Finfinnee: Magaalaa heddummina sabootaatiin miidhagde

Sirreessa

Maxxansa keenya torbee darbeetiin fuula 8fa irratti barreeffamni mataduree, “Finfinnee: Magaalaa heddummina sabootaatiin miidhagde” jedhuun dhiyaate dogoggora teknikaatiin walakkaatti citee hafuusaatti Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaa oofkaltii gaafachaa guutummaan barreeffamichaa akka ittaanutti dhiyaachuusaa ibsa.

Iddoowwan har’a magaalaan Finfinnee daran babal’attee irratti argamtu buufata siyaas-dinagdee gosoota Oromoo Eekkaa, Gullalleefi Galaan ta’uu galmeewwan seenaarraa hubachuun ni danda’ama.

Walakkeessa jaarraa 18fa irraa kaasee garuu Oromoon lafa margaafi qonnaa isaarraa dirqamaan akka buqqifamee dhabamsiisamu taasifame. Sababuma kanaan Oromoon naannawa kana jiraachaa ture biyyattii gara kibbaafi lixaatti baqachaa ture.

Haala kanaan magaalittiin babal’achaa deemuun ummata Oromoo hedduu qe’eefi qabeenyasaarraa buqqiste. Baroota hedduurraa kaasees magaalaa sabootni, sablammootniifi ummatootni impaayera Itoophiyaa, kutaalee addaddaarraa godaanuun waliin jiraachaa turaniifi har’as jiraniidha.

Kana jechuun garuu abbummaa ummatni Oromoo qabu kan hindhorkatneefi mirga saboota maraa haala walqixa ta’een kan eegsisu ta’uusaati. Heerri RFDI, keeyyatni 49s kanuma kan calaqqsisiisu yoo ta’u, hayyootni seenaas kun haqa ta’uu mirkaneessu.

Giddugala Aadaa Oromootti qorataafi barreessaa seenaa kan ta’an Obbo Alamaayyoo Hayilee magaalaan Finfinnee qaama Oromiyaa ta’uushee ragaalee seenaa wabeeffachuun mirkaneessu.

Dhuma jaarraa 18fa irraa kaasee garuu sabootniifi sablammootni magaalattii waan jiraachaa jiraniif, magaalaa guddoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Itoophiyaafi teessoo Gamtaa Afrikaa, akkasumas iddoo jireenyaa hawaasa addunyaa ta’uun tajaajilaa akka jirtu ibsu.

Kunimmoo Finfinneen magaalota Niyoorkiifi Jenevaatti  aantee magaalaa dippilomaatotaa taatee akka beekamtu godheera jechuudha. Jaarraa tokkoo oliif sabootni, sablammootniifi ummatootni Itoophiyaarraa baba’an magaalattii keessa nagaan, jaalalaafi tokkummaadhaan waliin jiraachaa har’a gahuusaaniis ni eeru.

Waggoota shantamaa ol teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun bakka jireenyaa lammiilee Afrikaa lammaffaa taatee tajaajilaa kan turteefi jirtu yoo ta’u, wayita yaa’iin gamtichaa adeemsifamaa turetti guyyaa tokkollee rakkinni qunname kan hinturre ta’uu kan beekamuudha.

Milkaa’inni kunimmoo jabina qaamolee nageenyaan kan galmaa’e osoo hintaane caalaatti ummatni Itoophiyaafi jiraattotni Finfinnee nageenya jaalachuusaanii kan argsisiisuudha.

Ummatni Itoophiyaa marti keessummaa simachuufi nageenya jaalachuutiin ardii Afrikaarraa fakkeenyummaan kan eeramuudha. Kunimmoo gocha gaarii jajjabeeffamu waan ta’eef, labatni boriis duudhaa kana ciminaan aadeffachuu qaba jedhu qoratichi.

Finfinneen magaalaa sabootniifi sablammootni biyyattii hedduun garaagarummaafi tokkummaasaanii akka miidhaginaatti qabatanii nagaan waliin jiraatanidha kan jedhan Obbo Alamaayyoon, gama aadaa, afaan, amantiifi duudhaa hundaa hammachuun akka dagaagu gochaa turaniiru; har’as kanumti callaqqisaa akka jiru addeessu.

Sabootni aadaa, afaan, amantiifi duudhaa waliisaanii kabajuun ammoo tokkummaatiin ijaarsa sirna dimokraasiifi misoomaa hundaaf akka dhimmaman godheera jedhu.

Walitti bu’iinsotni wayita ammaa mul’achaa jiran garuu seenaa Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa ta’uu ibsanii, qaamoleen sabootaafi sablammoota karaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan waldhabsiisuun faayidaa barbaadan gochaasaaniirraa deebi’uu akka qaban gorsu.

Keessumaa kalattii biyyattii gara bahaafi lixaatti walitti bu’iinsa shira xaxameen hawaasa daangaa Oromiyaafi Sumaalee, akkasumas Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz jiraataniin badii tokko malee lubbuun lammiilee hedduu akka darbu ta’eera; qabeenyis barbadaa’eera. Kanaaf, gochi akkasii ammoo saba kamiyyuu bakka kan hinbuune waan ta’eef, hunduu irraa of qusachuu akka qabu hubachiisu.

Barsiisaa Balaay Sabsibee ammoo Yunivarsiitii Finfinneerraa  saayinsii nagaafi tasgabbiitiin sagantaa barnoota digrii lammaffaa hordofaa kan jiran yoo ta’u, Finfinneen akkuma teessoo mootummaa naannoo Oromiyaafi federaalaa taate wiirtuu siyaas-dinagdee ummattoota Itoophiyaa maraa ta’uushee dubbatu. Magaalittiin bakka jireenya Itoophiyaanotaa jechuun ni danda’amas jedhu.

Lammiin Finfinnee keessa jiraatan duudhaalee waljaalalaa, waldanda’uufi walkabajuu dagaagfachuun yeroo dheeraaf karaa nagaafi tokkummaan jireenyasaa gaggeeffachaa tureera. Haa ta’u malee, yeroo dhiyoorraa kaasee gochootni faallaa ta’an mul’achaa waan jiraniif, hawaasniifi mootummaan walta’insaan furuu akka qaban dubbatu.

Keessumaa ammoo hawaasni ijoolleewwan isaanii duudhaalee Itoophiyaanotaa eeganii akka guddataniif dirqama barsiisuufi hubachiisuu akka qaban gorsa. Mootummaanis dhaabbilee kanneen akka manneen barnootaa, amantii,  yunivarsiitiiwwaniifi kolleejjiiwwan keessatti aadaa waldanda’uu, walkabajuufi nagaan waliin jiraachuu sirnaan barsiisuu akka qaban ibsa.

Walumaagalatti, Itoophiyaan heddummina aadaa, afaanii, amantiifi duudhaa akka miidhaginaatti keessummeessuun jiraachaa turteetti.

Keessumaa ammoo sabootniifi sablammootni Magaalaa Finfinnee keessa jiraachaa jiran garaagarummaa afaanii, ilaalchaa, amantiifi haala jireenyaan osoo wal hinqoodiin nagaan waliin jiraachaa kan jiraniidha.

Kun cimee akka itti fufuuf abbootiin Gadaafi amantii mootummaa waliin waa’ee nageenyaa, jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu barsiisuun gaheesaanii bahachuu qabu.

Bariisaa Mudde 5/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

 

Recommended For You

4 Comments to “Finfinnee: Magaalaa heddummina sabootaatiin miidhagde”

  1. Pingback: cumshot
  2. Pingback: moobin555
  3. Pingback: 55five
  4. Pingback: best free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *