Ummattoota waliin cunqurfamaafi dhiitamaa turetu har’a wal cunqursuufi wal dhiituuf walitti gaarreffachaa jira. Warra waliin du’aa turetu wal ajjeessuuf walirratti duuluu eegalee miila wal sakaale. Waliin buqqa’aa turuusaanii dagatanii har’a wal buqqisuuf socho’uun seenaa dagachuu qofa osoo hin taane waliin jireenya darbe waakkachuu fakkaata.
Sirna siyaasaa ijoolleesaa rasaasaan akaawaa turerratti waliin qabsaa’anii har’a immoo ofii walirratti qabsaa’uun kallatti kamiinuu fayyaduu hindanda’u. Yeroo mootummaan ummata gaaffii mirgaa dhiheessu ajjeesuu dhiisetti ofii wal ajjeesuun sirna siyaasa nama ajjeesutti amanu sana hawwuu fakkaata. Hunda caalaa immoo, iddoowwan kanaan dura madda dirree qabsoo ture yunvarsitiiwwan har’a bakka walitti bu’iinsi sabootaa itti uumamu ta’uunsaanii biyyattiifi ummatasheefis yaaddoo guddaa ta’aa jira.
Haala amma jiruun naannoon ummatni irraa hin buqqaanes ta’ee kan hin buqqifne waan jiru hinfaakkatu. Waan ta’eefis haala kana dafanii too’achuu baannaan kallattiin irra jirtu hamaa ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinaa Aadde Keeriyaa Ibraahim ni dubbatu.
Yeroo biyyattiin ce’uumsa gama hundaa keessa jirtu kanatti iddoo hundatti walitti bu’iinsiifi buqqaatiin ummataa dhagahamaa jiraachuun waan heddu nama qaaneessu ta’uusaafi kun immoo ummata bal’aa kan bakka bu’u osoo hintaane gareewwaniifi namoota dhuunfaatiin qindaa’aa kan jiru ta’uu ibsu.
Sagantaa “Wal danda’uufi nageenyaa guddina biyyaatiif” mata duree jedhuun bakka bu’oota dhaabbilee barnoota olaanoo waliin tibbana Adaamaatti gaggeeffameeen maddi walitti bu’iinsaafi furmaannisaas achuma dhaabbilee barnoota olaanoo ta’uu akka qabu kan himan Aadde Keeriyaan, yunvarsitiwwan walitti bu’iinsa uumamuu danda’u dursanii to’achuu irratti muuxannoo jabaa qabaniifi erga uumameen boodas balaa biraa osoo hinqaqqabsiisiin dafanii furan muuxannoosaanii sagantaa itti dhiheessan ta’uu dubbatu.
Gama kanaanis yunvarsitiiwwan biyyattii keessaa muuxannoo gabbataa qabaachuudhaan hunda kan dursu Yunvarsitii Wolloo yommuu ta’u, barattoota akka qaama biraatti osoo hintaane akka waahillan hojiitti ilaaluun, komiifi gaaffii ummataatiif dafanii deebii barbaachisaa kennuunfi karooraafii raawwii yunvarsiitichaa hundarratti bakka bu’oota barattootaa hirmaachisuun ciminasaa ta’uu Pirezdaantiin Yunvarsitii Wolloo Doktar Abaatee Geetahun ni dubbatu.
Walitti dhufeenyi barataafi barsiisaa akka cimuufi barattoota gumiiwwan garaa garaa keessatti hammachiisuudhaan miirri itti gaafatamummaa akka itti dhagahamu gochuun akkasumas mufii yemmuu qabaatan immoo sodaa tokko malee hoggantoota yunvarsiitichaa waliin akka mari’atan taasisuunis muuxannoo yunvarsiitichaa ta’uu ibsu.
Garaagarummaan diinummaa osoo hintaane midhaagummaa ta’uu yeroo hunda hubachiisuun akkasumas, garaagarummaadhaaf beekamtii kennuufi hojiilee hundarratti qixa hirmaachisuun hariiroo barattoota gidduu jiru cimsuun yunvarsitiiwwan qofaaf osoo hintaane nageenya biyyaatiifis murteessaa akka ta’e himu.
Barattoonni qabsoo waggoota darban sirna siyaasaa biyyattii jijjiiruuf taasisaa turan har’a gaafa bu’aan qabsoosaanii mul’achuu eegaletti ofii walirratti kaka’uu dhiisaanii yeroon jijjiirama dhufaa jiru itti deeggaruu qabanis kanuma.
Walumaa galatti, kaleessa waliin qabsaa’anii har’a immoo walirratti qabsaa’uun karaa kamiinuu eenyuufiyyuu bu’aa buusuu waan hindandeenyeef tasgabbaa’anii biyyas tasgabbeessuun ga’ee hundaa ta’utu irra jira.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Caamsaa 9/2011
6 Comments to “Ummata kaleessa waliin qabsaa’ee sirnicha mancaase, har’a maaltu walitti dachaase?”