Guddina ispoortii biyyaa keessatti qooda miidyaalee

Adaamaa: Dhaadannoo, ‘Ispoortiin fayyummaaf’ jedhamaniifi kkf yeroo mara dhageenya. Dhugummaa dhaadannoo  kanaa mirkaneeffachuuf ammoo bakka sochiin ispoortii itti adeemsifamutti goruu gaafata.

Bakka sochiin  ispoortii itti hin beekamnetti baalawwan sammuu hadoochaniifi haala dargaggoota gara kashalabbummaatti geessaantu baldhinaan mul’ata. Kun ammoo humna dargaggootaa karaa ispoortiitiin maqaa biyyaa waamsisuu danda’an fashaleessee karaatti kan hambisuudha.

Rakkoo armaan olii kana hambisuuf ammoo mootummaa, ummataafi miidiyaalee biyyattiirraa ga’ee guddaatu eegama. Kanaafuu sochiin ispoortii biyya keenyatti gaggeeffamu mootummaadhaan deeggaramuu qaba. Ummata biyyaa keenyaas gammachiisu qaba.

Keessumattuu sagalee dheeraa kan qabaniifi meeshaa walitti dhufeenya ummataa kan ta’an miidiyaaleen ispoortii ammoo eenyuu caalaa ittigaafatamuummaa guddaa qabu.

Ispoortiin aadaas ta’u kan ammayyaa waggoota kurnan sadan darban dura manneen barnootaafi waldaalee ispoortiiwwan adda addaatti  haala gaariidhaan adeemsifamaa ture.

Biyyattiinis shaampiyoonaawwan Afrikaas ta’u kan addunyaarratti ispoorteessitoota ciccimoo maqaa gaarii qabaniin hirmaachaa turte. Haata’u malee yeroo dhihoodhaa as ispoortii atileetiksiifi teekuwaandoodhaan ala dirree addunyaarraayis ta’u Afrikaarraa maqaan ishii eddii dhabamee oolee buleera.

Miidiyaaleen biyyattii sochii ispoortii biyyaa alaa qofa dhaadhessaa waan jiraniif kan biyya keessaa dagatamaniiru. Qaamoleen ispoortii oggananis miidiyaaleerraa waan fagaataniif ispoortiin biyya keessaa ukkaawamaa jira.

Dhimma kanaaf mala dha’uuf waltajjiin marii Komishinii Ispoortii Federaalaatiin miidiyaaleef qophaa’e tibbana Adaamaatti geggeeffameera.

Marii kanarratti kan argaman Yuniivarsitii Finfinneetti barsiisaan ispoortii Doktor Zaruu Baqqalaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, kufaatii ispoortii biyya keenyaatiif miidiyaaleen ispoortii hunda caalaa iddoo olaanaa qabu.

Itoophiyaatti ispoortiin aadaa umrii dheeraa kan qabuufi mallattoo eenyummaa keenyaa ta’us miidiiyaalee biyyaatiin sochiinsaa waan hintuqamneef ukkaamameera.

Ispoortiin kan ummataatti jedhamus miidiyaaleen ummataa sochiisaa waan hinibsineef ummata bira ga’u hindandeenye. Keessumaa bakka ispoortichi baldhinnaan argamutti miidiyaan gadi siqee hojjetaa hinjiru.

Mootummaan xinnaatus, guddatus ispoortiiwwan biyya keessatti adeemsifamaniif bajata ramadee waajjira banuudhaan oggeessota kaa’us miidiyaaleen ummata biraan waan hingeenyeef eessayyuu gahuu hindandenyee jechuun adeemsa miidiyaalee ispoortii qeeqaniiru.

Daa’imman biyyoota alaa daaw’ataa waan guddataniif miidiyaaleen dhimma kanarratti cichanii hojjechuu akka qabanis gorsaniiru. Kun ta’uu baannaan guddina ispoortii biyya keenyaa eeguun abjuu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu guddina ispoortii biyya keenyaatiif miidiyaaleen mootummaa maddii hiriiranii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gaazexeessaan ispoortii Fiqir Yiliqaal gamasaatiin kufaatii ispoortii biyyaa keessatti hunda caalaa qooda kan qaban miidiyaaleedha jedha.

Gaazeexeesitoonni hangafoonni guddina ispoortii biyya keessaatiif halkanii guyyaa hojjechuudhaan nutti dabarsanis dhaloonni har’aa otoo caalaatti guddisuu qabuu of kennee hojjechuu dhabuun sirrii miti jedheera.

Akkuma, “Abbaan iyyatu malee ollaan hinbirmatu” jedhamu san guddina ispoortii biyya keenyaatiif qaamoleen dhimmi ilaallatu mootummaan, ummanni, waldaaleen ispoortii keessumaa miidiyaaleen guddina ispoortii biyyattiirratti ciminaan hojjechuu qabu jedheera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

4 Comments to “Guddina ispoortii biyyaa keessatti qooda miidyaalee”

  1. Pingback: massage near me

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *