, nyaanni qophaa’ee manni ho’ee nu eege. Ahimadiifi Gabreen Dawaa gidduu galfatanii taa’an. Anaafi Gogorriin immoo fuuleesaani jirra. Leemmati nyaataa  gidduu keenya bookaan marfamee taa’era. Nyaata nama hawwatu kanarra obboolaa walciinaa taa’an kanatu nama hawwiisisa. Dhuguma dachiin kuush kun amantaafi ilaalchaan garaagarummaa haa qabaattus  garaagarummaan kun midhagina ta’ee nama hawwata.

Erga nyaannee booda, ganama subiin karaa waan jalqabnuuf dafnee cicciisne. Kaleessa yaadachaa, kan har’aa siireeffachaa, boruu mil’achaa… hirribni na fudhatee godaane. Abjuun takka takkaa dhugaa ta’a. Takka takkammoo abjuufi ta’insii guyyuu koo waluu hinargu. Kun illee abjuu nama hiikerratti hundaa’a jechuu dagaheera. Kanaaf abjuun har’a abjoodhu nama gaariifi jaalatamaatii himeen; gara gaariitti  akka naa hiikuun taasiisa. Isa dura Abjuun mana ilmaan Raayyaatti abjoodhu maalii laata? Maaliittiis hiikama laata? Namni gaariin naa hiiku kun eenyuu laata? ………….Ammaaf hinbeeku. Gaafan abjoodheen isinitti hima…….(ittifufa)

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

9 Comments to “Maqaafoo oolaa (Asoosama gabaabaa)”

  1. Pingback: sitecom
  2. Pingback: gunpowder
  3. Pingback: go88
  4. Pingback: steenslagfolie
  5. Pingback: Volnewmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *