Itoophiyaan waggaa waggaadhaan maallaqa olaanaa baasuun boba’aa alaa galchiti. Fakkeenyaaf bara 2015 boba’aaf doolaara biliyoona 4.1 baasteetti. Kunis biyyattiin galii doolaara biliyoona 4.4 alergii waggaarraa argattu keessaa harka caalu bittaa boba’aatiif oolchuushii kan agarsiisuudha.
Boba’aan baasii olaanaadhaan biyya keessa gale kun otoo sirnaan fayyadamaaf dhiyaachuu qabuu oggaa haala hinmalleen gabaa gurraacharratti akka feeteedhaan gurguramu mul’ata.
Sababa boba’aan biyya keessa gale sirnaan fayyadamaaf hindhiyaanneef konkolaattonni baajaajiirraa kaasee hanga awutobisoota guguddoo qaxxaamura biyyaatti jiran yeroo hojiisaanii qaalii gubanii naannawa raabsa boba’aatti hiriira daran dheeraa qabatanii dhaabatanii oolu.
Taateen kun kan yeroo hunda Finfinnee dabalatee magaalota biyya keenyaa xixiqqoo hanga guguddootti jiran hundatti irradeddeebiin mul’atu ta’ullee keessumaa dhuma ji’aarratti nihammaata.
Kana maddiittis boba’aan sharafa alaa olaanaadhaan gale oggaa koddaa pilaastikiifi jarikaanaan buufata raabsa boba’aatii baafamee gurguramu irradeddeebiin magaalota adda addaatti ni mul’ata.
Shirriifi dabni naannawa raabsa boba’aa kanaan walqabatu hedduudha. Kanaafis akka agarsiistuutti kan ka’u waa’ee konkolaattota bottee tibbana boba’aa fe’anii naannoo Affaaritti dhokachuu yaalaniiti.
Akkuma irranatti jenne boba’aan meeshaalee mootummaan hirpha olaanaadhaan alaa galchu keessaa isa tokko. Ji’ootuma shanan darbanittillee hirphi qarshii miliyoona 128 taasifameera. Kana malees mootummaan awutobisoota magaalaafi qaxxaamura biyyaatiif hirpha qarshii miliyoona 463 taasiseera.
Doolaara biliyoona 50 gibira taaksii, vaatiifi kaffaltiiwwan omishaalee boba’aarraa bifa galiitiin mootummaaf galuu qabu dhiisuun dhiibbaa hawaasarra qaqqabuu malu hir’isuuf jecha hirphi taasifameera.
Kanaaf iddoo mootummaan haala kanaan hojjetaa jirutti dabniifi shirri adeemsa gurgurtaafi raabsa boba’aarratti faayidaa hinmalle argachuuf raawwatamu ummatas ta’e biyya kan miidhu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo olaanaa argachuu qabuudha.
Sirni bittaafi gurgurtaa adeemsa seeraqabeessa hordofee karaa haqaqabeessaan fayyadamaa bira akka ga’u gochuuf mootummaan hojmaata to’annoofi hordoffii ammayyaa’e diriirsuun; hawaasni ammoo tattaaffii mootummaan dabaafi shira damicha keessatti raawwatamu ittisuuf taasisu saaxiluun gumaachasaanii bahachuu qabu.
Kanaafis labsii sirnaafi hojmaata bittaa gurgurtaa bu’aalee boba’aa cimsuuf Kamisa darbe Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiin raggaasifame bu’uura gochachuun burjaajii, dabaafi shira damicha keessatti raawwatamuuf furmaata waaraa kennuun ni barbaachisa.
Adeemsi bittaa gurgurtaa bu’aalee boba’aa fichisiisaa hanga fayyadamaatti jirus teknolojiidhaan kan utubame, si’aayaa, kan iftoomina qabu, amansiisaa, haqaqabeessaafi qaqqabamummaansaa mirkanaa’e gochuun murteessaadha.
Labsicha keessatti bu’aalee boba’aa bakka eeyyamameefiin ala kuusuun, sirna bittaafi gurgurtaatiin ala gurguruun, gara biyyoota ollaatti kontirobaandiidhaan geejibsiisuufi gochoota seeraan alaa biroo raawwachuun ittigaafatamummaa yakkaa akka hordofsiisu waan tumameef kana sirna to’annoofi hordoffii cimaa diriirsuun sirriitti hojiirra oolchuu barbaachisa.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017