Kilabiin ‘Baayer Muunik’ Itoophiyaatti Giddugala Kubbaa Miilaa banuufi

Finfinnee: Kilabni kubbaa miilaa beekamaa Jarman ‘Baayer Muunik’ Giddugala leenjii kubbaa miilaa dargaggoota guddatootaa umrii 17 gadi Itoophiyaatti banuf dheengadda Federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa wajjiin waliigaltee mallatteesseera.

Giddugalli leenjii kubbaa miilaa kun waggaa sadii keessatti ijaaramee tajaajila kenna jedhamuus magaalaa Finfinnee naannawa kamitti akka ijaaramu beekuun hindanda’amne.

Pieezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa sirna waliigaltichaarratti akka ibsanitti, ijaarsi giddugala kanaa walumaagalatti kilaba Baayer Muunikiin akka uwwifamu addeessaniiru.

Kilabin Baayer Muuniki giddugala kana banuu maddiitti ogeesoota teknikaafi bulchinsaa akka erguufi leenjiiwwan adda addaa akka kennus pirezidaantichi ibsaniru.

Wayita sirni waliigallichaa Istaadiyoomii Finfinneetti adeemsifame, leenjisaan garee biyyaaleessa Waaliyaa Obbo Abrahaam Mabraatuu lammii Biraazil kan ta’e taphataa beekamaa kilaba Baayer Muunik Jii’ovaanii Elibar wajjiin mari’ataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Kilabiin ‘Baayer Muunik’ Itoophiyaatti Giddugala Kubbaa Miilaa banuufi”

  1. Pingback: carts vape

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *