Fayyisaa Leellisaa beekamtii kennamefitti gammade

Finfinnee: Fiigicha Maaraatoonii Olompikii Riyoo ALA bara 2016 adeemsifametti lammaffaa ba’uun Itoophiyaaf  meedaaliyaa meetii kan argamsiise Atileet Fayyisaa Leellisaa beekamtiinsaa  turee  kennamuufis itti gammadusaa ibseera.

Atileet Fayyisaa shaampiyoonaa Riyoorratti dorgommiisaa wayita xumuru harkasaa olkaasee qaxxaamursuun hacuccaa ummatasaa irra ture addunyaatti saaxila baasusaatti biyyaa fagaate waan tureef beekamtiisaa hinfudhanne.

Beekamtiisaas kan torban darbe Pirezdaanti Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudeetiin kan kennameef yoo ta’u, Ministirri Muummee Doktar Abiyi Ahimadis sirnicharratti argamaniiru.

Fayyisaan wayita badhaasa kana fudhatu akka ibsetti, beekamtichi turee kennamuufiyyuu kaayyoonsaa galama ga’uusaatiin gammaduusaa dubbateera. Qabsoon yeroo sana taasifamaa tures fiixaan ba’ee arguusaatti gammachuunsaa dacha ta’uu ibseera.

“Beekamtiin kun haarawaa miti. Haaraa kan taasisu ummanni Oromoo kan yeroo sana qabsoo guddaa gochuun biyya itti dhalate keessatti guddate baqachuun biyyaa ba’e, har’aa biyyatti deebi’usaati” jedha.

Bu’aa qabsoo argame kanaan duubatti akka hindeebine qeerroofi qarreen Oromoo  kunuunfachuun akka nageenya argame kana eeguurrattis mootumaa maddii dhaabbachuun misoomaaf akka tumsan dhaamsa isaa dabarseera.

Seenaan kanaan dura hojjetame kabajaan galmaa’ee akka taa’uufi  dhalooti  har’aa  fuulduraaf seenaa haarawaa hojjechuun akka irraa eegamu eeree, hunduumtu bakka jirutti bu’aa buusuu akka qabus Atileet Fayyisaan gaafateera. Akkasumas nageenya biyyattii eeguuf Oromoon hundi akkuma kanaan duraa sabaafi sablammii wajjiin jiraatu kabajuun tokkummaadhaan biyya guddisuu akka qabu ergaasaa dabarseera.

Mootummaan Itoophiyaa yommuu jilli Olompikii Riyoo yeroo biyyatti deebi’u Atileeti Almaaz Ayyaanaaf konkolaataa, Fayyisaafi Ganzabeef  qofa qofaatti qarshii kuma 500,  Koreen Olompikii Itoophiyaa ammoo dhuunfaasaaniitti qarshii kuma 250 badhaasuun isaa kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

10 Comments to “Fayyisaa Leellisaa beekamtii kennamefitti gammade”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: this post
  3. Pingback: bugatti vape
  4. Pingback: find out here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *