Doktar Nagaasoon waa’ee Gaazexaa Bariisaa akkana jedhanii turan

Bara 1935 Oromiyaa, Lixaa Dambi Doollootti dhalatanii barumsa hanga digrii sadaffaatti hordofuun biyyasaanii haqummaafi alloogummaan ministirummaafi pirezidaantummaan kan tajaajilan Doktar Nagaasoon Ebla 19 bara 2011 addunyaa kanarraa du’aan boqochuun sirni awwaalchaasaanii Dilbata darbe raawwatamuun ni yaadatama.

Doktar Nagaasoon wayita Ministira Beeksisaa turanitti yeemmuu Gaazexaan Bariisaa ministeericha jalatti qubee Saabaatiin maxxanfamaa ture jijjiirama qubee (Mudde ykn Arfaasaa 16 bara 1985) gochuusaa  sababeeffachuun mataduree, “Fardis kunoo dirreenis kunoo…” jedhuun ummata Oromootiif dhaamsa ittaanu dabarsanii turan.

Gadiqabaa sirna darbee sana keessa Afaan Oromoorra ga’aa tureen sabni Oromoo afaansaatiin fayyadamuu dadhabee yoo tureyyuu dimokraasii gonfatetti gargaaramuun afaaniifi aadaasaa guddifachuun irraa eegama. Ummatichi haala gaarii uumameef kanatti gargaaramuun afaaniifi aadaasaa akka guddifatu abdiin qaba.

Lammiileen Oromoo hedduun kabajama haqawwan ummatasaaniitiif jecha hidhamuu, ajjeefamuu, qe’eefi qabeenyasaaniirraa ari’amaa tureera. Ta’us fincila qabsoofi wareegama ijoolleesaatiin mirga gonfateen murtee karaa Mana Marii Oromiyaa dabarfameen guddina aadaafi Afaan Oromootiif gumaacha guddaa gochuu akka danda’utti Gaazexaan Bariisaas qubee Afaan Oromootiin maxxanfamee akka bahu taasifameera.

Akkuma mammaaksa abbootii keenyaa, “Fardis kunoo dirreenis kunoo…” jedhamuu nutis fedhii ummata keenyarratti hundoofnee gaazexaa kana geeddarreerra. Kanaa achi ummanni akka barbaadetti yaada deggarsaas ta’e mormii dhiyeessuudhaan ittifayyadamuuf mirga guutuu qaba.

Ummanni Oromoo karaadhuma kana gaazexaa afaansaatiin maxxanfamee bahu kanatti gargaaramuudhaan haala siyaasaa ta’e kan dinagdee biyyasaa keessatti ta’aa jiruufi kan addunyaa akka qalbeeffatu abdiin qaba.

Ittigaafatamummaa qopheessitoota Gaazexaa Bariisaarra jiru ilaalchisuunis, Doktar Nagaasoon akkan jedhan. Qopheessitoonni gaazexichaa haala biyya keessaa isa dhugaa ta’e ummata beeksisuun yaada bu’a nagayaafi tokkummaa jabeessuudhaan ummata barsiisuun dhimma olaanaa gaazexeessitootarraa eegamu ta’uun hubatamuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

5 Comments to “Doktar Nagaasoon waa’ee Gaazexaa Bariisaa akkana jedhanii turan”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: ltobet
  3. Pingback: car detailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *