Kophee ‘Abbaa Qoree’ (Abbaa Saqqii) kana artistoota, caasaalee nageenyaafi dargaggootarratti darbee darbee arguu dandeenya, eessatti hojjetame? eenyuun kalaqame?gatiinsaa meeqadha qaalii ta’uu hindidu jennee of gaafachuun keenya kanamalees hawwuun keenya hinoolu.
Kopheen kun biyya alaatii kan galeedha malee biyya keessatti kan omishame miti jennee fedhii keenya daangessuun hawwuun alatti binnee keewwachuu akka hindandeenye of amansiisneerra ta’a.
Dhugaadha qorqalbiin keenya waan bareedu battala argeen alarraa kan gale gatiinsaa qaalii bakka muraasa qofatti kan argamu namoota muraasa qofaan kan keewwatamu ykn dhuunfatamu taasisnee ilaaluun waan barameedha.
Haata’u garuu omisha biyya ofiifi ogeessota biyya ofiin miidhaganii bahuun akka danda’amu Ministirri Muummee keenya Doktar Abiyyi Ahmad uffata suufii biyya keessatti omishameen faayamanii bu’aa biyya keenyaati jedhanii yeroo beeksisan eessa akka geenye agarsiistuu guddaa ta’uu hubachuun nidanda’ama.
Ogeessota bu’aalee kalaqaafi omishaa hedduuf abbaa ta’an osoo qabnuu kan uffannuufi kan keewwannuuf yeroo hunda meeshaalee alaa galan ilaaluun akka hafuuf bu’aa ogummaa dargaggoota keenyaatiin dhiyaachaa jiran ilaaluun barbaachisaadha.
Faanni imaltuu Gaazexaa Bariisaa alanaas gara Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Malkaa Gafarsaa nugeessuun dargaggoota waldaan gurmaa’anii kophee Abbaa Qoreefi kan biroo harkaan omishuun qalbii nama fuudhan sakatta’uun turtii waliin taasiste kunooti.
Kopheen Abbaa Qoree darbee darbee artistoota, caasaalee nageenyaa tokko tokkoofi caalaattimmoo dargaggootarratti qofa mul’ata. Yeroo dheeraaf kopheen kun alarraa akka waan galuutti waan amanamuuf gabaarra deemanii barbaadanis argachuun hindanda’amu ture.
Namoonni baay’ee eessaa argama jedhanii wayita gaafatan nidhaga’ama. Haata’u garuu kopheen Abbaa Qoree kun alaa kan galu osoo hintaane dargaggoota waldaan gurmaa’anii hojjetaniin kan qophaa;u bu’aa dargaggoota Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Malkaa Gafarsaati.
Omishtoonni kophee Abbaa Qoree maqaa Waldaa Oomishtoota Kophee Gonfaa Laliseefi Hiriyootasaa jedhuun Kutaa Magaalaa Malkaa Gafarsaatti bara 2016 sadii ta’anii hundaa’uun hojjetaa jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kophee Abbaa Qoree, kophee dhoqqee gabaabaa, kan suufii, borsaa dubartii miidhagsanii hojjechuun ofis biyyasaaniis tajaajilaa jiru.
Kopheen Abbaa Qoree kun ogummaan hedduu itti bocamee kan qophaa’u yoo ta’u qulqullinaanis ta’e miidhaginaan kophee alarraa galu kan caalu ta’uu miseensonni waldichaa ibsu.
Dargaggoo Kabbee Dabalaa waldicha keessatti kanneen ogummaan tajaajilaa jiru yoo ta’u, ogummaa kophee hojjechuu markaatootti horachuu kaasa. Sadarkaan barnootasaa kutaa 8ffaa ta’us ogummaa barnoonni qalamaa dhaabbata olaanaa kennuun olitti muuxannoo markaatootti ogeessotarraa horateen guyyaatti kophee Abbaa Qoree shan hojjechuu akka danda’u hima.
Kopheen kun qulqullinaanis,tajaajilaanis ta’e miidhaginaan kan alaa galu caalaa bu’aa qabeessa akka ta’e tajaajilamtoonni akka isaaf kaasan ragaa baha. Erga hundaahee waggaa lammaffaa keessa kan jiru waldaansaanii kun meeshaa duubatti hafaafi harkaan kophee sadarkaasaa eeggate namni tokko guyyaatti hanga kophee shanii oomishuu danda’a.
Ta’us dhiyeessiin maashinii ammayyaa osoo jiraatee kophee miidhaginaafi bashannanaaf ta’u kanamalees kan caasaa nageenyaaf tajaajilu dachaan omishuun baasii kophee alaa galchuuf bahu maqsuun akka danda’amu Dargaggoo Kabbeen nikaasa.
Qabsoo eeggattummaafi hiyyumaa seenaa gochuuf qabatanii ka’an kanaan yoo xiqqaate namni tokko guyyaatti kophee Abbaa Qoree shan omishuu akka danda’us eeree; miseensonni waldaa omishtoota kophee kun sadan jechuunis dhiirri lamaafi shamarri tokko waliigala guyyaatti kophee Abbaa Qoree darzana tokko ykn kophee 15 harkaan omishuu danda’u jedha.
Irrajireessaan kophee kana kan hojjetan ajajaan waan ta’eef lakkoofsi kophee omishamuu xiqqaate malee osoo fedhiin dhiyeessii olaanaa ta’e guyyaatti sanaa ol akka hojjetan dubbata.
Giddugalli isaan kophee itti qopheessan Kutaa Magaalaa Malkaa Gafarsaa bakka IMXn isaaniif qopheessetti yoo ta’u, Finfinneerraa bakki hojii dabalataa osoo kennameefii kanaa ol hojjechuu akka danda’an Dargaggoo Kabbeen ni hima.
Fedhiin dhiyeessii kophee kun wayita isaaniif dhiyaatu geejjiba mataasaanii baasii gochuun namoota barbaadan biraan gahaa kan jiran yoo ta’u kunimmoo baasii hin malleef isaan saaxilaa jira.
Bu’uuruma kanaan ogummaa dargaggoonni kunniin qaban biyyallee kan fayyadu waan ta’eef giddugalli omishaaleesaanii gabaa giddugalaa Finfinneef itti dhiyaatu osoo mijateefii galiinsaaniis akka dabalu, carraa hojii dabalataallee hiriyyootasaaniif akka banan, gatii gabaa tasgabbeessuu keessattis qoodasaanii akka bahatan hima.
Dargaggoo Shuumii Baayyees waldichatti ogummaa kophee hojjechuun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, kutaa 10ffaa xumuree hojii barbaadaa turuu hima. Duubarra bakka hiriyyaansaa kun jalqaba ogummaa itti horate, markaatootti galee gargaaraa ogummicha horachuu dubbata.
Bu’uuruma kanaan yeroo ammaa Malkaa Gafarsaatti ogummaasaa kanaan hojjetee jireenyasaa jijjiiraa jiraachuu eeree, hojichi eeggattummaa kan maqsu ofirra darbee biyyasaafillee bu’aa akka buusu kan isa gargaaruu ta’uu dubbata.
Kopheen alaa galu kan keenya biratti qulqullinaanis ta’e tajaajilaan dorgomaa hinta’u kan jedhe dargaggoon kun, walitti hidhaminsi gabaa haalaan mijataa ta’uu dhabuudha malee yeroo gabaabaa keessatti akka jijjiiraman abdii qaba.
Mala isaan kophee kana ittiin qopheessan duubatti hafaa ta’us hiriyootasaa sadan waliin ta’uun ofkennanii hojjechuun guyyaatti hanga kopheewwan 15 dhiyeessuu danda’u.
Kun ta’us ogummaansaanii kun dhokatee akka hinhafneef deeggarsa gurmiifi bakka hojii gama Malkaa Gafarsaan isaaniif taasifame seenaasaanii jijjiiraa jiraachuullee kaaseera.
Jalqabbiin dargaggoota ogummaan cimsuufi dinagdeen humneessuu gama mootummaan taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuu maludha jedhee keessumattuu eebbifamanii eeggattummaa jalatti kufuu, hojii barbaacha jooruufi miira hirkattummaa kan dhabamsiisu waan ta’eef ittifufuu akka qabu himeera.
Fedhiin kopheewwan gara garaa karaa maamilaa dhiyaachaafii jiru olaanaa ta’uu kan hime dargaggoo Shuumiin, giddugalli dabalataa keessumaa Finfinnee keessaa dhibuun duubatti isaan harkisaa jiraachuu ibsa.
Irrajireessaan jiraattonni Finfinnee fedhii kophee kanaa qabaatanis yeroo barbadametti biraan gahuuf haalli mijataa waan hintaaneef bakki hojii dabalataa osoo mijaateefii baasiin geejjibaaf bahu baraaramuufii akka dandahu, maamilasaaniin salphaatti gahuufis haalli mijataa akka uumamuufii dandahu kaasa.
Kophee Abbaa Qoree dabalatee kanneen biroo kunniin bu’aa dargaggoota Malkaa Gafarsaa akka ta’e hinbeekamu jedhee walitti hidhamiinsi gabaa Finfinnee giddugaleeffate osoo mijateefii fedhii maamiltootaa guutuun ala sharafa alaa argamsiisuufillee cichanii hojjetaa akka jiran dubbateera.
Shamarree Caaltuu Dabalaas miseensa waldichaa yoo taatu kutaa 12ffaa xumurtee qabxii darbiinsaa waan dhabdeef gara ogummaa kophee hojjechuutti makamuu himti.
Jalqaba kanan itti baru natti hinfakkaanne kan jette shamarreen kun, duuba kana garuu ogummichaan of gahoomsitee hirkattummaafi eeggattummaa seenaa gochaa jiraachuu kaasti.
Ogummaan nama boonsa, ofitti amanamummaa namatti hora jettee, yeroo ammaatti kopheefi borsaa dubartootaa miidhagaa ta’e qopheessuun waahillaanshee waliin galiishii fooyyessaa jirti.
Rakkoon dhiyeessiifi maaashinii ammayyaa isaan qoraa jiru gama mootummaan ykn dhaabbileen osoo mijateefii sadarkaa biyyaatti hojii biyya boonsu hojjechuu akka dandahan ibsiti.
Dhiyeessiin gogaa qoree sibiilaafi jaleen kophee gatiinsaa olaanaa ta’us gatiin isaan kophee kana itti gurguran, giddugalli gabaaf wirtuu ta’eef kan hinmijanne waan ta’eef osoo itti yaadameefii kanaa ol akka omishan, carraa hojii dabalataallee hiriyyootasaaniif akka uuman eerti.
Walumaagalatti kopheen Abbaa Qoree dheeraafi gabaabaa, kan bashannanaa kanamalees borsaan dubartootaa miidhagaa ta’e kun bu’aa dargaggoota Malkaa Gafarsaati.
Miirri kutannaa jiraannaan hirkattummaafi eeggattummaa seenaa gochuun ofirra darbanii biyya ofiif wabii ta’uun kan danda’amu ta’u sochiin daargaggoota kanaa agarsiistuu guddaa yoo ta’u; hudhaa omishasaaniin walqabatee ka’u mijeessuufis mootummaan deeggaruu qaba jenna.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017