Ayyaanota guguddoo keessaa hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti sirnootaafi duudhaalee gara garaatiin dabaalamuun haala addaatiin kabajamu keessaa tokko ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoosi.
Ayyaanni Du’aa Ka’uu dhoksaawwan guguddoo of keessaa qaba. Hordoftoonni amantichaa ayyaana kana yeroo haalli hariiroo Waaqayyoofi nama gidduu, akkasumas namaafi nama gidduu ture jijjiiramefi yeroo araarri Waaqayyoo bu’e; Waaqayyos ofumasaatiin ilmaan namootaatti araaramuuf fedhuusaan aarsaa ta’uusaan kan yaadatamuudha.
Du’aa ka’uun Kiristoos waantota hunda dura araara buuse. Karaa kanaanis Waaqayyo jibba jaalalaan ijaa ba’e. Cubbuun ilmaan namootaa Waaqayyoofi nama gidduu, namaafi nama gidduu golgaa diriirsee; jibbas ilmaan namootaa gidduutti dagaagsee ture. Waaqayyo garuu jaalalaan aangoo jibbaa cabsee kanneen walirraa fagaatanii turan walitti dhi’eessee qomoo tokkotti isaan fide.
“Kiristoos Nagaa Keenya; Dhiigasaan diinummaa nu gidduu ture diigee warra Yihuudotaafi warra kaan tokko godhe. Inni nagaa buusuun gosa lamaanii namummaa haaraa isaatti uwwise.
Fannoo isaatiinis diinummaa balleesse.Inni araara keenya. Kanaafis, caalumatti ergaafi jecha jibbaa babal’isuun dhala namaaf barbaachisaa akka hintaane beekamuu qaba.” jechuun barsiisu abbootiin amantichaa.
Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Iyyasuus Macaafni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo, “Jibbi lola hinkaasa; jaalalli garuu irra daddarbi hundi deebi’ee akka hinmui’anne hingodha. Ogummaan afaan nama hubannaa qabuu keessaa niargama. Uleen garuu dugda duuba nama sammuun itti hir’atee jira, akkasumas jibbi diina yaada qulqulluuti” jechuun akka barsiisu ni ibsiti.
Egaa jijjiramaafi haaromsa biyyattiitti mul’ataa jiruun walqabatee jechi jibbaa babal’achaa jira. Kun ummata biyya kanaatiif barbaachisaa miti. Saboonni biyyattii walkabajuufi dubbiinsaanii ogumaadhaan kan guutame ta’uu qaba.
Waldhibdeen yoo jiraatellee mariifi waldhaggeeffachuudhaan hiikuuf duudhaalee ciccimoo qabu. Ummanni biyyattii walbira darbanii kanneen birooyyuu simatanii jaalalaan hammachuun beekamu. Kanaafis ergaafi dubbiiwwan jibbaa waan amala ummata biyyatti hin ibsineef dhaabsiisuuf eejjennoon waliin dhaabachuu qabu.
Namni hundi gara yaada qajeelaatti deebi’ee hamaafi gaarii, kan diiguufi ijaaru, dubbii jaalalaafi dubbii jibbaa addaan baasuun madaallii sammuu isaa isa gaariitti fayyadamuun akkuma Kiristoos fannifamuun jaalala ibse dhaloonni kunis yemmuu ayyaana Du’aa Ka’uu kabaju kana ergama jaalalaa ta’uusaa gochaan argasiisuu qaba.
Bariisaa Ebla 18/2011
5 Comments to “Du’aa ka’uu: Mallattoo Araaraafi jaalalaa”