Jireenya keenya keessatti haalonni hedduun akka nu mudatan beekamaadha. Gaddaafi gammachuu, argachuufi dhabuu, fayyaan buluufi dhukkubsachuu, jaalatamuufi dhiibamuu, jajamuufi arrabsamuu, hammatamuufi dhiibamuun nu madata.
Garuu baay’een keenya yommuu waan gaariin nuuf ta’u gammadnee Waaqa galateeffanna malee yommuu nuuf ta’uun hafee yookiin waan qabnu of harkaa dhabnu hingalateeffannu. Ittuu Waaqa komachuufi gumgumuun hojii guyyuu keenya ta’a.
Doktar Nagaasoo Gidaadaa dhaloota isaaniirraa kaasee imala jireenyaa hedduu keessa darbaniiru. Jireenya wajjin wal’aansoo waliin qabuu kan eegalan ijoollummaasaaniirraa kaasee ture. Barachuu malee filannoo biraa akka hinqabne abbaansaanii waan itti himaniif rakkoolee hunda dandamatanii ciniinnatanii baratan.
Isa booda daandiin jireenyaasaanii karaa qabachuu eegalte. Barnootasaanii biyya keessaafi alatti hordofuun biyyasaanii sadarkaalee garagaraatiin tajaajiluu eegalan.
Doktar Nagaasoon quuqama sabasaaniitiif qaban irraa ka’uun hojiilee fayyadamummaa Oromoorrattis waantota baay’ee gumaachaniiru. Eenyummaafi seenaan saba kanaa akka kabajamuufis qabsaa’aa turan. Hojiilee kanneeniifi kanneen biroo hedduu kan hojjetan Doktar Nagaasoon fiixee aangoo mootummaasaa olaanaarrallee qaqqabanii biyyaafi sabasaanii tajaajilaniiru.
Garuu sirni ture faayidaa sabasaanii waan tuqeef fedhii isaaniitiin aangoo namoonni baay’ee irratti wal ajjeesan fedhiidhaan gadi lakkisaniiru. Silaa utuu akka biyyoota birootii namni aangoo irra ture fedhiisaatiin aangoosaa gadi dhiise jajannaafi galata guddaadhaan gaggeeffama. Faayidaan argachuu qabus ni eegamaaf.
Doktar Nagaasoof garuu kan ta’e faallaadha. Ni dhiibaman. Faayidaan barbaadamu guutamuufii mitii, wantotumti bu’uura jireenyaa ta’anillee guutamuufi hindandeenye. Kanaanis mana dhimmisu keessa jiraachuuf dirqaman. Konkolaataa waan hinqabneef taaksiidhaan deemuun hiree isaanii taate.
Rakkoo fayyaa isaan mudateen wal’aansa gaarii argachuun itti ulfaate. Namni jabaan biyyaaf oolmaa akkanaa oolan nama eessa jirta jedhuunillee ni dhaban. Bara rakkoosaanii mana isaanii dulloomtuu sana keessa haadha warraasaaniifi firoota dhiyoo waliin dabarsuuf dirqaman.
Wantoonni kunneen hundi yommuu jireenyasaanii keessatti waljijjiiruun uumaman garuu gaabbiifi abdii kutannaan irraa hinmul’atu. Haaluma sana keessa taa’anii sabasaaniif quuqamuu hindhiisne.
Beekumsa qaban qooduurraa duubatti hinjenne. Guyyaan kun akka darbu baranii hundayyuu tole jedhanii fudhatan. Saba koof jechan kana ta’e jedhaniis eenyuyyuu hinceephaane. Ittuu fuula ifaadhaan waan irra ga’e dubbatu malee dhiibbaa irra gahe ofirraa hinmul’isne. Gadadoofi rakkoo irra ga’een keessa isaaniitti yoo bo’an malee alatti hinbaafanne.
Walumaagala dhabuunis kutaa jireenyaa isa tokko ta’uu amanuun kaan gorsuu hojii godhatan. Akka bara aangoorra jiranii osoo hintaane akka baraatti jiraachuu hiree taasifatan. Dhaloonni ammaas cimina isaaniirraa barachuun dirqama. Gaafa argatu sirbee gaafa dhabu mogolee laafuun irra hinjiraatu. Gaaf tokko akka barri dhufu yaaduun yeroo hunda waan qajeelaa hojjechuun gaariidha. Kana yoo ta’e Waaqnis namatti gammada, duudhaan Doktar Nagaasoos qaccee dheereeffata.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Caamsaa 2/2011
7 Comments to “Akka baraatti buluu Doktar Nagaasoorraa haa barannu”