Sagantaan torban dubbisaa mataduree, “Dubbisuun guutuu nama taasisa” jedhuun Bitootessa 21-25 bara 2011tti Magaalaa Jimmaatti adeemsifameera.
Sagantichi Ejensii Galmeeleefi Mana Kitaaba Biyyaalessaafi Yunivarsitii Jimmaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, agarsiifniifi gurgurtaan kitaabilee, dorgommiin gaaffiifi deebii barattootaa, waariin aartii, muuxannoo barreessitootaa, dubbisi walaloo, tiyaatirri barreeffamoota yaada ka’umsaa dhiyeessuu, mariin paanaaliifi gumiiwwan dubbisaa manneen barnootaa Magaalaa Jimmaa 10 keessatti hundeessuun hojiilee guguddoo torban dubbisaa keessa raawwatamaniidha.
Ejensichatti ittigaafatamaan Quunnamtii Ummataafi Biyyoolessaa Obbo Shimallis Taajuu akka jedhanitti, kaayyoo ijoon sagantichaa aadaa dubbisuu ummata keenyaa gabbisuudha. Saganticharratti kitaabotni adda addaa waan dhiyaataniif namni salphaatti kitaaba akka argatuufi bitatu waan taasisuuf aadaafi dandeettii dubbisuu cimsuu keessatti gumaacha guddaa qaba. Manneen barnootaa aadaa dubbisuu barattootaas ta’e hawaasaa cimsuuf gahee irraa eegamu sirriitti bahachuu qabu.
Ejensichi gumiiwwan hundaa’aniifis ta’e manneen barnootaatiif kitaabota adda addaafi leenjii kennuudhaan aadaa dubbisuu gabbisuuf hojjechaa jiraachuu himanii, warri biyya alaa kitaabota keenya afaanot gara garaatiin maxxanfaman kaan bitanii kaan ammoo hatanii itti fayyadamaa jiru jedhan.
Sochii ejensichi bara 2006 as qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin aadaa dubbisuu gabbisuuf taasisaa jiruun fedhiin dubbisuu dabalaa jiraachuus ittigaafatamtichi eeraniiru.Dubbisuun aadaa hawaasaa akka ta’uuf hojiin gama kanaan jalqabame cimee kan itti fufu ta’uus ni dubbatu.
Namni dubbisu raga, odeeffannoo, beekumsaafi hubannoo gahaa qaba kan jedhan Obbo Shimallis, murtoos ofitti amanamummaafi sababarratti hundaa’uun kenna jechuun faayidaa dubbisuun qabu ibsaniiru.
Keessumaa ammaan tana namni hindubbifne jireenyasaa geggeeffachuufis ta’e hawaasa keessa jiraachuuf akka rakkatu dubbataniiru.
Yunivarsitii Jimmaatti Pirezidaantii Ittaantuun Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa, Doktar Tsiggee Katamaa akka jedhanitti, manneen kitaabaa qaqqabamaa ta’uu dhabuufi aadaan waa dubbisuu lammiilee gabbachuu dhabuun rakkoolee ijoo dubbisaan walqabatanii mul’ataniidha.
Bara teknolojii kanatti utuu hindubbisin jireenya ofii geggeessuus ta’e hawaasa tajaajiluun rakkisaadha. Kanaafuu aadaa dubbisuu keenyaa gabbisuun dhimma furmaata hatattamaa barbaaduudha.
Aadaa dubbisuu keenyaa gabbisuun sababaafi beekumsa irratti hundaa’uun akka murteessinu, jieenya keenya sirnaan akka geggeeffannu, misoomarrattis ta’e rakkoolee gara garaa furuu keessatti gahumsaan akka hirmaannu nu taasisa jedhaniiru.
Tattaaffii rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin taasisaa jiran cimsanii kan itti fufan ta’uus Doktar Tsiggeen eeraniiru.
Daariktarri Hariiroo Ummataafi Quunnamtii Yunivarstii Jimmaa, Doktar Ashannaafii Balaay gamasaaniin akka jedhanitti, barattoonni yunivarsitichaa digrii tokkoffaafi lammaffaa manneen barnootaa magaalattii keessa jiraniif dubbisuurratti leenjiiwwaniifi kitaabota adda addaa kennaafi arjoomaa turaniiru, gara fuulduraattis ittifufa.
Barreessaa Gaaddisaa Birruu, kitaaba dubbisuun ergaafi gorsa barreessaan cuunfee dhiyeesse fudhachuu ta’uu eeranii, namni dubbisu waan tokko kallattiilee gara garaatiin ilaalee waan hubatuuf keessumaa dargaggoonni aadaa dubbisuu gabbifachuu akka qaban gorsaniiru.
Barattoonnis dandeettiifi aadaa dubbisuu horatanii akka guddatan gochuuf maatiifi keessumaa barsiisonni afaanii gaheesaanii bahachuu qabu jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011
7 Comments to “Dubbisuun guutuu nama taasisa”