Shaampiyoonaan atileetiksii umrii 20 gadii Dirree Dhawaatti adeemsifama

Finfinnee: Shaampiyoonaan atileetiksii umrii 20 gadii 13ffaafi 18 gadii 4ffaan Caamsaa 18-24 bara 2017tti Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti akka adeemsifamu ibsame.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Silashii Sihin ibsa Kamisa darbe kenneen akka jedhetti, shaampiyoonaan kun atileetota bakka bu’oota horachuuf ni gargaara.

Dorgommiicharrattis naannoleen saddeetiifi bulchiinsonni magaalaa lama kan hirmaatan ta’uu eeree, kilaboonniifi dhaabileen 35s kan hirmaatan ta’u ibsa. Gama atileetotaatiinis atileetonni dubaraa 359fi dhiironni 463 waliigala atileetonni 822 kan hirmaatan yoo ta’u, shaampiyoonaa atileetiksii umrii 18 gadii 4ffaatiin immoo atileetonni dubaraa 178fi atileetonni dhiiraa 192 waliigalatti atileetonni 370, waliigala shaampiyoonaa kanaan atileetonni kuma tokkoofi 192 dorgommicharratti akka hirmaatan ibsa.

Umrii atileetotaatiin walqabatee rakkoowwan kanaan dura ka’aa turan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin hojjechaa jiraachuu himee, jalqabumarraa waraqaa ragaa dhalootaafi ragaa barnootaa darbees waraqaa eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ isaanii sakatta’uun akka dorgommicharratti hirmaatan kallattiin kaa’amee irratti hojjetamaa turuu dubbata.

Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa umrii 20 gadiifi umrii 18 gadii biyya Naayijeeriyaa Magaalaa Abuukuutaatti ALA Adoolessa 16 -20 bara 2025 gaggeeffamuuf atileetota Itoophiyaa bakka bu’an filachuuf akka ta’e ibse.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dambiiwwaniifi qajeelfamoota naannoleef, bulchiinsota magaalaaf akkasumas dhaabbileef qopheessee erguu qofa osoo hintaane faana bu’ee hordofaa turuu eeree, qajeelfamootaafi dambiiwwan irratti hundaa’ee gurmaa’inni barbaachisaan diriiruu hima.

Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatiif xalayaa erguun qophiin barbaachisaa taasisusaanii mirkanaffachuu kaasee, kana malees meeshaaleen dorgommiif barbaachisan ogeessoota ispoortii federeeshinichaatiin sakatta’amanii dorgommichaaf qophii ta’uu ibsa.

Dorgommii kanarratti badhaasni jajjabeessituu atileetotaaf hamilee ta’a jiraachuu himee, jaallattoonni ispoortii, hawaasni bal’aan bahee deeggaruun akka isaan jajjabeessu waamicha dhiheesseera.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You