Sagantaan sochii gibiraafi taaksii mataduree, “Dirqamakoo nan bahadha, mirga koos nan gaafadha’ jedhuun Sanbata darbe Oromiyaatti ifatti eegalameera. Sagantichi waggaa guutuuf kan turu yoo ta’u, hanga sadarkaa gadiitti itti fufiinsaan adeemsifama. Kaayyoon sagantichaas hubannoo hawaasni gibiraafi taaksiirratti qabu gabbisuufi kaffaltoota gibiraa dadammaqsuudha.
Daarektarri Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa, Aadde Caaltuu Saanii akka jedhanitti, Oromiyaa jaallannu ijaaruu kan dandeenyu faarsuudhaan qofa osoo hintaane diinagdeedhaan utubuudhaani. Gibiraafi taaksii haqaan kaffaluun dirqama lammii biyya isaa jaallatuufi ittigaafatamummaan itti dhaga’amu irraa eegamuudha. Namoota gibiraafi taaksii amanamummaadhaan kaffalaniif abbaan taayitichaafi bulchiinsi mootummaa naannichaa galata olaanaa kan qabuuf ta’uu himu.
Akka Aadde Caaltuun jedhanitti, galiin gibiraafi taaksii naannicha irraa sassaabamu waggaa waggaan dabalaa kan jiru ta’us dinagdee naannichi maddisiisu waliin yoo madaalamu gahaa miti. Biyyootni Awurooppaafi Ameerikaa sirna gabaafi daldala isaanii ammayyeessuun omisha waliigalaa isaanii irraa galii gibiraafi taaksii %40 ol walitti qabaa jiru.
Denmaarki omisha waliigalaa biyyattii irraa galii gibiraa %49, Jarman %46, Ostiriyaa %43, Afrikaa Kibbaa, %29, Gaanaan %21, Keeniyaan %18 kan sassaaban yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo %10-11 irra cehuu hindandeenye. Bittaafi gurgurtaan sirnaan galmaa’uu dhabuun sababoota galii gibiraafi taaksii Itoophiyaa xiqqeessan keessaa isa tokko.
Sirna bittaafi gurgurtaa keessatti nagahee kennuufi gaafachuu dhabuun, daldalaan galii dhoksuun, gibira waliin dhahuun, hubannoo hawaasni gibiraafi taaksii irratti qabu laafaa ta’uufi sirni daldalaa ammayyaa’aa ta’uu dhabuu sababoota galii gibiraafi taaksii biyyattii irratti rakkoo uumaa jiraniidha.
Gibira bara 2010 sassaabame keessaa harki 43 kan hajjetoota mootummaafi dhaabbilee dhuunfaati. Lakkoofsi daldaltoota gibiraa waliin dhahaniis salphaa waan hitaaneef kanneen seera daldalaafi gibiraa eeganii hojjetan irratti dhiibbaa qaba. Galii argatan irraa namaa qooduufi galii argatan irraa gibira kaffaluu dhabuun sirna Gadaa, amantaa kiristaanaafi isilaamaa keessaattis fudhatama kan hinqabne ta’uu dubbatu.
Biyya ofii kan ittiin waamamaniifi keessa jiraatan hatuufi saamuu caalaa waanti nama qaanessu hinjiru kan jedhan Aadde Caaltuun, ummataafi biyya ofii jalaa hatanii kabaja argachuunis hindanda’amu. Qaamni galii gibiraa miliqsuufi waliin dhahu gocha qaaniifi kabaja namaa hir’isu ta’uu isaa hubatee galii argatu irraa gibira amanamummaan kaffaluu akka qabu yaadachiisaniiru.
Galiin gibiraafi taaksii irraa sassaabamu misooma hawaas-dinagdee biyyaafi naannichaa si’eessuuf gargaara jedhanii, hawaasni gibira amanamummaafi yeroon akka kaffaluuf hojiin hubannoo uumuu, dadammaqsuufi seera gibiraafi taaksii kabajchiisuu waggaa guutuuf itti fufiinsaan ni hojjetama. Kaanneen gibira waliin dhahaniifi dhoksan irrattis tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu himu.
Olaantummaan seeraa kan kabajamu dirqama keenya baanee, mirga keenya yoo gaafanneedha kan jedhan Aadde Caaluun, dimokraasii yeroo jennu waa’ee mirga keenyaa qofa osoo hintaane waa’ee dirqama raawwachuu qabnuu dagachuu hinqabnu. Mirgi keenya kabajamuu kan danda’u dura yoo dirqama keenya baaneedha. Seera gibiraafi taaksii kabajchiisuuf hundi keenya waliin taanee qaama gibiraafi taaksii dhokisuufi waliin dhahu saaxiluu qabna. Jaalala naannoofi biyya keenyaaf qabnu galii arganne irraa gibiraafi taaksii amanamummaan kaffaluudhaan haamul’ifnu jedhu.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa akka jedhanitti, misoomaafi guddina biyyaa ykn naannoo tokkoo kan ariifachiisu ykn duubatti kan harkisu qabeenya mootummaan sun qabuudha. Mootummaan qabeenyaafi faayinaansii gahaa of harkaa hinqabne hangam yoo hawweefi ifaaje illee gaaffii misoomaa hawaasni isa gaafaatu yeroodhaan deebisuu hindanda’u. Kanaaf galii mootummaa guddisuu dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Sosochiin gibiraafi taaksii waggaa guutuuf ittifufu kun galii guddisuun mootummaan gaaffii ummataa yeroon akka deebisuuf gargaara jedhanii, gurmaa’inniifi caaseffamni Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa erga sirraa’ee as galiin mootummaa yeroo gara yerootti guddataa jira. Galiin mootummaa naannichaa bara 1998 miiliyoona 600 hincaalle, bara 2010 gara biiliyoona 16tti guddateera. Galiin naannichaa waggoota 10 keessatti dachaa hedduun guddateera. Galiin kun harki walakkaan hojjetaa mootummaa irraa waan sassaabamuuf galii naannichaa sirriitti sassaabamaa jira jedhanii dubbachuun baay’ee ulfaataadha jedhu.
Oromiyaan madda dinagdeefi sochiin gabaa bal’aan kan keessatti adeemsifamu, hojjetaa mootummaa, dhaabbilee dhuunfaafi daldaltoo hedduun kan keessatti argaman ta’us galii naannichi maddisiisu sirriitti sassaabnee gaaffii ummata deebisaa jirra jechuu hindandeenyu kan jedhan Obbo Lammaan, daldaltoota gibiraafi taaksii kaffalaa jiranirraa galii gibiraafi taaksii qooddachuu qofa osoo hintaane tajaaajila isaan mootummaarraa barbaadan guutuun dirqama mootummaa ta’uu eeru. Gurmaa’insa mootummaan naannichaa dhiyeenya kana taasise keessaa tokko hawaasaafi daldalaaf tajaajila haqummaafi si’aayinaan kennuu akka ta’e dubbatu.
Misoomaa naannichaa guddisuuf galii keenya duguugnee sassaabuu qabna. Kan galii argatu kamiyyuu utuu qaamni mootummaa isa hin adamsin gibiraafi taaksii kaffaluun dirqama isaa ta’uu hubachuu qaba. Galii dinagdeen naannichaa maddisiisuu guutummaatti kan sassaabnu yoo ta’e misoomni keenyas hangasumaa guddachaa adeema. Oromiyaa misoomsuu, guddisuufi jijjiiruun galii keenya irratti waan hundaa’uuf daldaaltoonni, abbootiin qabeenyaa, hoggantoonni, hojjettoonni mootummaafi hawaasani naannichaaf waliin taanee warra taaksiifi gibira dhoksan saaxiluufi barsiisuudhaan akka isaan kaffalan taasisuutu nurra jira jedhu Obbo Lammaan.
Oromiyaan akka misoomtu, guddattuufi jijjiramtu barbaanna yoo ta’e madda faayinaansii mootummaa guddifneedha jedhanii, qaamni mootummaas jabaatee haqummaafi qulqullummaan hojjechuun kan irraa eegamu ta’uun akkuma jirutti ta’ee qaamni hawaasaa hundinuu tumsa olaanaa taasisuu akka qabu dhaamaniiru.
Ambaasaadaroota sosochii taaksiifi gibiraa ta’uun atileetota, artistoota, abbootii amantii, abbootii Gadaa, kaffaltoota gibiraafi barattoota filatamaniiru. Ambaasaaddaroonni filatamanis sosochii gibiraafi taaksii waggaa guutuuf naannichatti taasifamurratti hirmaachuun kaffaltoota gibiraafi taaksii dadamaqsuufi barsiisuuf kan hojjetan ta’uu waadaa seenaaniiru.
Ambaasaaddara sosochii gibiraafi taaksii ta’uun kan filatamte Koloneel Atileet Daraartuu Tulluu akka jettetti, gibiraafi taaksii kaffaluun dinagdee biyyaa guddisuudha. Daandii caccabaa irra deemuu, bishaan dhugaatii qulqulluufi ibsaa dhabuu, mana barumsaafi mana yaalaa dhabuu namni barbaadu hinjiru. Mootummaan tajaajiloota kunneen akka guutuuf gaafachuun dura gibiraafi taaksii kaffaluun gahee keenya ta’uu isaa hubachuu qabna. Gibiraafi taaksii kaffaluun ijoollee keenyaaf bu’uura gaarii haa buusnu.
Gaaxexeessaafi Artisti Jaafar Aliis akka jedhutti, waggoota afran darban hawaasaan gibiraafi taaksii hinkaffalinaa jechaa tureera. Yeros mootummaa sana laaffisuufi umurii gabaabsuufi. Yeroo sana sirriidha turre. Amma immoo misooma keenya akkuma dur turetti oofuu osoo hintaane waan gaafa fincillu sana balleessines bakkatti deebisuuf dirqamni gibiraafi taaksii kaffaluu keenyaa dachaa ta’uu qaba. Rakkoon gibiraafi taaksii kaffaluu dhabuu biyya keenyaa hubannoo dhabuudha.
Akka gaazexeessichi jedhutti, biyyoota guddatan keessatti gibiraafi taaksii kaffaluun mallattoo qaroominaati. Gibiraafi taaksii kaffaluu dhabuun ammoo yakka qofa osoo hintaane qaaniidha. Manaafi biyyi tokko. Namni manasaa ijaaruufi meeshaa barbaachisuun guutee itti fayyadamuuf of hinqusatu. Gibiraafi taaksii kaffaluu dhiisuun wallaaluma. Waanti inni kaffale deebi’ee misooma isaaf akka oolu hubachuu dhabuudha. Namni gibiraafi taaksii nyaatu sammuu saa waliinuu araara hinqabu.
Qeesis Balaay Mokonnon akka jedhanitti, gibiraafi taaksii miliqsuun cubbuudha; amanamummaan kaffaluun ammoo kabaja. Namni kan rabbii rabbiif, kan mootummaa mootummaaf sirriitti hin kaffale yakkamaadha. Waaqayyo namni qabeenya akka bulchuuf waan muudeef namni gibira sirriitti hin kaffale akka nama rabbiin hateetti lakkaa’ama. Gibira sirriitti kaffaluun Waaqa birattis ta’e mootummaa biratti ulfina nuuf malu akka argannu waan nu taasisiif gibira amanamummaafi haqaan kaffaluu qabna.
Aartisti Hacaaluu Hundeessaa gamasaatiin akka jedhutti, bulchiinsi gaariin, nageenyiifi gibirri misoomaafi guddina biyya tokkoof daran murteessoodha. Biyyootni guddatan yoo barbaadan bishaan jala ykn samii irra daandii kan ijaaran gibira ummata isaanii irraa sassaabaniini. Kanaafuu ummatni keenya hundi aadaa gibira kaffaluu gabbifachuun biyya isaa guddisuu keessatti qooda isa irraa eegamu bahachuu qaba. Qaamni gibira sassaabus utuu gibira sassaabame hinsharafin kallattiin hojii misooma biyyaatiif akka ooluuf hojjechuu akka qabu dhaamsa dabarseera.
Ammaan booda gibiraafi taaksii seeraan utuu hinkaffalin gaaffii misoomaa gaafachuun hindanda’amu kan jedhu Artisti Hacaaluun, gibiraafi taaksii kaffaluun dirqama lammummaafi biyyummaati. Gaaffiin misoomaas gibira kaffaluun booda ta’uu qaba jedha.
Artisti Hawwii Tazarraa akka jettutti, gibira kaffaluun misoomaafi guddina dinagdee si’eessuun hawaasni tajaajila tajaajiloota maana yaalaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaafi daandii akka argatan waan taasisuuf hundinuu galii argatu irraa gibira seeraan kaffaluu akka qabu dhaamti.
Artisti Biddiiqaa Tafarii akka jedhutti, namni kamiyyuu biyya keessa jiraatuufi mirgasaa itti gaafatu keessatti galii argaterraa gibira kaffaluu qaba. Biyya abbootiin keenya aarsaa hedduu itti kaffalanii asiin gahan nuyi ammoo gibira kaffaluudhaan gara ittaanutti ceesisuu qabna jedha.
Kaffalaa gibiraa olaanaa kan ta’an Injinara Dirribaa Dafarshaa akka jedhanitti, gibira kaffaluun biyya ijaaruu, guddisuufi mootummaa jabeessuudha. Kanaafuu kaffalaan gibiraa galii xiqqoos ta’e guddaa argatu gibiraafi taaksii seeraan kaffalu biyyaaf bu’aa guddaa buusa.
Bariisaaa Bitootessa 20/2011
Natsaannat Taadasaatiin
3 Comments to “Oromiyaa jaalannu gibira kanfaluudhaan haa ijaarru”