Hayyicha seenaafi siyaasaa, Doktar Nagaasoo Gidaadaa bara 1933 – 2011tti

Pirezidaantiin duraanii Mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI), Doktar Nagaasoo Gidaadaa Qaam’ee 3 bara 1935tti abbaasaanii Luba Gidaadaa Soolaniifi haadhasaanii Aadde Dhinsee Shooliirraa Naannoo Oromiyaa, Godina Qeellam Wallaggaa, Magaalaa Dambi Doollootti dhalatan.

Abbaansaanii, Luba Gidaadaan ijoollummaatti rakkoo qaroo ijaaf yaa saaxilaman malee kutaalee biyyattii addaddaa keessatti lallabaa Wangeelaa beekamaa waan turaniif hundeessitoota Waldaa Beetal keessaa adda durummaan waamamu. Kunimmoo Doktar Nagaasoon naamusa gaariifi ittigaafatamummaa hawaasaa qabatanii akka guddataniif isaan gargaareera.

Doktar Nagaasoon ijoollummaasaanii irraa kaasanii rakkoowwan hedduu keessa kan darban ta’ullee akkuma umriinsaanii barnootaaf gaheen Waldaa Beetalitti qubee lakkaawuu eegalan. Mana Barnoota Birhaana Iyyasusiifi Misiyoona Dambidoollootti barnootasaanii sadarkaa 1fa kan baratan yoo ta’u, sadarkaa 2fa ammoo Mana Barumsa Bultii Ba’ida Maariyaam Adaamaatti argamutti hordofaniiru.

Kunimmoo Doktar Nagaasoon carraa barattoota yunivarsiitii waliin walqunnamuun  mari’achuunsaanii  bilchina siyaasaa horataniif kan gumaache ta’uu hubachuun danda’ameera. Barnootasaanii sadarkaa lammaffaa erga xumuranii boodas bara 1963tti Yunivarsiitii Hayilasillaasee durii (Yunivarsiitii Finfinnee ammaa)tti barnoota seenaatiin digrii tokkoffaan eebbifaman.

Kunis, seenaa addunyaafi Afrikaa, akkasumas amantiin Kiristaanaafi Islaamaa akkamitti Itoophiyaa akka seenan hubannoo akka horataniif gargaareera. Bara 1964 hanga 1966tti Ayiraa Gullisoo, Wallaggaa Lixaatti Daarektara mana barumsaafi barsiisaa seenaa ta’uun hawaasa naannawichaa tajaajilaa turan.

Bara 1967tti ammoo carraa barnootaa alaa argachuun Boon, Jarmanitti imalan. Ji’oota jahaaf erga Jarmaniffa baratanii booda Yunivarsiitii ‘Juwaan Wolfi Gaangi’ Firaankifartitti kan argamutti seenaa Itoophiyaafi Afrikaa, akkasumas seenaa Oromoo bal’inaan barataniiru.

Bara 1977 ammoo kitaabilee seenaa addaddaa sakatta’uutiin mataduree, “The History of Seyyoo Oromo of South Western Wollega, Ethiopia from 1730-1986” jedhurratti qorannoo taasisuun digrii 3fa (doktireetii) argataniiru. Wayita san gara Itoophiyaatti deebi’uuf yaalanis haalli siyaasa biyya keessaa rakkisaa waan tureef, achumatti hojiiwwan addaddaarratti mindeeffamuun waggoota sadiif hojjechaa turan.

Dhuma bara 1981tti ammoo gara biyya abbaasaaniitti deebi’uun waggoota hedduuf hawaasa tajaajilaa turan.

 Hirmaannaa siyaasaa

Hayyuun seenaafi namni siyaasaa gameessi kun Itoophiyaa keessatti walakkaa jaarraa tokkootiif dammaqinaan kan hirmaataniifi dhimmoota siyaasa biyyattii murteessoo ta’anirratti adda durummaan gumaachaa turan.

Sirna fiwudaalizimii kuffisuuf warraaqsa barattootaa bara 1966tti taasifamaa ture keessatti hirmaachuun qabsaa’aa kan turan yoo ta’u, kanaanis gaaffiin yeroo san barattootaan ka’aa turan “Lafti qonnaan bulaaf, hacuuccaan sabootaa yaa dhaabbatuufi kkf” jedhan bu’aalee barbaadaman argamsiisaniiru. Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis hirmaachuun qabsoo siyaasa Oromoo jajjabeessaa turaniiru.

Qabsoon siyaasaa biyyasaanii keessatti taasisaa turan isaan biraa hafuu didee hanga Jarmanitti fulla’uun hayyoota falaasama siyaasaa burqisiisan wajjin Jarmanitti walarganiiru.

Awurooppaatti Waldaa Barattoota Oromoofi Liigii Dargaggoota Oromoo keessattis hirmaachuun ummatni Oromoo akka ofiin of bulchuuf sirni dimokraasii biyyattiitti akka cimuuf  qoodasaanii hayyummaa bahataniiru.

Awurooppaa Bahaatti bara 1970 irraa kaasee wayita Addi Bilisummaa Oromoo akka paartii siyaasaatti hundaa’u kaasee qoodni isaan siyaasaa keessatti qabaachaa turan olaanaadha.

Hanga bara 1973ttis Doktar Nagaasoon Oromoofi Jarmanoota Magaalaa Firaankifarti keessa jiraatan qindeessuun dhaabbata, “Oromo Self  Help Organization” jedhamu hundeessan. Kanaanis lammiilee Oromoo Sudaanitti baqachaa turan karaa ABOtiin deggaraa turan. Kunis biyya keessaafi alatti miseensummaanis haa ta’u ittigaafatamummaan bal’inaan hirmaachaa  turan.

Kana malees, Doktar Nagaasoon hundeessitoota Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) wajjin bosona seenanii qabsaa’uu baatanis erga gara biyyasaaniitti deebi’aniis hirmaannaa siyaasasaanii addaan kutanii hinbeekan. Paartiilee siyaasaa hedduu keessatti hirmaataniiru; dhaabota siyaasaa isaan walitti fiduuf hin yaalles hinjiru.

Itoophiyaa keessatti ijaarsa sirna dimokraasii cimsuuf ADWUI dabalatee dhaabbilee siyaasaa hedduu wajjin hojjechaa turanis akkaataa isaan barbaadaniin milkaa’uu garuu hindandeenye. Falaasamniifi adeemsi paartiilee siyaasaa biyyattii garaa isaan ciibsu dhabanis dhimma biyyasaaniirratti callisanii taa’uu akka hindandeenye murteessan.

Kanaanis bara 1983 hanga 1984 wayita mootummaan ce’umsaa hundaa’e Dhaabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo (DhDUO/ODP)fi ABO walitti fiduuf gahee guddaa taphataniiru. Ta’us, walitti bu’iinsi DhDUOfi ABO keessumaa Wallaga Lixaatti finiinee waan tureef boqonnaa akka hinarganne isaan taasisee ture.

Aangoo siyaasaa

Doktar Nagaasoon osoo Pirezidaantii mootummaa RFDI hinta’iin dura bara 1983 hanga 1984tti Ministira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa, akkasumas bara 1985-86tti ammoo Ministira Qunnamtiifi Odeeffannoo ta’anii tajaajilaniiru. Miseensa DhDUOs waan turaniif sochiilee misooma hawaas-dinagdee keessatti qooda guddaa bahataniiru.

Kana malees, bara mootummaa ce’umsaa wayita heerri wixineeffametti hayyoota hirmaatan keessaa tokko turan. Heerri wayita ammaa biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirtus sadarkaasaa eeggatee akka qophaa’uuf qooda olaanaa bahataniiru.

Bara 1987 irraa kaasanii hanga 1992tti waggoota torbaaf garuu Pirezidaantii RFDI ta’anii tajaajilaniiru.

Osoo miseensa Koree Giddugaleessaa DhDUOfi Pirezidaantii Itoophiyaa ta’anii tajaajilanii qeeqni isaaniifi hoggantoota yeroo sanaa gidduutti waan uumameef ejjennoo dhuunfaa isaanii fudhachuuf dirqaman; aangoo pirezidaantummaas gadhiisan. Kunimmoo jiruufi jireenyasaanii keessatti gatii guddaa isaan baasiseera. Faayidaawwan argachuu malanis isaan dhabsiiseera.

Dimshaashumatti, Doktar Nagaasoo Gidaadaan du’aan addunyaa kanarraa yaa boqatan malee dargaggummaa isaaniirraa kaasee Itoophiyaa dimokraatessuu keessatti keessumaa siyaasa Oromoo cimsuurratti hayyuu seenaafi siyaasaa yoomillee hindagatamneedha.

Doktar Nagaasoo Gidaadaan  bara 1964 Aadde Dassituu Qajeelaa wajjin bultii dhaabbachuun ijoollee lama horataniiru. Jarmanittis dubartii lammii Jarman ogummaan ishee Narsii deessiftuu taate, Rajiinaa Abbeltii jedhamturraa intala akka argatan odeeffannoon kitaaba, “Daandii Ya Nagaasoo Mangad” argame ni ibsa.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Ebla 25/2011

Recommended For You

6 Comments to “Hayyicha seenaafi siyaasaa, Doktar Nagaasoo Gidaadaa bara 1933 – 2011tti”

  1. Pingback: sex phim
  2. Pingback: free cams
  3. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *