Yaadni gaazexeessummaa nageenyaa duraan dursee kan madde ALA bara 1965 qorataa dhimma nageenyaa lammii Norweey, Johan Gaaltuungi jedhamuuni. Namni kun haalatti oduun alaafi walitti bu’iinsaa gabaasamurratti qorannoo yoo geggeessellee waa’een gaazexeessummaa nageenyaa hanga baroota 1970mootaatti ka’aa hinturre.
Eddii yaadichi Gaaltuungiin dhiyaatee gaazexeessitoota gameeyyii, Jaak Leenchiifi Aniibaan Gooldriik jedhamaniin akka gabbatu taasifamee booda yaadrimeen gaazexeessummaa nageenyaa lafa qabachuu eegale.
Miidiyaan tamsaasasaatiin akkuma waan gaariif oolee ummataaf bu’aa buusu faallaa kanaan yoo hiriire badii cimaa qaqqabsiisuuf humna olaanaa qabaachuusaa hubannoo argataa dhufe.
Asirratti fakkeenya gaarii tokko eeruuf, suupparmaarkeetii ykn bakka gabaa guddaa tokkotu jiddugaleessa magaalaatti argama. Naannoon suupparmaarkeetichaas baay’ina konkolaattotaatiin garmalee dhiphata. Kana hubate, miidiyaan tokko ogeessa fayyaa istuudiyoosaatti afeeruun konkolaataa alaala dhaabanii meeshaa supparmaarkeetichaa bitame gaariidhaan dhiibaa hanga konkolaataa ofiitti geessuun fayyummaaf faayidaa olaanaa akka qabu tamsaase.
Bitattoonni gorsa kana dhagahanis konkolaataasaanii alaala dhaabanii dhaabuu waan eegalaniif naannoon suupparmaarkeetii baay’achuu konkolaattotaatiin dhiphachaa ture duwwaatti hafe.
Fakkeenyi kun egaa dhiibbaa miidiyaaleen garaa gaariidhaan yoo hojjetan hawaasa keessatti uuman sirriitti kan agarsiisuudha jedheen amana. Ammaan tanas waantota haasa’aman miidiyaalee amanamoorraa mirkaneeffatanii fudhachuun waljalaa baramaa jira.
Faallaa kanaatiin waantota nageenya biyyaafi hawaasaa booressan of eeggannaafi ittigaafatamummaa tokko malee tamsaasuun badii guddaa qaqqabsiisuu danda’u.
Gaaltuungis dhimma gaazexeessummaa nageenyaa kana yeroo ibsu, “Ogummichi nageenya mirkaneessuuf akka qaama sadaffaatti humna qaba. Faallaa kanaatiin dhiphina, walitti bu’iinsa uumuufi babal’isuufis akkasumas humna qabu” jedha.
Hayyuun Howaardi (2009) jedhamus, “Gaazexeessummaan nageenyaa nageenya mirkaneessuus ta’e booressuu keessatti qooda olaanaa akka qabaniidha kan eeru. Kanaaf hoggantoonni miidiyaafi gaazexeessitoonni adeemsaafi ilaalcha naannawa kana jiru jijjiiruurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban nigorsa.
Akka Itoophiyaatti yoo ilaalle, ummanni biyyattii ummata safuu cimaa qabu, hariiroo hawaasummaa jabaa qabu waan ta’eef haala kana keessatti ogummaa gaazexeessummaatti sirnaan fayyadamuun ulfaataa miti.
Akka aadaafi duudhaa ummata biyyattiitti namni namaafi nama walitti buusu; lola kaasuun abaaramadha. Keessumaa Oromoon aadaa keessatti hunda caalaa sobduufi mortuu cimsee balaaleffata.
Fudhatamummaa argachuuf sobuun akka hinbarbaachifne, nama walitti buusuu otoo hintaane araarsuu, otoo hinqulqulleeffatiin dubbachuu dhiisuu duudhaa ittiin bulmaataa godhachuun dirqama akka ta’es danbiifi seera Abbaa Taayitaa Birodikaastii Itoophiyaarratti ifatti tumameera.
Hanguma addunyaan guddataa deemtu fedhiin dhala namaas wajjin dabalaa dhufeera. Fedhiiwwan kanneen keessaa tokko ammoo fedhiin odeeffannoo argachuu adda durummaan kan eeramu ta’uu qo’annoowwan ni eeru. Wantoota guddina biyya tokkoo keessatti gumaacha olaanaa qaban keessaa odeeffannoon iddoo olaanaa akka qabus ragaaleen ni eeru.
Oggaa guyyaa bilisummaa pireesii kabajnu kanatti haasaawwan jibbiinsaarra kanneen jaalalaafi dhiifama of keessaa qaban fayyadamuun tattaaffii biyya gama hundaan badhaate ijaaruuf taasifamu keessatti miidiyaaleen qoodasaanii bakka bu’iinsa hinqabneefi dursummaasaanii sirnaan bahachuu qabu.
Miidhaa miidiyaaleen qaqqabsiisan duguugiinsa sanyii waggoota 25 dura Ruwaandaatti raawwatame yaadachuun miidiyaaleen biyya keenyaa (kan mootummaas ta’an kan dhuunfaa) yeroo kamuu caalaa miira ittigaafatamummaatiin odeeffannoo dhugaa dubbistoota, dhaggeeffattootaafi daaw’attootasaaniif dhiyeessuu qabu.
Gama biraatiin waraana waggootaaf Israa’elotaafi Filisxeemota jidduutti waggoota dheeraaf taasifamaa jiru keessatti miidiyaaleen waa’ee nagaa halkanii guyyaa lallaban akka jiran hubachuun nutis nageenya waaraa biyya keenyaaf haa gumaachinu, miira jibbiinsaafi haaloo keessaa haa baanu.
Miidiyaaleen kamuu qarqara tokko qabatanii tokko deggaraafi kaan balaaleffachuurra naamusa ogummichaa, ummataafi biyya jiddugaleessa godhachuu qofaan dirqamasaanii bahachuutu irraa eegama.
Yaada ofii bilisaan ibsachuun mirga uumamaa ta’us, yaada ofii ibsachuuf jecha dhiibbaa namoota biroorra gahurraa of eeguunis daran barbaachisaadha. Ka’umsi gaazexeessummaa nageenyaas kanuma.
Charinnat Hundeessaatiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Bariisaa Ebla 25/2011
2 Comments to “Gaazexeessummaa nageenyaa, nageenya waaraaf”