
- ABUT paartii siyaasaa keessaa haqame
Finfinnee: Kaayyoon ummata Tigraay miidhamasaa kaleessaaf ijaa ba’achuu osoo hintaane jaalalaan ollaasaa waliin jiraachuu ta’uu Gorsaa Ministira Muummee Dhimmoota Gaanfa Afrikaafi Pirezidaantii duraanii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan. ABUT paartii siyaasaa keessaa haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
ABUT badii hojjeteef sirna itti gaafatamummaa jalaa ba’uun ummatni Tigiraay ollaasaa waliin nagaatti akka hin jiraatne madaa kaleessaa kaasuun ummata walitti bu’iinsaaf oofaa jiraachuu ibsanii; ummatichi garuu yeroo hunda mirgisaa kabajameef ollaa waliin walqixxummaa, nagaafi jaalalaan jiraachuu fedha jedhaniiru.
Waraanni ABUTfi mootummaa gidduutti taasifame waraana ta’uu hin malleddha jedhanii; badii lubbuufi qabeenyaa dhaqqabeef gaheen ABUT olaanaa waan ta’eef itti gaafatamummaa jalaa akka hin bane dubbataniiru. Isaanis badii dhaqqabe keessaa qooda qabaachuufi sirni itti gaafatamummaa diriirraan gaafatamuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
ABUT saamicha sookoo naannichaaf akka isaaf ta’utti burjaajjii waraanaa uumuun dargaggoo Tigiraay du’aafi godaansaaf kakaasaa jiraachuu himanii; qondaltonni Eertiraas kaayyoodhuma walfakkaatuuf dargaggoota biyyashee dirqamaan waraanatti dhiibaa jiru. Herrega kamiinuu burjaajjii ABUTfi qodaaltonni Eertiraa uumamanii Itoophiyaafi Eertiraan waraana birootti akka hin gallee hubachiisaniiru.
Gama biraatiin Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) Paartii Siyaasaa keessaa haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa beeksise.
ABUT gocha waraanaa keessatti hirmaachuu hordofee boordichi akkaataa labsii lakkoofsa 1162/2011 keeyyaata 98tiin beekamtiisaa haquun yaadatama.
Haa ta’uutii waliigaltee Piriitooriyaa booda paartichi irra deebiin bifa addaatiin beekamtii akka argatu yaaliiwwan garagaraa taasiifamaa turuu himeera.
Tattaaffiin taasifamaa ture waan milkaa’uu dhabeef boordichi walga’ii Caamsaa 5 bara 2017 gaggeesseen ABUT paartii siyaasaa keessaa akka haqamu murteesseera.
Murtiin kun ummataaf akka ifoomuufi akkaataa labsii 1162/2011 keeyyata 99tiin akka hojiirra oolu ibseera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017