Jaarsummaa: Sirna haqni itti eegamu

Ummanni Oromoo yeroo seerri ammayyaa hinjirretti rakkoolee haqaa naannawaafi qe’ee isaatti isa mudachaa ture sirna ittiin hiikkataa ture qaba. Sirni kun akka guddina hawaasaatti dagaagee beekamuu baatus, amma waldhabdeewwaniifi rakkoolee hawaasummaa hiikuu keessatti gahee guddaa qabaachaa jira. Sirni kun jaarsummaa jedhama.

Sirnoota haqni Oromoo haala aadaatiin ittiin eegamaa ture keessaa tokko jaarsummaadha. Akka aadaa Oromootti jaarsummaan akkasumas duudhaaleen araaraa abbaa  seerummaa sirna Gadaa keessatti argaman, afarsaataan, saboota biroo birattiammoo sirnoonni akka ‘awucaacinyifaan’ ni eeramu.

Asirratti afarsaataadhaan walqabatee waan akka qoosaatti himamu tokko kaasuuf, jiraattonni mandara tokkoo altokko hattootaafi saamtota isaanuma wajjin jiraatan sadiin gidiraa argaa turan. Rakkoo kana furachuufis maanguddoonni, jaarsoliin biyyaattii abbootii afarsaataa waamu.

Ummannis walitti qabamee sirni ‘awucaacinyii’ jedhamu eegalame. Hattoonni jiraattota gidirsaa turanis yaa’ii afarsaataarratti waan hirmaataniif jiraattonni kuun ija jabaatanii ebelu, ebelu jechuuf rakkatan.

Yeruma kana jaarsi tokko ka’anii, maqaa hattoota sadanii iccitiidhaan hima keessa galchanii ibsanii taa’an. Afarsaatichis haasawa maanguddichaa qoratee namoota maqaansaanii malaan waamame danbii naannawaatiin akka adabaman gochuun nageenya qe’ee ofii kabachiifatan jedhama.

Har’as taanaan sirni kun bal’inaanis ta’uu baatu naannawwan tokko tokkotti tajaajila olaanaa kennaa jira; keessumaa naannawawwan sirni Gadaa jabaatee itti argamutti.

Yeroo ammaa hawaasni haqa argachuuf sirna jaarsummaa aadaa naannawasaatti argamutti tajaajilamuu maddiitti jaarsummaa ammayyaattis fayyadamaa jira. Qaamni jaarsummaa sadarkaa kamiittuu argamu dhiibbaa qaama ykn qondaala mootummaa ykn kan biraa kamirraayyuu bilisa. Abbootiin seeraa hojiisaanii bilisummaa guutuudhaan raawwatu. Seeraan malee waan biraatiin akka hinhogganamnedha. barreeffamni weebsaayiitii www.oromedia.net irraa arganne ni ibsa.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Caamsaa 9/2011

Recommended For You

One Comment to “Jaarsummaa: Sirna haqni itti eegamu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *