Taphni guutuu Oromiyaa har’a xumurama

Naqamtee: Taphni guutu Oromiyaa qopheessummaa Komishinii Ispoortii Oromiyaatiin waggaa waggaadhaan adeemsifamu yeroo 25faf Ebla 6 bara 2011 irraa eegalee Magaalaa Naqamteetti adeemsifamaa ture  har’aa xumurama.

Istaadiyoomii ammayaa Wallagaatti  akaakuuwwan ispoortii 20n adeemsifamaa kan ture shaampiyoonaan baranaa kanarratti bulchiinsa magaalotaa dabalate godinaalee Oromiyaa mararraa ispoorteesiitoonni kuma afur caalan hirmaataniiru.

Akaakuuwwan ispoortii Olompikiifi Paaraalompikiin adeemsifamaa ture. Taphichi walitti dhufeenya dargaggoota Oromiyaa cimsuu dabalee ispoorteessitoota ciccimoo naannichaa bira darbanii sadarkaa addunyaatti Itoophiyaa bakka bu’an horachuuf ta’uu odeeffannoon Komishinii Ispoortii Oromiyaa biraa argame ni ibsa.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

One Comment to “Taphni guutuu Oromiyaa har’a xumurama”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *