Oromiyaatti ramaddiin hojjettootaa adeemsifamuufi

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa bu’aa qabeessummaa waajjiraalee mootummaarratti qorannoo geggeessaa tureera. Waajjiraalee mootummaa 50 oliifi hojjetaa walakkaa miliyoonaa qabatnee akkamiin tajaajila gahaa kennuu dadhabne kan jedhurratti qorannichi kan xiyyeeffate.

Qorannichi waantota ijoo afur kan addaan baase yoo ta’u, tokko waajjiraaleen mootummaa naannichaa rakkoo gurmaa’inaa qabaachuu, waajjiraaleen daran waan babala’ataniif birokraasiin mootummaa garmalee bal’atee qabeenya mootummaa nyaachaa turuufaa kan agarsiiseedha.

Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Oromiyaa, Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsa dheengadda Gazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qaqqabummaafi ittiquufiinsa ummataa mirkaneessuuf, qabeenyatti sirnaan fayyadamuuf argannoo qorannichaan argamerratti hundaa’uun caasaan mootummaa dhiphisuun barbaachisaadha.
Kanaanis iddoonitti waajjiraaleen mootummaa sadii bakka tokkotti deebi’an jiraachuu eeranii fakkeenyaaf, abbaan taayitaa misooma jallisii, abbaan taayitaa bunaafi shaayiifi qonni walitti deebi’anii waajjira tokko ta’aniiru.

Waajjiraaleen mootummaa kenniinsa tajaajilaarrattis hanqina guddaa waan qabaniif kun akka hiikamuufis seera, qajeelfamootaafi danbiiwwan irra deebi’anii fooyyessuun barbaachisaa waan ta’eef hojjetamuusaa beeksisaniiru.

Eddii gurmaa’inni sirreeffamee booda ramaddii hojjetaatu geggeeffama kan jedhan Doktar Biqilaan, kanaanis namni akkamii eessatti akka ramadamu murtaa’uu waan qabuuf qorannoorratti hundaa’amee hojjetamuusaa ibsu.

Qorannoo geggeeffameenis rakkooleen beekumsaa, dandeettiifi naamusaa waajjiraalee mootummaa keessa waan jiraniif gurmaa’ina kanaan hanqina kana hiikuuf kallattiin kaa’amuu isaa himaniiru.

Ramaddicharratti beekumsi, dandeettiifi naamusni ulaagaa ta’uu hoggantichi eeranii, hojjetaan gahee hojiisaa beekee hojjechuusaatiif dhibbantaa 30, naamusa hojjetaa tokkorraa eegamuun hojjechuun dhibbantaa 30, madaalliin ji’oota jaha jahaan guutamu, walumatti kan waggaa dhibbantaa 35, qulqullinni kuusaasaa dhibbantaa shan, dimshaashumatti qabxii dhibbaan gita hojii sanaaf kaa’aman dorgomee kan mo’atetu darba jedhan.
Qabxiin waldorgommii akka kanaan duraa sadarkaa barnootaafi muuxannoo akka hintaanes beeksisanii, kana booda kan barbaachisu hojii beekuu, naamusa qabaachuu, qabatamaan hojii kennameef raawwatanii argamuudha jedhaniiru.

Ramaddichi labsii raawwachiistuu mootummaa Caffeen Oromiyaa yeroo darbe raggaasiserratti hundaa’ee geggeeffamaa kan jiru ta’uus eeranii, hojjetaan mootummaa naannichaa hanqinoota beekumsaa, dandeettiifi naamusaa yoo qabaatellee dhawaataan leenjisaa hanqinoota kanneen sirreessaa deemuuf kallattiin kaa’amuu beeksisaniiru.
Madaallii kanaan namni dhibbantaa 50 gadi argate kan hinramadamne ta’uu kan dubbatan Doktar Biqilaan, qabxii eerame kanaan hamilee hawaasa ittiin tajaajilu waan hinqabaanneef ramaduun rakkisaa ta’uu himaniiru.

Ta’us qabxii madaallii kana hojjetoonni baay’een ni darbu jedhamee kan amanamu ta’uus eerii, haallitti namni qabxii 50 gadi galmeesse keessummeeffamus qophaa’uusaa dubbatu. Kana wajjin maanuwaalii waajjiraaleen mootummaa tajaajila itti kennan qophaa’aa jiraachuu beeksisaniiru.

Nama dandeettii, beekumsaafi naamusa qabu waldorgommiidhaan qabxiin kennameefii hojiirratti ramadnaan ittiquufiinsa tajaajilaa uumuuf abdatamuusaas ibsanii, eddii hojmaanniifi gurmaa’inni sirraa’ee hoggansiifi qabeenyi humna namaa irra deebi’amee ramadamee booda jijjiiramichi deggarsa, hordoffiifi tarkaanfiidhaan yoo deeggarame tajaajilli ni fooyya’a jedhaniiru.

Dhimmi ragaa sobaas qajeelfama keessatti eeramuusaa eeranii, adeemsa kana keessa namni ragaa sobaatiin ni galmaa’a jedhamee kan hineegamne ta’uus ibsaniiru. Hojiin riiformii hojjetamaa jiruun hojjetaan mootummaa jidduseenummaa siyaasa kamirraayyuu akka adda bahu taasifamuusaas hoggantichi himaniiru.
Mudde 30 bara 2011 irraa kaasee sadarkaalee hundatti ramaddiin taasifamee, xalayaan kan kennamu ta’uus ibsanii, saganticharratti godinaaleefi aanaaleef leenjiin kennamuusaa eeraniiru.

Tattaaffiin taasifamaa jiru tajaajila ummataaf kennamu gama hundaan fooyyessuuf waan ta’eef hojjettoonnis ta’an qaamoleen hoggansaa, milkaa’ina hojii kanaaf of kennanii akka socho’anis gaafataniiru.
Oromiyaa keessa hojjettoota mootummaa kuma 500 kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa kumni 200 barsiisota, kumni 76 ogeessota fayyaati.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Oromiyaatti ramaddiin hojjettootaa adeemsifamuufi”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: barber Melbourne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *