Shaampiyoonaan atileetiksii Itoophiyaa adeemsifamaa jira

Finfinnee: Qopheessummaa Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaatiin waggaa waggaan kan adeemsifamu shaampiyoonaan atileetiksii Itoophiyaa kan baranaa Kibxata darberraa eegalee Istaadiyoomi Finfinneetti adeemsifamaa jira.

ALI bara 1963 irraa kaasee osoo addaan hincitiin hanga har’aatti adeemsifamaa kan jiru shaampiyoonaan atileetiksii biyyaaleessaa kun seenaa shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa keessatti isa hangafaadha.

Kaayyoon shaampiyoonaan kun itti qophaa’uuf atileetota dandeettiifi gahumsa qaban horachuudhaan Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaa, addunyaafi olompikii irratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeessuufi.

Haaluma kanaan shaampiyoonaan atileetiksii baranas yeroo 48faf  Kibxata darberraa kaasee guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirree Dawaa dabalatee naannolee saglaniifi kilaboota beekamoo 36rraa korniyaa lameeniinuu atileetonni kuma tokkoofi 375 akaakuuwwan  atileetiksi adda addaatiin hirmaachaa jiru.

Hirmaattota kanneen keessaa dubartonni 563 yoo ta’an, dhiironni ammoo 813 ta’usaaniiti.Akkasumas leenjistoonni 141 yoo ta’an isaan keessaa dhiiroonni 123 dubartonni 18 ta’uun beekameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaas atileetota shaampiyoonicharratti hirmaachuudhaan riikardii haarawaa galmeessiisan, mo’attootaafi meedaaliyaawwan  warqii lamaa ol argataniif  walumaagalatti qarshii kuma dhibba tokkoofi saddeettamii afuriifi 800  badhaasaaf qopheesseera.

Haala kanaan atileetiin tokkoffaa bahe/aate kuma16,  lammaffaan kuma 10fi sadaffaan ammoo kuma jaha badhaafamu. Akkasumas atileetiin riikardii haarawaa galmeesse/isteefi kan warqii sadii ol argate/tte dabalataan qarshii kuma jahaa jaha ni badhaafama jedhameera.

Akkasumas shaampiyoonaa bara 2011 kanatti kilabni ykn naannoon qabxii dimshaashaan tokkoffaa bahe qarshii kuma digdama, lammaffaan kuma kudha jaha, sadaffaan ammoo kuma kudhan badhaafamu jedhameera.

Guyyaa shaampiyoonaan kun itti jalqabame fiigicha meetira kuma kudhanii dubartoota jidduutti adeemsifameetiin atileetiin Tiraansi Itoophiyaa Latasanbat Gidayi daqiiqaa 32:10.13 xumuruudhaan riikardii bara 1998 Atileeti Bizunashi Baqqalaatiin qabame daqiiqaa 32:12.00 ture fooyyeessuu dandeesetti.

Atileet Tsaahaayi Gammachu ammoo garee biyyaaleessaarraa daqiiqaa 32:17.20n, Nastaannat Guddataa kilaba hojiiwwan bishaan Oromiyaarraa daqiiqaa 32:17.82 lammaffaafi sadaffaa ta’aniiru.

Dorgommiin shaampiyoonaa guyyaa guyyaan adeemsifamu kun Dilbata iftaanii kan xumuramu yoo ta’u,  riikardiiwwan haaraan atileetota guddatootaan ni galmaa’a jedhameeti eegama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

3 Comments to “Shaampiyoonaan atileetiksii Itoophiyaa adeemsifamaa jira”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: autodetailing
  3. Pingback: cumshot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *