Maqaafoo Qe’ee (Asoosama gabaabaa)

Kutaa 3fa

Anumaa Qocaatti nagaa dhaammatee ofirra garagaluu Gogor’iin akka fuullee (marayyaa) ijaa ‘giph’ natti jette. Ergan ishee argee bubbuleera. Eddii laga Abbayyaatti nagattee baqattee ijji koo ishii hinargine. Suutan mil’adhe. Miillishee inni akka muka bishaan keessaa luluqqa’aa fakkaatu cululuqeera.

Baalleeshii toora galee haalluu garagaraatiin faayameera. Ijjiishii akka isa kulamee gurraacha’ee nama hawata. “Yaa anaa! Edaa ana qofatu saree ulee dhadhaabbata (ulee cimaa)irratti cabsan fakkaata malee inni kaanoo bobbooqatee; akkas bareedee jiraataa!’’ jedhe keessoo kootti.

Irrakeessa nagaa gaafadhe. Isa kanaan dura nadhiistee deemteef fakkaata nyaarrikoo akka samii ganamaan roobuu guduunfameera. “Gojjaamiin deemaa na wajjin imaluu barbaannaan koottu ni kunnaa’’ jette. “Gojjaam! Garas daaw’adhee hinbeeku garuu akka kanaan duraa na gattee hindeeminkaa, biyya keessaa hinbeeku’’ jedheen dubbiin waraane.

Achiin walqabannee Gojjaam,  Bassoo Liiban irraan itti seennee osoo deemnuu, laga xiqqaa argeen gogor’ii gaafadhe. “Maqaansaa Cawwaaqaa jedhama. Jabbootni abaabayyuu kee dur asii bishaan dhugu naan jette. As gargalee yoon ilaalu goodaa Guduruufi Calliyaa garaa gatee yoo ciisu argeen; “Bakki amma jirru gama moo gamana?’’ jedhee gaafadhe. “Ilaali lagoota gara sanaan mul’atan. Balaa Antii, Malkaa, Malkaa Farsoofi Malkaa Keenya fa’a. Egaa kun gamaa gamanaa maal gaafachiisa? jettee akka Gaangee sirnaan leenjifamtee saggaaruutti jette.

Imala keenya itti fufnee; deemsa keenya Bassoo Liibanirraa gara Guzaamiitti  seenne. Hiika maqaa naannolee asitti argamanii waanin hinbeekneef gurrikoo ija babaasee dhaggeeffata. Gogor’iinis kana narraa hubattee fakkaataa ibsa naa kennuutti seente.

Gorora goggogaan afaan lulluuqattee, “Bakki kun bulchiinsa cimaa Birruu Goshuu jala ture. Tulluun nu fuulduratti argitu kun immoo gaara Jabbilee jedhama. Bulchiinsi Biirruu Goshuu asuma, bakka Hambaa Jabbilee jedhamu kanatti mo’amee baqate. Maqaan qe’een yeroo sanii Dhummuuggaafi Qilee Yaboo jedhama ture.

Dhummuugaan har’a ‘Cemoga’ yoo ta’u, Qileen Yaboo immoo ‘yeboqile’ taatee jirti. Qe’een kun dadhabnaan Darba Maarqoos liqimsite’’ jette.

 Amma reefu xiqqoo bitaa natti gale. Gogor’iin maraatuudha malee akka mucaa qananii qe’ee tokko maqaa lamaan waanutti kaatee? jedheen hidhiikoo kan qilleensi akka lafa bonaa tattaraare gartokkotti qabeen; dhageeffachuutti jedhe.

Gozaam karaa Siinan jedhamu keessa baanee gaara Cooqaa kan qorrisaa akka eebootti nama cooqu (waraanu) ilaallee; Achiin aara galfachuuf jennee Saqalaa, qe’ee ilmaan Maccaatti gadi buune. Lagni naannawa kana jiru tokko durii kaasee  ijoollee jabbilee tiksaniifi midhaan eegan fuudhatee guyyuu haadhaafi abbaa iyyisiisaa  ture.

Kanarraa ka’uun iyyi naannawa kanarraa waan hinfagaanneef Abbaa Iyyaa jedhantu jira. Abbayyaa /Abbaa Iyyaa /qaxxaamurree Matakkalitti fuula garagarfannee; Qeellamiifi Gaambeelatti hirkannee ‘Wanbaraafi Dibaa Aaxiitti diriirfannee; Saqalaatti garaa gannee ciisnee boqochaa jirra.

“Hirribni akka asitti na hinfudhanne; koottu tirannee achii siiqna’’ jette. Haasaashii ittifufte.

Kunis qe’ee warra keetii gama sanaan Ilmaafi Deessaa karaa amma dhufne ammoo ilmaan Maccaatu ijaare. Magaalaan Qarqara haroo jirtu kunis yoo taatee lagni Abbaa Iyyaa harri Xaanaa kana beeku qe’ee abbaan irraa du’eefi irraa fagaate tokko akkuma jedhan sittis bitaa gale malee……

 Xiqqoo tarkaanfannee gaara tokkotti olbaanee biiftuu galgalaa “haa’’ jettee haalluu nama hawatuun dachii diriiraa miidhagsiteetti. Osoo hinturiin biiftuun of dhoksaa urjiin bakka bu’aa, dachiin dukkanaan golgamaa dhufe. Yeroo kana nuyi  naannawa Mootummaa /Mattammaa/ dhiisnee karaa laga Baashiloo gorree gara Hambisee Saar Midir naannoofnee gara Maqa-dallaa, Warraa dallaa ijaaree karaa mana isaanirraa maqsee, Maqdalla geenye. Bakki kun seenaa jabduu qaba. Mee hoodhuu irra dibaa kana nyaadhu. Hanga mana bullu argannutti kana nyaattu malee dandeessee hintirattu”’naan jette.

Irra dibaa seenaa moo irradibaa daabboo? Isa kam akka gogor’iin naa kennite naa hingalle. Garuu qe’ee Warqituu, gootittii Oromoo, Walloo ilmaan Raayyaatti gorree cinaacha lafaan geenye. Har’a boqochaa, bor karoorsaa, iftaan mil’achaa hiriibni na fudhatee godaane.

Simbirroonni waan walitti nam’anii dhiichisan fakkata. Waljalaa qabanii wacu, fudhanii foriicu. Ajab! Wacni simbiraa kun leenjisaa qaba malee akkamiin akkasitti miira na qirqirsa? Anaa jedhuu, kurruufiin gogor’ii itti makamee dibbee maraataan rukute yaa’a yeedaloo bareedaa balleessu ta’e.

Achii aareen aboottifadhee gudga gogor’ii walakkaa kaa’e. Ol utaaltee dhaabatte. “Ani bade, akkam na rukutta? Hambaa seenaa sidaawwachiisuufan ture’’. Hambaa? Hambaa Giishanmoo? “Eeyyee. Amma deemsa keenya gara Kamisee haa taasisnu’’ jette. Baallee ijashii walitti buttee akka nama waa yaadatuu hidhii mimmi’eeffattee.

“Bakki kun goraadeen ijoollee Raayyaa dhiiga Xaaliyaaniin diimateefi kottee fardeen Shawaa diina holqaa baasee biyyaa yaase na  yaadachisa’’ jette akka boonuu taatee.

Laga Cacahoo /Ce’ee Ce’oo /jedhamurraan ceenee Daawunti geenye. Achumaan  Dallantaa /Dilaantaa/ deemne. Kun immoo bakka albuudonni sibiilaafi ooppaal keesaa guutani. Durbeefi haawwan Walloo kan ittiin faayamani. Goggoor’iinuu bareedina durba Wallootiin butamtee na harkaa hafuuf jennaan sossobee  deemsa fagoo qabnu yaadachiisun ofitti debise.

Gara Qobboo, achii Harbuutti ceene. Naannawa kana maqaa mukoota garagaraatti haa moggaasan malee muka boolla qayyaaf kukkutan malee muka jajjabaa hagas mara hinargine. Harbuu keessaa ammoo Warra Marsaafi Urgeessaatti gorree, aannan dhugnee mitii daaknee biraa galle.

Erga boqonnee booda Burqaa Bassoo, Burqaa Boruufi Sulula geenyee kuduraafi muduraa forocnee, nyaannee, humna jabeefannee gara Warra Baabboofi Qaalluutti dabarre.

Ani dadhabbii keessa bahee qaamni koo bututee kophaa du’arraa of olchuuf dhahachaa waan jiruun se’a. Achii, “Osoon lagan qaama koo itti dhiqadhu argadhee!’’ jedheen. “Kunoo lagni Hidhaafi Amboo itti dhiqadhu” naan jette. Qaamakoo dhidhiibee dhiqadheen gara Warra Iluutti darbee deeme.

Guyyaa lammaffaan nutti dhihee dimimmisaa jira. Maaliin Qe’ee Wallootti bari’a laata? Itti fufa……….

Sinqinash Alamuutiin

Recommended For You

6 Comments to “Maqaafoo Qe’ee (Asoosama gabaabaa)”

  1. Pingback: snapinsta.com.br/
  2. Pingback: New Construction
  3. Pingback: Home Page

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *