Shaampiyoonaan aadaa Oromiyaa Shaashamanneetti adeemsifama

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan godinaaleefi bulchiinsota magaalota Oromiyaa jidduutti kan adeemsifamu shaampoyoonaan ispoortii aadaafi feesitvaaliin aadaa kan baranaa Amajjii 18 bara 2017 Magaalaa Shaashamanneetti eegalama.

Walta’iinsa Godina Arsii Lixaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin kan keessumsiifamu shaampiyoonaa 30ffaafi feestivaalli 17ffaa baranaa kanarraatti godinaaleefi bulchiinsonni magaalotaa akka hirmaatan Obbo Abdiisaa Taayyee ittigaafatamaan waajjira Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.

Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti kan hirmaatan godinaaleefi bulchiisonni magaalaas sadarkaa godinaafi magaalattii dorgommiisaanii xumuruun guyyaa shaampiyoonichi itti jalqabamu eegaa akka jiranis Obbo Abdiisaan muldhisaniiru.

Shaampiyoonaan kun Gulufa Fardaa, Qillee, Saddeeqaa, Waldhaansoofi Korboo dabalatee akaakuuwwan ispoortii sagaliin kan gaggeeffamu ta’uus Obbo Abdiisaan ibsaniiru.

Sababiin shaampiyoonaan kun itti adeemsifamuuf dargaggoota ciccimoo horachudhaan naannicha bakka bu’anii shaampiyoonaa aadaa guutuu Itoophiyaa kan sadarkaa biyyaalessaatti barana Naannoo Beenishaangul Gumuzitti adeemsifamurraatti hirmaachisuuf akka ta’us ittigaafatamtichi mul’isaniiru.

Kana maddiitti ispoortii aadaa dargaggoota keenya qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi barattoota magaalaafi baadiyyaa biratti caalaa akka hordofamu, aadaafi duudhaan abbootii keenyaa kunuunsamee akka eegamu guchuufi jedhaniiru.

Aadaa waraabamee hin dhumne kana dargaggoota manneen barnootaa, magaalaafi baadiyyaa jiran biratti ispoortiin kun akka babaldhatuuf leenjiiwwan ispoortii aadaa kennamaa akka tures muldhisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You