Barruuleen daa’immanii, Naa’otaan Afaan Oromootiin maxxanfamuun dubbisaaf dhiyaatte

Finfinnee: Barruuleen daa’immanii, Naa’ota jedhamtuufi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Afaan Oromootiin qophoofte dubbisaaf dhiyaatte.

Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Gulaalaan Barruulee Naa’otaafi Gaazexaa Bariisaa gaazexeessaa Charinnat Hundeessaa akka ibsetti, qabiyyeen barruuleen kun qabattee baatus; ijoolleen biyyasaanii, afaansaanii, aadaasaanii, naannawaasaanii, seenaafi duudhaasaanii jaalachaa akka guddatan kan gargaaruudha.

Naa’otaan gama naamusaatiinis ta’e hariiroo hawaasummaatiin gaariifi kan namoota waliin waliigalan akka ta’an akkasumas lammii ga’umsa qabuufi ittigaafatamummaan dhuunfaafi waloo kan ittidhaga’amu akka ta’aniif muuxannoowwaniifi beekumsa irraa argatan ta’uus eereera.

Barruuleen kun fuulawwan 40 kan qabdu yoo ta’u, bo’oowwan (kolamaniiwwan) addaddaa 20 kanneen akka, “Afoola, Haa Qorannu, Waaltina, Kaamettummaa, Abbaa Malaa, Naannawa Keenya, Faana Goototaa, Damaakaseefaa barsiisaa bashannansiisan kan of keessatti qabatte ta’uu Gaazexeessaa Charinnat eereera. Naa’otaan ji’atti ala tokko kan maxxanfamtu yoo ta’u, ji’a Guraandhalaa gara dhumaatti dubbisaaf dhiyaachuus ibseera.

Miidiyaa maxxansaa keessa waggoota 84 kan lakkoofsise Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa qaawwa gama barruulee daa’immaniitiin keessumaa ammoo Afaan Oromootiin jiru hubachuun barruulee kana gumaachuus gulaalaan barruulichaa beeksiseera.

Naa’otaan guddina waliigalaa daa’immaniirratti kaayyeffattee ofeeggannoodhaan kan qophooftu ta’uufi umuriifi koorniyaa daa’immanii tilmaama keessa galchuun bifa miidhagaafi hawwataa ta’een maxxansa halluutiin dhiyaachuu dubbateera.

Naa’ota ji’atti altokko qophooftu tun yaadota maatiifi guddistootaaf ta’anis of keessatti hammattee maxxanfamaa waan jirtuuf barruulee akka ijoolleen Afaan Oromoo sirriitti dubbisaniifi barreessaniif gargaartu kana maatiin, guddistoonni akkasumas manneen barnootaafi dhaabbileen guddisa daa’immanii ijoolleef akka dhiyeessan Gaazexeessaa Charinnat waamicha dhiyeesseera. Barruuleen tun kiwooskiiwwan gaazexoonni dhaabbatichaa ittigurguramanitti raabsamaa jiraachuus eereera.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa barruulee daa’immanii, “Bilaateenaat” jedhamtu Amaariffaan maxxanfamtu dubbisaaf dhiyeessuunsaa niyaadatama.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

Recommended For You