Furmaata komii ummataa waggoota dheeraa; ‘Masoob’ giddugala kennaa tajaajila iddoo tokkoo

‘Masoob’ kennaa tajaajilaa iddoo tokkooti. Kennaa tajaajiloota mootummaa seektaroota garaa garaatiin raawwatamu gurmeessee bifa waldubbiseen akka hojjatamu kan taasisuudha.

Kennaawwan tajaajilaa gama mootummaatiin hawaasa biyyattiitiif kennaman kunniin qindaa’oofi mijatoo akka ta’aniif riifoormiin jijjiiramaan boodaa ifatti kan kaa’e yemmuu ta’u, kallattiin ministirri muummee tajaajoloota mootummaa ammayyeessuufi giddugala qindaawaa tokkorraa akka kennamuuf kaa’anis haaluma kana kan cimsuudha.

Tajaajilootni qindaa’aafi ammayyaa’aan kun immoo dadhabbii ummataa kan qusatu, baasii humnaan olii kan hir’isuufi seektaroota malaanmaltummaadhaaf saaxilamoo turanis gara seeraatti kan fidu waan ta’eef faayidaan gama kanaan giddugalichi hawaasa biyyattiitiif qabu olaanaadha.

Hojiin giddugala tajaajila mootummaa waalteessuudhaan ummatni tajaajila si’ataafi walitti hidhamiinsa qabu akka argatuuf yaadame kun ijaarsisaafi hundeessuufis erga yaadame yeroo gabaabaa ji’oota afur hincaalle keessatti kan milkaa’e yemmuu ta’u, hojiin akkanaa lafumaa ka’ameet osoo hintaane muuxannoon biyyoota shan ta’anirraa fudhatamee kan itti qindaa’e ta’uusaas sirna eebbaa giddugala tajaajila iddoo tokkoo Masoobirratti ibsameera.

Yeroon hojii kana qurmeessuuf fudhatame gamoo qofa ijaaruufuu gahaa waan hinturreef dhaabbata biraa gamoo sanatti fayyadamaa ture keessaa baasuun yeroo jirutti fayyadamoodhaan hojiin kennaa tajaajiloota mootummaa iddoo tokkoo kun akka milkaa’uuf hojiin qindoominaafi hoggansa cimaadhaan masakame raawwatamuu danda’eera.

Haaluma kanaan yeroo gabaabaa keessatti gamoon kanaan dura dhaabbata biraatiin tajaajila biraa kennaa ture kun akka tajaajila iddoo tokkootiif mijatutti hojiiwwan haaressuufi dijitaalessuu gahaa ta’e erga raawwatamee booda giddugala tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ kanaaf akka ta’utti hojjatamee tajaajilaaf banaa ta’eera.

Tajaajiloota dhaabbilee mootummaa gara garaatiin kennaman iddoo tokkotti walitti qabanii bifa qindaa’aa ta’een kennuun kun caljedheetuma tajaajiloota waajjiraalee mootummaa hundaan kanaan dura kennamaa ture akkuma jirutti walitti qabanii iddoo tokkotti kennuu osoo hintaane, seektaroota akkamii keessaa tajaajiloota akkamii akka kennaman itti yaadamee kan qophaa’eefi tajaajilootni filatamoo ta’aniifi murteessoo ta’an iddoo tokkotti walitti qabamanii kan itti kennamaniidha.

Hojiin hanga ammaatti hojjatame tajaajiloota gurmaa’anii giddu galaichatti kennaman adda baasuu qofaa osoo hin taane, humna namaa hojii kana sirnaan gaggeessuu danda’us bifa gahaa ta’een adda baasuudhaan akka ta’e, Ittigaafatamtuun Waajjira Ministira Muummeefi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaay Paawuloos ni dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; tajaajiloota yeroo ammaa waajjiraaleefi seektaroota mootummaa gara garaatiin kennamaa jiran 800 caalan keessaa yeroo jalqabaatiif akka yaaliitti giddugalichatti akka eegalamaniif kan filataman tajaajiloota 41 yemmuu ta’an, kunis tajaajila dhaabbilee mootummaa 11irraa akka barbaachisummaasaaniitti filatamanirraa kan qindaa’eedha.

Tajaajiloota dhaabbilee kanneenirraa filatamanii iddoo tokkotti akka kennamaniif adda bahan kanneeniif humni namaa hojicha sirnaan raawwachuu danda’u jiraachuun dirqama waan ta’eef, humni namaa hojii kana sirnaan raawwachuu danda’us dhaabbilema tajaajilootni keessaa bahan kanneen keessaa akka filataman taasifameera.

Dargaggoota kaka’umsa hojii cimaa qaban, hubannoofi muuxannoo dijitaalaayzeeshiinii horataniifi dhaabbileen hundi akka dhaabbatasaaniitti itti amananii erganiif akka ulaagaalee humna namaa giddugalichaa gurmeessuutti tajaajilaniiru.

Ulaagaalee argmaan olitti eeraman kana qofaadhaan osoo hintaane, ulaagaalee kanaan erga filatamaniin booda immoo warroota filatameef qormaatni kennamee kanneen qormaaticha darban giddugalichatti bifa dhaabbii ta’een tajaajila akka kennaniif mindeeffamaniiru.

Adeemsa humna namaa calaluu kana keessattis wantootni irraa baratamuu qaban hedduu kan mul’atan yemmuu ta’u, humna namaa barbaachisu argachuuf dhaabbileen hundi mataa mataasaaniitti qormaata akka qopheessanii qoran taasisuudhaan dhaabbilee hedduu keessatti hojjataan homa guyyaa guyyatti hojjachaa oolu qoramee 100 keessaa 50 gadi itti argate hedduudha. Kun immoo waan hojjatan beekanii raawwachuufi tajaajila si’ataa kennuudhaanis kan walqabatu waan ta’eef dhimma fooyya’uun irra jiraatuudha.

Gama biraatiinis dameen siviil sarvisii biyyattii hangam rakkoo akka qabu kan agarsiiseefi gara fuula duraatti qaawwa akkanaa kana duuchuufis tarkaanfiileen sirreeffamaa fudhatamuu akka qabanis kan akeekeedha.

Hojiin humna namaa giddugalichi barbaadu guutuuf hojjatame garuu guutummaatti dhaabbileedhuma tajaajilootni keessaa filataman keessaa filachuufi qoruudhaan kan walitti qabamee gurmaa’e malaa alarraa namni mindeeffame tokkollee kan hinjirre ta’uu Aadde Alamtsahaay nidubbatu.

“Barri kun Itoophiyaadhaaf bara jijjiiramaafi deebi’anii dhalachuuti” kan jedhan immoo Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadi. Dhimmoota jijjiirama guddaa barana biyyattiin eegaltu agarsiisan keessaa inni guddaaniifi waggoota dheeraadhaaf madda komii ta’ee ture kenna tajaajilaa fooyyessuu ta’uu eebba giddugalichaarratti ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti; ummatni Itoophiyaa waan gaarii hojjatameef nigalateeffata. Haa ta’uu malee tajaajiloota kanaan dura kennamaa turanirratti komii akka qabu ifatti kaasaa tureera. Kun immoo malaanmaltummaan akka baduufi tajaajila si’ataa argachuu hawwuurraa kan maddu yemmuu ta’u, rakkoolee kanneen furuuf ji’oota jahan darbanitti hojiiwwan guguddoon hojjatamaniiru.

Hojiileen ji’oota darbanitti qorannoorratti hundaa’anii hojjatamaa turaniin ‘Masoobiin’ dhalateera. Masoobiin iddoo tajaajolootni gara garaa gurmaa’aniifi diijitaala’anii itti kennaman yemmuu ta’u, iddoo kanatti wantootni hedduu nama ajaa’ibsiisan lamaa sadii jiru. Kanneen keessaa inni duraa; gamoon kun gamooma kanaan dura akka mana hojii mootummaa tokkootti tajaajilaa tureefi anis yeroowwan gara garaatti beekuudha. Haa ta’uu malee miidhagina amma argaa jirru kanaan hinturre. Kanaaf gamoo dur akkas ture sana haala kanaan bareechanii nuura kana fakkaatu gonfachiisuun mataasaattuu waan nama dinquudha.

Inni lammataa gamoo haaressanii bareechuu qofa osoo hintaane, siistamni diijitaalessuu mana hojichaa ykn giddugala kanaa guutummaatti sooftiweeriinsaa ijoollee Itoophiyaatiin kan misoomeedha.

Siistama kana akka isaanirraa bitannuuf dhaabbileen nu kadhachaa turan hedduu ta’anis, nuti erga dhimmicha gadifageenyaan ilaallee booda ijoolleen teenna waan akkanaa hojjachuu akka dandeessu itti amanuudhaan dhimmichi asumatti ijoollee keenyaan akka furamu taasisuu danda’uunis waan daran nama ajaa’ibuudha.

Dhimmi sadaffaafi dhumaa iddoo kanatti nama ajaa’ibsiisu kan ijoollee giddugala kana keessatti hojjachaa jiraniiti. Ijoolleen kunniin kanneen yeroo gabaabaa keessatti iddoo guddaa gahuu danda’an akka ta’an waan isaan hanga ammaatti raawwatanirraa ka’anii dubbachuun ni danda’ama.

Hojii akkuma biyyaattuu haaraa ta’e kana yeroo gabaabaa keessatti sirnaan hubatanii warren tajaajila kana bifa guutuu ta’een raawwachuuf ittigaafatamummaa fudhatan waan ta’aniif ijoollee boris biyyattiin itti abdattuufi waan gaarii hedduu irraa eeggattuudha.

Tajaajilli iddoo tokkoo Masoob amma yaaliidhaaf eegalame kun kan dhaabbilee mootummaa 12 jala jiran iddoo tokkotti walitti hidhu qofa osoo hintaane, tajaajiloota 40 kanneen kanaan dura bifa bittinnaa’aa ta’een kennamaa turan iddoo tokkotti kan walitti qabuudha.

Walumaagalatti; jalqabbii gaariin akkanaa dameewwan birooirrattis bal’inaan ittifufsiisuudhaan ummanni biyyattii tajaajiloota mootummaan kennamanirratti gammachuu akka horatu taasisuun barbaachisaa ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You