Atileet Fayyisaa Leellisaa beekamtii argate
Finfinnee: Jila atileetiksii Itoophiyaa dorgommii qaxxaamura biyyoolessaa addunyaa 43fa Denmaarki, Magaalaa Arihusitti torban tokko dura adeemsifametti meedaaliyaawwan 11 hammaarratee addunyaarraa 1fa bahuun deebi’e Mootummaan Federaalaas Kibxata darbe qarshii miliyoona 1.4 badhaase.
Sirna beekamtii Masaraa Biyyaalessaatti adeemsifame
kanarratti argamuudhaan badhaasa kan kennan Minstira Muummee Doktor Abiyyi Ahmadiifi Pirezidaantii Mootummaa RFDI, Aadde Saahilawarqi Zawudeeti.
Doktor Abiyyi eddii badhaasicha kennanii booda haasawa taasisaniin, atileetonni Itoophiyaa dirreewwan irratti hirmaatanitti yeroo hundaa ida’amummaan walgargaaraa injifachuun beekamu jedhaniiru. Injifannoo olaanaa jilichi galmeessisee deebi’etti ummanniifi mootummaan Itoophiyaa daran kan gammadan ta’uus eeraniiru.
Sirnicharratti Olompikii Riiyoo 31fa ALA bara 2016 Biraazilitti adeemsifametti fiigicha maaraatoniitiin meedaaliyaa meetii kan argamsiise gooticha olompikii, Atileet Fayyisaa Leellisaas qarshii kuma 500 badhaafamuun waraqaa beekamtii Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee harkaa fudhateera.
Atileet Fayyisaan akkuma dorgommicha xumureen dhiibbaa biyya keessatti wayita sana ummatarratti raawwatamaa ture hawaasa addunyaa hubachiisuuf harkasaa waljala qaxxaamursee mallattoo diddaa agarsiisuunsaa ni yaadatama..
Bariisaa Ebla 4/ 2011
8 Comments to “Atileetonni injifannoodhaan deebi’an badhaafaman”