Dubartoota yeroo mara haa kabajnu

Dubartiin haadha, obboleettii, haadha manaa, mucaa akkasumas firaafi aantiidha. Biyyiifi dacheen illee dubartiidhaan fakkeeffamti. Akka aadaattis ta’u amantii kamiittuu dubartiin kabaja ni qabdi. Aadaa Oromoo Sirna Gadaa keessatti dubartiin bakka olaanaa qabdi. Dubartiin nagaa buusuufi waraana dhaabuuf aangoo Siinqeedhaan kennameef ni qabdi. Dubartii dura laga hince’an, bishaan hindhugan, utuu isheen lafa deemtuu farda yaabanii hindeeman…

Uumamni Waaqaa, akkanaan kabajaan uumamtee garuu sababoota garagaraatiin dhiibbaaf ni saaxilamti. Humnaan gudeedamuu, reebamuu, butamuufi dhiibbaawwan biroof saaxilamti. Akka humnaafi dandeettii hinqabneetti ilaalamuunis haleellaa garagaraaf saaxilamti. Barsiifatawwan addaddaatiin miidhaan irra qaqqaba; jechamootaafi mammaaksawwan yeroo waliin hindeemneen hamileen ishee tuqama.

Haala nama gaddisiisuun kichuuwwan miidhuuf mitii ilaaluuf nama mararan guudademanii ajjeefamu. Kaan ammo gochaa sukkanneessaa irra qaqqabuun qorqalbiin isaanii miidhamee, rakkoo hawaasummaa akkasumas fayyaaf kan saaxilaman hedduudha. Shamarree qaamni ishee hinbilchaanne dargaggoonni humna qaban baay’atanii yommuu gudeedanis ni dhageenya. Baay’een keenya miidhaawwan raawwachuuf mitii dhaga’uuf nutti ulfaatan hedduu dhageenyeerra; kanneen carraa miidiyaa hawaasummaattis ta’e kan idileetti osoo hinba’iin dhokotanii gola keessatti hafan ammoo manni haa lakkaa’u.

Kan nama gaddisiisuufi miidhaa dubartii irra ga’u kan hammeessu ammoo baay’een isaa nama dhihootiin kan raawwatamu ta’uusaadha Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa kan ibsu. Biirichi guyyaan Dubartoota Addunyaa ‘March 8’ osoo hinga’iin dura torbanoota arfan jiran qooduun hojiilee hawaas dinagdee dubartootarratti xiyyeeffatan hojjetaa ture. Guyyaan dubartootaa barana mataduree “Mirga Walqixxummaafi Gahoomina dubartoota hundaaf” jedhuun kabajama.

Ittaantuu Hoggantuun biirichaa Aadde Samiiraa Faaris akka ibsanitti, biiroon isaanii miidhaan dubartootarra ga’u akka hir’atuuf yeroo addaddaa sosochii uumee hojjetaa tureera. Kutaalee hawaasaa mariisiisuufi hirmaachisuunis hojjetaa kan ture yoo ta’u, tumaaleen addaddaa abbootii Gadaatiin akka tumaman taasisuu dabalatee hojiilee hedduun hojjetamaniiru.

Miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u kan hammeessu ammoo namoota dhihoo, abbaa, abbaa warraa, obboleessa, wasiila, eessuma, ollaafi namoota dhihootiin ta’uu kaasanii, isa kanaaf mootummaa qofti hojjetee bu’a qabeessa ta’uu akka hindandeenye himu.

Biirichis hojiilee idileedhaan hojjetu cinaatti sosochii uumuun qaamolee hawaasaa garagaraa akka mariisisu kaasanii, kabaja guyyaa dubartootaa kanattis dursee hojiilee hubannoo uumuu, dubartoota ijaaraman dinagdeen humneessuu, tajaajila lammummaa, qulqullinaafi kkf bifa duulaa taasisaa turuu himu.

Miidhaa dubartootaafi daa’immanirra ga’u qolachuuf yommuu guyyichi ga’u qofa yaadachuu qofa osoo hintaane, yeroo hunda itti hojjetamuufi yaadatamuu akka qabu dhaamu.

Guyyaan Dubartootaa Addunyaa akka addunyaatti yeroo 114ffaa, akka biyyaatti yeroo 49ffaaf kabajama.

Saamraawit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

Recommended For You