Oromiyaafi Raayyaan Ittisaa baranas Shaampiyoonaa ta’an

Finfinnee: Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa, kaayyoo atileetoota beekamoo Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan biyyaaleessaarratti hirmaatan horachuuf jedhuun walakkaa jaarraa oliif adeemsifamaa tureera.

Atileetonni shaampiyoonaa kanarraa argamanis dirreewwan olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaafi shaampiyoonaa atileetiksi Afrikaarratti hirmaachuun biyyattii beeksisaa turaniiru.

Haaluma kanaan shaampiyoonaan kun baranas guyyoota shaniif Istaadiyoomii Finfinneetti adeemsifamaa turee dilbata darbe xumurameera.

Shaampiyoonicharratti atileetoonni naannoolee biyyattii saglaniifi bulchiinsa magaalootaa lamaan irraa akkasumas, kilaboota Oromiyaafi Magaalaa Finfinneerraa bobba’an koorniyaa lamaaniinuu hirmaataniiru.

Walmorkiiwwan adeemsifamaniin dubaraan Raayyaan Ittisaa qabxii 161n tokkoffaa, Oromiyaan qabxii 106n lammaffaa, Baankiin Itoophiyaa ammoo qabxii 88n sadarkaa sadaffaa argachuun isaanii beekameera.

Akkasumas dhiiraan Oromiyaan qabxii 141n tokkoffaa, Raayyaan Ittisaa qabxii 125n lammaffaa Bunni Siidaamaa ammoo qabxii 109n sadarkaa sadaffaa ta’uun badhaafamaniiru.

Walumaagalatti dorgommiiwwan adeemsifamanitti akka naannootti Oromiyaan, kilabaan ammoo Raayyaan Ittisaa akkuma kanaan duraa meedaaliyaawwan baay’ee  fudhachuun shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa bara 2011 ta’uun olaantummaan xumuraniiru.

Haaluma kanaan Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa kilabaan injifattootaaf badhaasa meedaaliyaa warqii, waancaafi qarshii kuma 16 badhaaseera.

Federeeshinichi akka mul’iseetti, shaampiyoonaa kanarratti atileetonni mo’atan Itoophiyaa bakka bu’un Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa yeroo 17ffaa ALA Fulbaana 27 hanga Onkololeesa 6 bara 2019 magaalaa guddoo Kuwaataar Dohaatti adeemsifamurratti hirmaatu jedhamee eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

3 Comments to “Oromiyaafi Raayyaan Ittisaa baranas Shaampiyoonaa ta’an”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: porn film

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *