“Wallagga Lixaatti miseensotni WBO sochii gara nagaatti deebi’uu ittifufanii jiru” -Obbo Taliilaa Tarrafaa bulchaa godinichaa

Oromoon wareegama kaffalaa dhufee ammas qe’eesaatti wareegama kaffalaa ittifufuu hinbarbaadu. Goleewwan Oromiyaa hundatti qilleensi nagaa bubbisee injifannoo argate tikfachaa boqochuu barbaada.

Kanaaf Oromoon waraanni na ga’a jechuun nagaa naaf buusaa jechuun ejjennoofi dheebuu nageenyaaf qabu yeroowwan adda addaatti dirreetti bahee ibsateera, agarsiifateeras. Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e biyyaa gaaffii ummataa eeyyentaa guutuun fudhatee balbala nagaa banee harka nagaa diriirsee waamicha nagaa cimsee ittifufeera.

Miseensonni WBO bosona galanii turan gareefi dhuunfaan waamicha ummataafi mootummaa fudhachuun galaa turaniiru; galaas jiru. Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru bifa waaraan furuufis mariin qondaaltota WBOfi mootummaa jidduutti biyya keessaafi alatti taasifamaa tureen firiin mul’achuu jalqabeera.

Kanumarraa ka’uunis qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin mariifi marabbaa duudhaa sirna Gadaa Oromootiin dhimmoota bu’uura nageenya waaressuurratti mariin gaggeeffamee waliigalteen nagaa mallatteeffamee hojiitti seenameera.

Waliigalteen nagaa kun ummata Oromoof aara galfii olaanaadha. Goleewwan Oromiyaa hundatti qilleensi nagaa akka bubbisu taasisuu bira darbee diinota Oromoo naasiseera. Kanaaf mootummaan naannoo Oromiyaa akkuma kaleessaa ammas dhibdee qe’ee Oromoo hunda gaaddisa mariitti furuuf ejjennoo guutuu qaba. Sadarkaa yeroo ammaa irra jirru kanatti dhimma Oromoo tokkoomsu malee rakkoon siyaasaa bu’uuraan Oromoo walwaraansisu tasumaa akka hinjirres sirriitti hubatamuu qaba.

Gama kaaniin ammoo nagaa eeguu, tasgabbii tiksuufi araara buusuun bu’uura sirna Gadaati. Eenyummaan Oromoos dhibdee hunda gaaddisa mariitti fixachuufi nagaa waloo tiksuun beekama. Kanaaf Oromoon nageenya qe’eesaatii badee ture deebifachuuf duudhaa Oromummaa bu’uureffateen araarri akka bu’uufi qe’een Oromoo nagaa akka ta’uuf ifatti irra deddeebiin gaafateera, ummanni deebii argateefis dirreetti bahee galata dhiyeesseera.

Mootummaanis ejjennoo nagaa waaressuuf harka nagaaf diriiirsee, balbalas nagaaf banee aantummaa dhugaa ummataaf qabu mirkaneesseera. Qondaaltotni WBO gaaffiifi dheebuu nagaa Oromoon qabuufi waamicha mootummaan taasiseen tarkaanfii seenaqabeessa fudhataniiru. Kanaanis gola Oromiyaatti qilleensi nagaa bubbisuu eegaleera.

Ammas qe’ee Oromootti nagan akka waara’uufi hojiileen misoomaa eegalaman gama maraan akka ittifufaniif ejjennoon mootummaa nagaaf qabu olaanaadha. Daandiin nagaas injifannoo hundaa ta’uu cimsee amana. Qilleensi nagaa goleewwan Oromiyaa hundatti bubbisuu eegale bu’aa imala nagaa waaressuufi tarkaanfii fedhiifi gaaffii ummataaf dursa kennuu jiddugaleessa kan taasifateedha.

Ajandaan mootummaafi ummataa nagaa waaressuufi dhimma waloo Oromoorratti Oromoon akka waliin hojjetuuf manii taasifatee hojjechaa jira. Nagaa waaressuufi tiksuun kan hundaa ta’uunis qabatamaan mul’achaa jira.

Gaazexaan Bariisaas akka miidiyaa dhimma nageenyaa kanarratti xiyyeeffannaan hojjetaa ture tokkootti haala naannawawwan rakkoo cimaa keessa turan ammaan tana irra jiran ilaalchisuun tibbana qondaaltota mootummaa qaamaan argamee dubbiseera; yaadota ittaananis argateera, hubateeras.

Mootummaafi Qondaaltota WBO waliin waliigaltee taasifame hordofee godinaalee rakkoo nageenyaa hamaa keessa turan kanneen akka Godina Wallagga Lixaatti haalli nageenyaa fooyyaa’uu cinaatti hanniifi saamichi aanaalee tokko tokkotti raawwatamaa ture dhaabateera.

Keessattuu sirna caasaa mataduree, “Buluunis bulchuunis ganda” jedhuun caasaa gandaa diriirfameen hoggansi hundi gandatti gad bu’uun ummatatti dhiyaatee misoomaafi nageenyarratti xiyyeeffatee hojjechuusaan nageenyi godinichaa akka fooyya’u gumaacheera.

Godinni Wallagga Lixaa aanaalee 20fi bulchiinsa magaalotaa lama kan of keessaa qabu yoo ta’u, qabeenya uumamaatiin daran kan badhaadheedha. Haa ta’u malee, waggoota shanan darban godinni qabeenya uumamaatiin badhaadhe kun sababa rakkoo nageenyaatiin hojjetee misoomuun hafee hiyyummaafi dararama guddaa keessummeessuuf dirqameera. Ammaan tana rakkoon nageenyaa fooyya’uusaan ummatni fuulaafi qalbiisaa gara misoomaatti deebifateera.

Gaafdeebiin Bulchaan Godina Wallagga Lixaa sochii misoomaafi nageenyaa godinichaa ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Mee walhaa barruu, maqaa keessan guutummaafi ittigaafatamummaa keessan nutti himaa?

Obbo Taliilaa: Maqaan koo Taliilaa Tarrafaan jedhama, bulchaa Godina Wallagga Lixaati.

Bariisaa: Galatoomaa. Haalli nageenya Godina Wallagga Lixaa yeroo ammaa akkamiin ibsama?

Obbo Taliilaa: Wallaggi Lixaa waggoota shanan ja’an darbanitti sababa boora’uu nageenyaan godinaalee rakkoo hamaafi ulfaataa keessummeessaa turan keessaa isa tokko. Ba’anii galuun, qotanii galfachuun, daldalaan buufachuufi lubbuudhaan jiraachuunuu daran ulfaataa ture.

Haa ta’u malee, tarkaanfii seeraa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatameefi tumsa ummanni dheebuu nageenyaa qaburraa ka’uun taasiseen akkasumas gara nagaatti deebi’aa jiraachuu Waraana Bilisummaa Oromootiin walqabatee nageenyi godinichaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufeera.

Bariisaa: Oggaa nageenyi fooyya’eera jettan ammayyuu bakkeewwan rakkoon nageenyaa qaban jiru jechuu keessanii?

Obbo Taliilaa: Eeyyeen, aanaalee godinichaa bosonni itti heddummatu tokko tokko keessumaa kanneen naannolee Beenishaangul Gumuziifi Qellem Wallaggaatiin waldaangessanitti qaamni hidhatee bosona jiru danqaa uumuuf wayita wixxirfatu ni jira. Haaluma kanaan aanaalee godinichaa kanneen akka Mana Sibuu, Gullisoo, Qilxuu Kaarraa, Beegiifi Qondaalaatti darbee darbee rakkoon nageenyaa nimudata.

Bariisaa: Mootummaafi Qondaalota olaanaa WBO gidduutti waliigalteen taasifamuu hordofee miseensotni WBO gara nagaatti deebi’uufi jijjiiramni sanaan walqabatu maal fakkaata?

Obbo Taliilaa: Tole, akkuma godinaalee biroo waamicha nageenyaa taasifameen miseensotni WBO 88 ta’an gara nagaatti deebi’aniiru. Ammas kanneen gara nagaatti deebi’uuf qaamolee bulchiinsaafi nageenyaatti bilbilachaa jiran hedduudha.

Hedduusaaniif Raayyaan Ittisa Biyyaa haala mijeessee osoo isaan hinmiidhamiin gara ummataatti akka deebi’an taasisaa jira. Haa ta’u malee, hoggansi garichaa saamicha baree ittifufuu fedhuufi yakkoota guguddoo raawwachaa turetti qaana’u ittigaafatamummaa jalaa miliquuf waraana bosonatti ittisaa jira.

Fakkeenyaaf Aanaa Mana Sibuutti miseensotni WBO osoo gara nagaatti deebi’uuf carraaqanii hoggansi garichaa irra gahee turfachuuf wayita aggaamu tumsa Raayyaa Ittisa Biyyaatiin fashaleessuun miseensota kunneen baraaruun danda’ameera. Walumaagalatti, miseensotni WBO gara nagaatti deebi’uu hordofee nageenyi godinichaa fooyya’uu bira darbee hanniifi saamichi dhaabateera.

Bariisaa: Qondaalota WBO hafan gara nagaatti deebisuuf tattaaffii taasifame otoo nuu ibsitanii?

Obbo Taliilaa: Tibba darbe Aanaa Sayyoo Nooleetti qondaala WBO tokko eegdotasaa waliin gara nagaatti deebisuun danda’ameera. Odeeffannoo jiruun gara nagaatti deebi’uurratti danqaa uumaa kan jiru waraana osoo hintaane hoggansa waraanaati.

Ta’us nageenya godinichaa waaressuuf sochii qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran cinatti jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqee akkasumas ummatni godinichaa ijoollee bosona jiran gara qe’eetti deebisuuf sochii walirraa hincitne taasisaa jiru.

Miseensota WBO gara nagaatti deebi’aniifi maatii ijoollee bosona jiran kanaatti fayyadamuun miseensota mooraa diinaa keessa jiran gara nagaatti fiduuf hojii bal’aa hojjetameen milkaa’inni guddaan galmaa’aa jira. Sochiin kun fuuldurattis cimee kan ittifufu ta’a.

Wanti hubatamuu qabu mooraa diinaa kana seenuun salphaa fakkaatus keessaa ba’uun daran rakkisaa ta’uu ijoolleen miliqanii ba’an ibsaa jiru. Ijoollee baay’een ba’uu fedhii guddaa qabaatanis eegumsi jabaafi tarkaanfiin gara jabina irratti waan fudhatamuuf karaa ba’an dhabanii rakkachaa akka jiran hubatameera.

Bariisaa: Ummatni sababa nageenyaatiin qe’eesaarraa buqqa’e akka qe’eesaatti deebi’uuf maaltu yaadame?

Obbo Taliilaa: Shaneen ummata sabaan Amaaraa ta’an aanaa Gimbii bakka Tolee jedhamuu bal’inaan buqqisee ture. Ta’us barana sochii jabaa taasifameen ummatni qe’eesaarraa buqqa’e deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Godina Wallagga Lixaatiin qe’eesaatti deebisuun danda’ameera.

Kanneen sodaatanii hanga ammaatti qe’eesaaniitti hindeebi’in yoo jiraatanis mootummaan qe’eesaaniitti deebisuuf qophiidha. Haaluma walfakkaatuun, Shaneen ummata Oromootti taappeellaa, ‘Ilma keetu milishaadha, ati caasaa mootummaati, ati gurra mootummaati’ jedhamu itti maxxansuun qe’eesaarraa buqqiseera.

Ummatni qe’eesaarraa buqqa’e kun yeroo ammaa akka warra kaanii dunkaana keessa kan jiraatu osoo hintaane lammiisaatti baqatee kan jiraataa jirudha. Mootummaanis lammiilee deeggarsa fedhaniifis mootummaan hanga humni danda’e deeggarsa taasisaa jira.

Ta’us qe’ee ofiirraa buqqa’uun rakkoo dinagdee, hawaasummaafi qorqalbii hamaaf kan nama saaxilu waan ta’eef oggaa rakkoon nageenyaa guutummaatti furamu ummata kana qe’eesaatti deebisuuf mootummaan qophii rogawwan maraa taasisaa jira. Haala nageenyaa waaressuurrattis halkaanii guyyaa hojjetaa jira.

Bariisaa: Haala nageenyaa rakkisaa keessatti bulchiinsa caasaa gandaa haala kamiin diriirsuu dandeessan?

Obbo Taliilaa: Gandoota godinichaa muraasarraa kan hafe hoggansi sadarkaa gandaatti hojii hojjetu hundi gad bu’ee tajaajila kennuu eegaleera. Hoggansi ummata waliin misoomaa qofa osoo hintaane nageenyarrattis hojjechuun bu’aan argamaa jira.

Waajjira gandaa ijaaruu qofa osoo hintaane manni jireenyaa bulchitootaas ijaaramaa jira. Bakkeewwan rakkoon nageenyaa danqaa ta’ettis qaamolee nageenyaa qabachuun ganda buluun hojiin ganda bu’uuressuu eegalameera. Gama kaaniin ammoo Wallaggi Lixaa godina bal’aa, gandoota 551 qabu waan ta’eef si’a tokkoon gandoota kunneen bu’uuressuun qabeenya guddaa waan gaafatuuf dhawaataan kan itti adeemamu ta’a.

Bariisaa: Sochiin misoomaa godinichaa yeroo ammaa hoo haala kamiin ibsama?

Obbo Taliilaa: Barana fooyya’uu nageenyaa hordofee waliigalaan lafa hektaara 462,428 qotuuf karoorfamee karooraa ol lafa hektaara 487,752 qotuun callaa kuntaala miliyoona 15.1 ol argachuuf sassaabbiin midhaanii adeemsifamaa jira.

Kana malees, lafa hektaara 111,785 qamadii bonaa uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 6.9 argachuuf sochiin eegalameera. Sochii qonnaafi sektaroota biroon waliigalaan namoota kuma 34 oliif carraan hojii dhaabbiifi yeroo uumameera.

Bariisaa: Godinni Wallagga Lixaa omishaalee qonnaa kam fa’iin beekama?

Obbo Taliilaa: Godinni kun omisha bunaatiin sadarkaa olaanaan beekama. Godinichi potenshaala lafa buna omishuuf ta’u hektaara kuma 500 ol qaba. Barana kallattii mootummaan kaa’een buna gabaa giddugaleessaatiif dhiyaatu aanaalee hundatti xiyyeeffannaa addaatiin omishuun ittifufeera.

Gama biraatiin godinichi kuduraafi muduraa, midhaan biilaafi agadaanis daran beekamaadha. Midhaan zayitii kanneen akka saalixiifi nuugii akkasumas atarri gabbataan bal’inaan omishamaa jira.

Kallattii pirezidaantiin naannichaa kaa’aniin mudurri kanneen akka muuzii, avokaadoofi burtukaanaa tokko tokkoo aanaalee godinichaaf 1000 kennuun jallisiin gara omishaatti seenameera. Muduraaleen kunneen galii dabaluufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu cinatti asiidummaa biyyee hir’isuufis shoorri isaan qaban olaanaadha. Keessattuu avokaadoon godinichatti omishamu gabaa alaarratti barbaadamaa yommuu ta’u, bara darbe gabaa alaatti erguun danda’ameera.

Bariisaa: Qabeenya albuudaa godinichi qabu faayidaa dinagdeef oolchuuf sochiin jiru maal fakkaata?

Obbo Taliilaa: Godinni kun irrisaa buna yommuu ta’u jallisaa ammoo kuufama albuudaa biyya jijjiiruu danda’u qaba. Hundaa ol, irrajireessa aanaaleetti kuufamni sookoo bal’inaan mul’ata.

Akkasumas kuufamni sibiilaa aanaalee hedduu keessatti argama. Ta’us kana dura sababa rakkoo nageenyaatiin kuufamni qabeenya albuudaa kun baafamee faayidaa dinagdeef oolchuurratti danqaan uumamee ture. Amma garuu haalli nageenyaa waan fooyya’eef abbootiin qabeenyaa ofiifis hojjetanii duroomuuf, biyyaafis badhaadhina fiduuf gara godinichaatti dhufuu qabu.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaan cinatti godinichatti hudhaaleen jiran maal fa’i?

Obbo Taliilaa: Rakkoon bu’uuraalee misoomaa rakkoo hamaafi madda komii ummataa ta’eera. Daandii guddichi Oromiyaa lixaa walqunnamsiisu Gimbiitti adda citee/manca’eera.

Waa’een rakkoo daandii kanaa qaama dhimmi ilaallatu, Bulchiinsa Daandiiwwaniifi Loojistiksii damee lixaatiin akka suphamu ta’us kan cite daandii asfaaltii kan ittiin suphame cirrachaafi dhagaa waan ta’eef sababa sigiga lafaatiin daandichi caalaattuu akka manca’u taasise. Daandiin kun manca’uun madda komii ta’uu bira darbee sochii dinagdeefi hawaasummaarratti danqaa uumaa jira.

Rakkoon bishaan dhugaatii Magaalaa Gimbiis rakkoo hamaa hanga ammaatti deebii hinargatne ta’eera. Hoteelonni magaalattiitti argaman sababa hanqina bishaaniitiin tajaajila kennuurratti rakkoo guddaa keessa jiru.

Rakkoo bishaan dhugaatii dhabuun kun madda komii jiraattota magaalattii ta’eera. Magaalaan Gimbii gandoota guguddoo kutaa magaalaa ta’uu danda’an ja’a qabaattus rakkoon bishaanii sochii dinagdeerratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsiisaa jira. Hanga kan bishaanii hammaataa ta’uu baatus ciccituun humna ibsaas rakkoo godinichaati. Aanaaleen godinichaa hedduun karaa addaan ciccitaa ta’een humna ibsaa argatu.

Kana malees, rakkoon sigiga lafaa sodaa magaalattii keessaa isa tokko. Magaalaa Gimbiitti bakkeewwan sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an 19 adda ba’anis kanneen hanga ammaatti hojjetaman afur qofa waan ta’eef yaaddoon sigiga lafaa akkuma ittifufetti jira. Rakkoo sigiga lafaa kana maqsuun humna godinichaatiin qofa kan yaadamu waan hintaaneef dhimma gamanumaa xiyyeeffannoo argachuu qabuudha.

Bariisaa: Sochiileen ijaarsa pirojektoota godinichaa hoo haala kamiin ibsama?

Obbo Taliilaa: Mootummaan godina kanaaf xiyyeeffannoo kennuun sadarkaa naannoofi federaalaatti pirojektota tokko tokko ijaaraa jiraachuusaatti ummannis ta’e bulchiinsi godinichaa galataafi kabaja guddaa qaba.

Haa ta’u malee, pirojektonni daandiifi kanneen biroo sadarkaa naannoofi federaalaan hojjetaman daran harkifachaa jiru. Haala amma jiruun harkifachuu pirojektota kunneeniif rakkoon nageenyaas ta’e sababni biroo dhiyaatu hinjiru.

Kanaafuu, pirojektonni harkifachuun madda komii qofa osoo hintaane mootummaas baasii dabalataaf waan saaxiluuf qaamoleen dhimmi ilaalu hundi pirojektonni kunneen yeroo kennameef keessatti akka xumuramaniif tumsa barbaachisu hunda gochuutu isaanirraa eegama.

Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gootanii waan nu waliin turtaniif galatoomaa.

Obbo Taliilaa: Isinillee galatooma

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 3 Bara 2017

Recommended For You