“Itoophiyaa olkaasuuf hojii keenya ogummaan hogganuu qaba” – Aadde Mufariyaat Kamiil

Finfinnee: Agarsiisni Suuraafi Mariin Paanaalii mata duree “Ogummaa Waa’ee Itoophiyaa” jedhuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaafi Ministeera Hojiifi Ogummaatiin qophaa’e Wiixata darbe Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaafi Ogummaa RFDI’tti adeemsifameera.

Waltajjicharratti barreeffamootni ka’umsa marii sadii dhiyaatanii mariin irratti taasifamee gaaffiilee hirmaattonni kaasaniifis deebiin kennameera.

Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil akka jedhanitti, Itoophiyaa olkaasuuf hojiin kamuu ogummaan hogganamuu qaba. Ogummaan ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha guddaa waan qabuuf ilaaachi ogummaafi ogeessaaf hawaasni qabu jijjiiramuu qaba. Barnootni leenjii teeknikaafi ogummaas akka carraa dhumaatti ilaalamuu hinqabu.

“Ogummaan dinagdee waaraa ijaaruuf ulaa seensaa ta’uu himanii, ogummaafi ogeessa kabajuun barbaachisaadha. Beekumsawwan biyya keesssaa eeguufi kunuunfamuu qaban keessaa 26 adda baafamanii sirna barnootaa keessa akka galaniif irratti hojjetamaa jira. Gara fuulduraatti ammoo fooyyessa beekumsawwan biyya keessaarratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu yoo ta’u kunis ogummaafi ogeessota kabajuu keessatti gumaacha guddaa qaba” jedhu.

Akkuma beekumsi ogummaa malee gatii hinqabne sochiin dinagdee kalaqaafi ogummaan hindeeggaramne ittifufiinsa hinqabaatu kan jedhan Aadde Mufariyaat, kanaaf biyyoonni kalaqa, ogummaafi leenjii teeknikaafi ogummaaf iddoo guddaa kennu. Chaayinaa, Hindiifi biyyoonni Awurooppaa gama kanaan adda durummaan eeramu.

Waggoota muraasaa as ilaalchi damee leenjii teeknikaafi ogummaas jijjiiramaa dhufuu himanii, hojiilee riifoormii damicharratti raawwatamaa turaniin barattoonni baay’inaan gara leenjii teeknikaafi ogummaa seenuun abbaa ogummaafi kalaqaalee haaraa horatanii bahaa jiraachuus ibsaniiru.

Ministir Deetaan Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan damee industirii guddisuuf hojmaata fooyyessuun hojiilee guguddoo raawwachaa jira. Dameen industirii utubaawwan fooyyessa dinagdee mandhalee shanan mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa tokko.

Dameen industirii bara 2015 guddina dinagdee %7, bara 2016 %10.1 kan galmeessise ta’uu himanii, barana ammoo guddina %11 ol akka galmeessisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan. Karoora kana milkeessuuf damicha humna nama barateefi leenji’een guutuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Dameen industirii omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun, omishaalee alatti ergaman dhiyeessuufi carraa hojii bal’aa uumuun guddina dinagdee biyyaa utubaa jiraachuu himanii, uffanni qaamolee nageenyaa duraan alaa galaa ture guutummaatti omisha biyya keessaatiin kan bakka bu’e ta’uu eeraniiru.

Hayyuu Intarpirinarshiippii Doktar Warotaa Bazaabbih akka jedhanitti, hiyyummaa, eeggattummaafi kadhaa keessaa ba’uuf jabaannee hojjechuu qabna. Hannaan, malaamaltummaadhaan, kontirobaandiifi karaa qaxxaamuraa qabeenya horachuuf carraaquunis dhaabachuu qaba. Of jijjiirree biyya jijjiiruuf cimnee halkaniii guyyaa hojjechuufi beekumsaafi ogummaa qabnu hojiidhaan agarsiisuu qabna.

“Beekumsaafi ogummaa qabnu hojiitti jijjiiruu dhabuudhaan nus biyyas miidheera. Hojiin kamuu bu’aa ba’ii qabaachuu beeknee jabaannee hojjechuu qabna. Milkaa’inni kutannoo cimaan hojjechuu gaafata. Icciitiin guddinaafi jijjiiramaa cimanii hojjechuudha” jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You