“Qormaanni kennamu miira itti gaafatamummaan hogganamuu qaba” -Obbo Maammoo Boggaalaa

Qormaanni naannoo kutaa saddeettaffaafi biyyaaleessaa  kutaa 10fi 12 dhuma ji’a Caamsaafi jalqaba Waxabajjiitti akka kennamu sagantaan ba’ee ni mul’isa..

Haaluma kanaan qorumsi  biyyaalessaa  kutaa 10fa Waxabajjii 3-5, kan seensa yunvarsiitii (kutaa 12fa) Waxabajjii 6, 7, 10fi 11 akkasumas kan kutaa 8fa Waxabajjii 12 -14 bara 2011tti kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Kanaafis sadarkaa naannoofi federaalaatti qophiin barbaachiisu taasifamaa jira. Barattoonnis kana hubatanii qophiisaanii cimsanii akka ittifufan Ministeerichi hubachiiseera.

Akka Oromiyaattis qormaanni naannoofi biyyaaleessaa yeroo qabameetti kan adeemsifamu yoo ta’u qophii jiru ilaalchisuun Hogganaan Ittaanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Maammoo Boggaalaa Bariisaa ibsa kennaniiru.

Qormaanni naannoofi  biyyaaleessaa bara kana kennamu miira itti gaafatamummaa hogganamuu akka qabu eeranii, qormaanni bu’aa dhamaatii waggoota dheeraa waan ta’eef miira ofitti amanamummaan hogganamuu akka qabus ni dubbatu.

Dhimmichi qaamolee qormaata qoran qofa kan ilaaltu waan hintaaneef qoratamtoonnis bu’aa dhamaatiisaanii qabatamaan akka arganiif miira itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban dhaamu.

Hawaasni naannawaas kana beekee deeggarsa barbaachisaa taasisuun bu’aan quubsaa akka galmaa’u deeggarsa barbaachisaa taasisuun akka irra jiraatu kaasanii, qormaanni dhimma ga’umsa horachuun biyyaaf jiraachuu hanga ta’etti walirraa waraabuun naamusa qormaataa waan hintaaneef irraa of eeggachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisu.

Lammiin ga’umsa bilchaataa qabu akka horatamuufis aadaan qormaata walirraa waraabuu hafuu akka qabu kan himan Obbo Maammoon, inni qoramus inni qorus naamusa qormaatichaa wiirtuu godhatee socho’uun ittigaafatamummaafi amanamummaasaa ba’aachuu akka qabu ergaasaanii dabarsu.  

Akka Oromiyaatti, bakkeewwan rakkoo nageenyaan walqabatee adeemsi baruu barsiisuu harkifataa turetti wayitii barnootaa gubate bakka buusuuf sochii barsiisootaafi hawaasa mana barumsaan taasifameen bu’aan quubsaa galmaahuu ibsu.

Barattoonnis dhamaatii barsiisootaafi  hawaasa mana barumsaan akkasumas, isaaniin taasifame kana firiisaa ijaan arguuf miira itti gaafatamummaan hojjechuun akka irra jiraatu dhaamu.

Hirkatummaa barattootaa hambisuuf hara’a osoo hintaane jalqabumaa kaasee barataan hawaasa mana barumsaan guyyuu bocamaa turuu kan kaasan Obbo Mammoon, firiin bara kana galmaa’u akka biyyaatti Oromoo hunda  kan boonsu ta’uu mala jedhu.

Lammiin qormaatarratti hirkataa ta’ee mul’atu abdii egeree biyyaa ta’uu waan  hindandeenyeef  kanneen karoora balaafamaa akkanaa qabataanii deeman yoo jiraatan of safeeffachuu akka qabanillee hogganichi dubbatu.

Kana malees kanaan dura burjaajessitoonni miirri itti gaafatamummaa lammiilee itti hindhagahamne interneetiin deebiin qormaataa ba’eera jechuun kufaatii guddaa akka qaqqabu  gochaa turuu yaadatanii, barattoonni bu’aa hojiisaaniitti  gammaduuf  miira  hirkattummaa  interneetiirraa of qusachuun akka irra jiru hubachiisu.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

9 Comments to ““Qormaanni kennamu miira itti gaafatamummaan hogganamuu qaba” -Obbo Maammoo Boggaalaa”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: Herbalife sign up
  3. Pingback: poker
  4. Pingback: link
  5. Pingback: random chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *