Manneen barnootaa burqaa ispoorteessitootaa ta’aanii akka itti fufan hojjetamaa jira

Adaamaa: Dhalli namaa wal’aansoo  jiruufi jireenya guyyuusaa mo’achuuf taasisuun fayyuummaafi cimina qaamasaa osoo beekuus ta’e hinbeekiin eeggachaa kan ture ta’uu seenaan jalqabbii ispoortii ni ibsa.

Sochiin ispoortii jaarrawwan hedduun dura akka feeteen jalqabame kun har’a bifa qindaa’eefi jaalatamummaa ummataa gonfateen, akkasumas kabajaafi ulfina biyyaa eegsiseen gaggeeffamuu erga jalqabee as garuu sadarkaa idil addunyaatti aasxaa eenyummaa biyya tokkoo ta’uun nageenya, jabiina, jaalalaa, obbolummaafi tokkummaa ummata addunyaa ibsuun ga’ee olaanaa taphachaa jira.

Itoophiyaanis addunyaarratti jaarraa walakkaa oliif beekamtii argachuun alaabaan ishee addabaabaayiwwan olompikiirratti ol ka’uun Fannisuun, faaruun ishees addunyaa maratti daangaadhaa hanga daangaatti akka dha’agamu kan taasise Ispoortiidhuma kana.

Ispoortii ammayyaa kanaafi madda kan ta’aniifi ispoorteessitoota beekamoo horachuun biyyatiin addunyaarratti akka beekamtu burqaa kan ta’an ammoo manneen barnootaati.

Keessumaa Oromiyaan atileetoota ciccimoo horachuun Itoophiyaa, Afrikaarrattis ta’u addunyaarratti akka beekamtu gochuun adda durummaan eeramti.

Burqaan kun akka hingognee naannoon Oromiyaa maal taasisaa   akka jiru Hogganaa Ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo  Alamaayyoo Asaffaa dhiheenya kana akka ibsanitti, ispoortii manneen barnootaa keessatti cimsuuf hirmaannaan ummataa murteessaadha jedhu.

Bakka ummanni jiraatuutti, bakka baratuufi hojjetutti ispoortii babal’isuu waan murteessaa ta’eef, Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa keessatti ispoortii babal’isuun dargaggoota abdii borii horachuun akka barbaachiisu ibsu.

Akkasumas, naannawaa horsiisee  bultootaafi qonnaan bultootaatti dargaggooni yeroo aara galfannaasaanii ispoortiiwwan aadaarratti akka hirmaataniifi dorgomtoota akka ta’an gochuuf hojii olaanaan hojjetamaa akka jiru himu.  

Dargaggoota manneen barnootaatti dandeettii ispoortii qaban gosawwan ispoortii adda addaatiin akka leenji’an jecha Akkaadaamii Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaa, Giddugala Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaafi Wiirtuu Leenjii Kubbaa Miilaa Dargaggootaa Ambootti akka leenji’an  taasifamaa jiraachuus Obbo Alamaayyoon ni himu.

Walitti dhufeenya Komishinii Ispoortii Oromiyaa waliin qabaniin kilaboota Oromiyaa keessatti argaman wajjiin marii taasisuun dargaggoonni kilaboota adda addaa keessatti akka hammataman taasifamaa jiraachuus ni dubbatu.

Tashoomaa qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

4 Comments to “Manneen barnootaa burqaa ispoorteessitootaa ta’aanii akka itti fufan hojjetamaa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *