Yaa’ii Dureewwan Afrikaa milkaa’inaan keessummeeffame

Torban darbe Finfinneen keessummoota hedduun ko’ammattee turte. Dureewwan, anga’oonni olaanoofi qaamoleen miidiyaa biyyoota Afrikaafi biyyoota biroo kuma 17 ol ta’an Finfinnee dhufanii, sirnaan keessummeeffamanii deebi’aniiru.

Yaa’iin Idilee 38ffaa Dureewwan Gamtaa Afrikaa torban darbe keessa gaggeeffames haala milkaa’aadhaan xumurameera. Teessoo gamtichaa kan taate Magaalaan guddittii Itoophiyaafi Oromiyaa turtiin keessummootashee bareedaafi yaadatamaa akka ta’uuf waan irraa eegamu gooteetti. Jiraattoonni magaalitti keessummoota simachuun jajaman hanga yaa’ichi dhumutti obsaafi miira ittigaafatamummaa qabuun turuun galateeffamaniiru.

Dur yommuu yaa’iin kun ga’u daandii cufamuun walqabatee geejibni rakkisaa ture. Alana garuu misooma koridariitiin walqabatee daandiiwwan magaalattii waan babal’ataniif osoo sochiin tiraafikii hindanqamiin yaa’ichi gaggeeffamee xumurameera.

Kanaan walqabatees Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) simannaarraa kaasee keessumsiisuu ture akkasumas sagantaan ture hundi keessummoota kan ajaa’ibsiise ta’uu kaasanii, keessummoonnishee yaadannoo hinirranfatamneefi hindulloomne akka qabaatan ta’uu himu. Kanaarraa kan ka’e keessummoonni turtiisaanii dheereffatan baay’ee ta’uu kaasu.

Itoophiyaan kaayyoowwaniifi qajeeltoowwan Gamtichaa akka milkaa’an murannoo qabdu qophii yaa’ichaafi keessumeessuusaatiin hojiidhaan mul’isuushee eeranii, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa kun haala milkaa’aa ta’een akka adeemsifamu qaamoleen garagaraa waan danda’an hunda gochuu eeru.

Koreen qopheessituu, dippiloomaatonni dhimma alaa, ogeeyyiin pirotokoolii, dhaabbileen teeleefi ibsaa, daandiin qilleensaa Itoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, poolisoonni tiraafikii, dargaggoonni tola ooltonni, miidiyaan, miseensonni aartiifi sarkasii, hoteelonni, hoggantoonniifi ogeeyyiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee, ogeeyyiin qulqullinaa hundinuu qalbii tokkoon dhagahanii akka qaama tokkootti raawwattoota ta’anii hojjechuu ibsu.

Ummanni Magaalaa Finfinnee keessummootaaf kabajaafi keessumeessuu maluuf keennuudhaan, wayita daandiiwwan cufaman obsaan eeguudhaan milkaa’ina yaa’iichaatiif waan irraa eegamu hunda taasisuu himanii, kanaafis maqaa mootummaa Itoophiyaafi maqaasaaniitiin hunduma galateeffataniiru.

“Hundi keenyayyuu miira jaalala biyyaatiin sirnaafi naamusaan hojjechuu keenyaan keessummoota keenya ajaa’ibsiifneerra. Olka’iinsa biyya keenyaa agarsiifneerra. Namoonni midiyaa kuma tokkoo ol ta’an maqaa keenya gaarii addunyaatti agarsiisaniiru. Keessummoonni kuma 10 ol ta’an biyya keenya badhaadhaa jirtuuf ragaa ta’aniiru. Walta’iinsi keenya kuniifi murannoon milkaa’ina biyya keenyaaf qabnu yaa’icha boodas akka ittifufun amana. Hamma Itoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uunshee dhagaarratti barreeffamutti carraaqqiin keenya ittifufa” jedhu.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniitiin, yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan bifa baay’ee ho’aa ta’eefi kan duraarraa adda ta’een gaggeeffamee xumuramuu eeranii, yaa’iin gamtichaa miidhagina magaalaa Finfinneefi kaka’uumsa dinagdee uumuurra darbee hawwata turizimiifi fuulawwan gaarii magaalittii akkasumas, gaarummaa ummataafi simannaa keessummaa gama beeksisuutiin gahee olaanaa taphachuu ibsu.

“Yaa’ii kanaan Finfinneen akkuma kana duraa keessummaa simachuufi hojii itti gaafatamummaa walirraa bu’e manneen hojii federaalaa dhimmichi ilaallatuufi jiraattota magaalittii waliin ta’uun dandeettii keessummeessuu olaanaa ta’e kan itti mul’iste yemmuu ta’u, waltumsinee waloon hojii hojjenneen biyya keenya qofaaf osoo hintaane obboleewwan Afrikaatiif kan ittiin boonan ta’uu keenya irra deebiin mul’isneerra” jedhu.

Keessummoonni keenyas jijjiirama argan ajaa’ibsiifatanii, Finfinnee keessa turuu kan jaalataniifi irra deddeebiin dhufuu akka hawwan dhaga’uu kaasanii, jiraattonni magaalaa Finfinnees kabajaafi fudhatamummaa keessummaa guddaa mul’isaniif akkasumas kaayyoo keessummoota keesssummeessuuf jecha daandiileen wayita cufaman obsaafi gaarummaa guddaa taasisaniif galata dhiheessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 15 Bara 2017

Recommended For You